Kitaaba Seera Keessa Deebii2gax_twf

Israa'el Goomolee Keessa Joonjite

1Achiin duuba nuuti garagallee, akkuma Mootiin Waan Maraa na ajajetti, goomolee keessa karaa abbaayaa diintuu geessuun dhandhee, adaala biyya koobittii Se'iirii guyyaa hedduu joonjine.2Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan,3«Isin yennaa dheertuu adaala biyya koobitti'ii tana joonjitaneertan; amma gara kaabaa deebi'a'a.4Ati kolbaa tana ajajiitii, ‹Isin biyya obboleeyyan teessanii ta sanyiin Esaawuu keessa leetu, Se'iir keessa dabartan; isaan isin hin sodaatan; isin ammoo guddoo ifi eeggadha'a.5Ani biyya koobittii Se'iir qabeenna isaa godhee Esaawuuf kenneera. Biyya isaanii irraa ijjata tokkolle isiniif waan hin kenneef isin woraanaaf isaan hin kakkaasina'a.6Sagalee nyaattanuu fi bisaan untanuuf beesee isaaniif kaffala'a› jedhiin» jedhe.7Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan hujii isin hujjanu maraan isin eebbiseera. Inni goomolee badhoo tana keessa yennaa ideentanu isin eegeera; woggoota afurtama tana Mootiin Waan Maraa Waaqi isin woliin waan jiruuf, isin waan tokkolle hin dhanne.8Maarre nuuti obboleeyyan teenna sanyiin Esaawuu ta biyya koobittii Se'iir keessa leetu keessa dabarree, karaa goomolee Arabaayii ta karaa qachaa Elaatii fi Eziyon-Geberii dhufu irraa gorree, karaa goomolee Mo'aabii ideenne.9Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ani qachaa Aarii worra Mo'aabii sanyii Looxiitiif qabeenna isaanii godhee isaaniif kenneera. Lafa isaanii irraa tokkolle isiniif waan hin kennineef, isaan hin rakkisina'a yookiin woraanaaf isaan hin kakkaasina'a» jedhe.10Worri Emiimii dur qachaa Aarii keessa le'aniiyyu; isaan kolbaa jajjadduu bindillaa, akka worra Aanaaqotaa hojjaa dhedheeratanu.11Isaan akkuma worra Aanaaqotaa, «Refaa'ota» jedhamanee waamaman; Mo'aaboti ammoo, «Emiimota» isaaniin jedhan.12Worri Hoorii dur biyya Se'iirii keessa le'aniiyyu; sanyiin Esaawuu ammoo achi keessaa ariitee isaan baache. Akkuma Israa'el lafa Mootiin Waan Maraa isi'ii kenne keessatti goote, sanyiin Esaawuu worra Hoorii ifi duraa ariitee addee isaaniititti qubatte.13Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Amma ka'a'aatii laga Zerediitiin gamatti bu'a'a» jedhe. Maarre nuutille laga Zerediitiin gamatti buune.14Nuuti Qaadesh-Barne'aa kaanee laga Zerediitiin gamatti haga buunutti, woggaa soddomii saddeetitti dabare. Yennaa san keessa akkuma Mootiin Waan Maraa marroo isaaniitiif kakate, loltooti dhaloota sanii marti addee quttumaa keessaa dhumatane.15Addee quttumaa san keessaa ijjumaa haga isaan balleessutti harki Mootii Waan Maraa isaanitti ka'e.16Worri loltootaa ka odduu kolba'aa sun marti yennaa dhumatane,17Mootiin Waan Maraa anaan,18«Isin adha karaa biyya Mo'aabiitiin qachaa Aarii keessa hin dabartan.19Ani duruu lafa san qabeenna isaanii godhee Amoonota sanyii Looxiitiif kenneera. Isin gara lafa Amoonotaa yennaa dhuttane, lafa sanyii Amoonii irraa tokkolle qabeenna akka godhattanu isiniif waan hin kennineef, isaan hin rakkisina'a yookiin woraanaaf isaan hin kakkaasina'a» jedhe.20Worri Refaa'otaa dur waan achi le'aneef, latti tun akka lafa Refaa'otaatitti laakkowante; worri Amoonotaa ammoo, «Zamzumoota» jedhanee isaan waaman.21Zamzumooti kolbaa jajjadduu bindillaa, akka worra Aanaaqotaa hojjaa dhedheerattu. Mootiin Waan Maraa ammoo worra Amoonotaa duraa isaan balleessee, Amoonoti isaan ari'anee addee isaaniititti qubatane.22Mootiin Waan Maraa yennaa worra Hoorii isaan duraa balleesse, sanyii Esaawuu ta biyya koobittii Se'iir keessa leetuufille akkasuma godhe; isaan worra Hoorii ari'anee baasanee, haga adhaatitti lafa isaanii keessa le'iisatti jiran.23Worri Kaftorii ka Kaftor irraa dhufe, worra Aawotaa ka olloota haga Gaaza'aa jiranu keessa le'anu balleessanee, lafa isaanii keessa qubatane.

Mootiin Heshiboonii Sihoonii Injifatame

24Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Amma ka'a'aatii laga Aarnoniitiin gamatti bu'a'a. Kunoo, ani nama biyya Aamorii mootii Heshiboonii Sihoon, biyya isaalle harka keessanitti dabarsee kenneera. Isa lola'aatii, lafa isaa fudhatiisaaf jalqaba'a.25Ani guyyaa adhaa kanaan jalqabee gosi biyya adda addaa ta biyya lafaa gubbaa jirtu marti akka bararaxxee isin sodaattu hin godha. Isaan gurra keessan dhage'anee rommanee hin muddaman» jedhe.26Achiin duuba ani Muuseen goomolee Qedemootii keessaa mootii Heshiboonii Sihoonitti namoota ergee nageya itti dhaamee,27«Biyya teeti keessa dabarree akka deennu nuu eeyyami; nuuti karaa irraa middatti yookiin bita'atti hin gorru.28Sagalee nyaannuu fi bisaan unnu beese'een nutti gurgura'a. Miiluma calla'aan achi keessa akka dabarru,29akkuma sanyiin Esaawuu worri Se'iir keessa le'uu fi Mo'aaboti Aar keessa le'anu nu'uuf godhane, laga Yordaanosii gamatti buunee, gara lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nuu kennuu haga gallutti atille akkasuma nuu godhi» jedheen.30Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ammoo, mootii Heshiboonii Sihoon akka amma godhe kana harka keessanitti dabarsee kenniisaaf, mataa isaa jabeessee akka inni hin ajajane waan godheef, inni biyya isaa keessa nu dabarsuu didate.31Mootiin Waan Maraa anaan, «Kunoo, ani Sihoonii mootichaa fi biyya isaa dabarsee isinii kennuu jalqabeera; amma lafa isaa qabadha'aatii teessan godhadha'a» jedhe.32Sihooniin mootichii fi loltooti isaa marti nu loliisaaf gara qachaa Yaahazii yennaa dhufane,33Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isa harka keennatti dabarsee waan kenneef, nuuti isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa mara ijjeenne.34Nuuti yennaa san qachaa isaa duudii qabannee, namoota qachaa san keessa jiranu dhiira, dubarti'ii fi ijoollee tokkolle adoo hin hamburin isaan ijjumaa balleessine.35Wonni nuuti fudhanne hori'ii fi waan qachaa san keessaa boojine qofa.36Qachaa Aro'erii ka qarqara dhooqa Aarnonii jiruu fi qachaa dhooqa san keessa jiruu jalqannee haga Giil'aadiititti qachaan dalleenni isaa ka dhaka'aa nutti jabaatee hafe tokkolle hin jiru. Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isaan mara harka keennatti dabarsee kenne.37Te'uu malee akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu ajajetti gara lafa Amoonotaa yookiin qarqara lafa laga Yaaboqii yookiin adaala qachoota lafa koobittii keessaa mara itti hin dhikaanne.