Kitaaba Seera Keessa Deebii18gax_twf

Qooda Hayyootaa

1Gosi Lewwootaa hayyooti, gosi Lewwootaa martinuu, sagalee kennansa Mootii Waan Maraatiif dhikaattu qooda ifii godhatanee nyaatanuu ti malee, Israa'el keessatti qooda lafaa yookiin dhaala tokkolle hin fudhatin.2Inni akkuma waadaa isaaniif galetti Mootiin Waan Maraa dhaala isaanii ti; tanaaf isaan obboleeyyan ifii Israa'el keessatti lafa hin qabanu.3Loon yookiin hooleen yennaa ciinca'aaf dhikaatanu, hayyooti harka, boqo'oo fi gadhaacha hin fudhatan.4Midhaan keeti keessaa, daadhii woyni'ii teeti keessaa, zayitii ejersaatii fi rifeensa hoolee teeti irraa murame irralle'ee mataa isaaniif kenni.5Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa teeti keessaa Lewwi'ii fi ilmaan isaa haga bara baraa hayyumma'aan dhaabbatanee maqaa isaatiin akka tajaajilanu isaan filate.6Nami Lewwi'ii tokko, qachoota Israa'el keessa jiranu keessa addee le'uu bayee, fedhii guddo'oon, gara addee Mootiin Waan Maraa filatuu yoo dhufe,7inni akkuma Lewwoota obboleeyyan isaa worra Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf achi isa dura dhaabbatanuu, maqaa Mootii Waan Maraa ifiitiin tajaajiluu hin dande'a.8Waan dhaala abbaa ifii ka gurgurame keessaa dhaggatu biratti, innille nyaata worra kaan woliin wol qixxee qooda qaba.

Aadaa Battii

9Isin lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti yennaa galtane, aadaa battii gosa biyya adda addaa san hin baratina'a.10Nami ilma ifii yookiin intala ifii kennansa gubamuuf dhikeessu yookiin worri moru, nami moora ilaalu, nami faroo ilaalu,11nami xanoo xanu, nami ayyaana hamaa waammatu, nami moru, nami worra du'ane waammatu odduu teessan hin jiraatin.12Nami waan akkanaa godhu Mootii Waan Maraa duratti batticha; sababa hujii battii akkasiitiif, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan oofee si duraa hin baasa.13Ati Mootii Waan Maraa duratti ka komii hin qanne te'i.

Raagicha Dhibii Ka Akka Muuse'ee

14Worri isin achi keessaa baasaartanu, worra xanoo xanuu fi worra moru caqasan; isin ammoo tana akka gootanu Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif hin eeyyamu.15Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan kolbaa teessan keessaa raagicha akka kiyyaa isiniif hin kaasa; isin isa caqasa'a.16Tun martinuu akka halchaa teessanii ta isin guyyaa yaa'ii gaara Siina'aa, «Nuuti akka hin duune, deebinee qoonqoo Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka hin dhageenne, ibidda guddaa kanalle deebitanee akka hin dhaggine» jettanee Mootii Waan Maraa Waaqa keessan daadimattanee ti.17Mootiin Waan Maraa anaan, «Wonni isaan jedhane sirri'i.18Ani raagicha akka keetii kolbaa isaanii oddu'uu isaaniif hin kaasa; jecha kiyya afaan isaa keessa hin keya; inni waan ani ajaju mara isaanitti hin hima.19Nama jecha kiyya ka inni maqaa kiyyaan dubbatu caqasuu didu mara ani hin adaba.20Raagichi tokko adoo ani dubbatiisaaf isa hin ajajin, dubbii tokko maqaa kiyyaan ka dubbatu yookiin maqaa waaqota dhibi'iitiin ka dubbatu ijjeefamuu ti» jedhe.21Isin gadhaa keessan keessatti, «Jecha Mootiin Waan Maraa hin dubbatin san attamiin beekuu dandeenna?» yoo jettane,22Raagichi tokko maqaa Mootii Waan Maraatiin dubbatee, jechi sun muummowuu yookiin dhugaa te'uu yoo dhabe, jechi sun ka Mootiin Waan Maraa dubbatee moti; raagichi sodaa malee waan dubbateef isa hin sodaatina'a.