Kitaaba Seera Keessa Deebii17gax_twf

1Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif diqachiisaa waan te'aneef, loon yookiin hoolee teeti keessaa ka fafa qabanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif hin ciincessin; inni kana hin jibba.2Qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti dhiirti yookiin dubartiin odduu teessanitti, fuula Mootii Waan Maraa Waaqa keetii duratti waan hantuu hujanee Gondooroo isaa yoo diiganee,3waan ani isaan dhoogge waaqota dhibii tajaajilanee yoo isaan waaqonfatane yookiin aduu yookiin ji'a yookiin urjii yookiin dada ol-gubba'aa tokkolle'eef yoo sagadane,4oduun akkasii sitti himamee yennaa dhageette jabeessii qorqori; wonni badduun tun Israa'el keessatti te'iis isi'ii dhugaa yoo teete,5dhiira yookiin dubartii san qachaa keessaa gara karraa baasiitii, dhaka'aan tumiitii ijjeesi.6Nami ijjeefamu sun, nami lama yookiin sad yoo isa irratti dhugaa baye malee, dhugaa baya nama tokkootiin hin ijjeefamin.7Isa ijjeesiisaaf qara dhugaa baatoti, achiin duuba kolbaan marti dhaka'aan isa tumanuu ti. Akka kanaan waan badduu mara odduu teessanii hin balleessita.

Seera Muraa Ittiin Kennanu

8Dubbiin dhiiga dhangalaasiisaa, dubbiin marroo qabeenna namaa, dubbiin dhowanee nama miidhiisaa yookiin dubbii dhibii tana fakkaattu ta qachaa keeti keessatti kaatu irratti, muraa itti kenniisa yennaa dadhaddu, addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti geessiitii,9worra Lewwootaa hayyootaa fi worra yennaa san abbootii mura'aa te'eerutti yaada san dhikeessi. Yennaa san isaan muraa san sitti hin himan.10Atille waan isaan addee Mootiin Waan Maraa filatu sanitti sitti himane godhi. Waan isaan sitti himane mara sirri'itti hujii irra oolchi.11Akka seera isaan barsiisanee fi murtee isaan kennanetti hujadhu malee, isii irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorin.12Nami tokko abbaa mura'aa yookiin hayyicha Mootii Waan Maraa Waaqa keeti tajaajiluuf ajajamuu didee yoo tuffate inni ijjeefamuu ti; akka kanaan waan hantuu Israa'el keessaa mara hin balleessita.13Achiin duuba nami marti tana dhage'ee hin sodaata; deebi'ee waan hantuu hujiisaaf itti hin gamu.

Seera Marroo Moototaa

14Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu dhaaltee, achi keessa qubatteen duuba, «Ani akkuma gosa biyya adda addaa ta adaala kiyyaa mootii hin mootonfadha» yoo jette,15obboleeyyan teeti keessaa ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii filu mootonfadhu malee, nama ormaa ka obboleessa keeti hin te'in mootii hin godhatin.16Mootichi sun fardoo bacaa hin horatin; Mootiin Waan Maraa, «Karaa kanaan lammeessoo hin deebi'ina'a» waan jedheeruuf, akka kolbaan fardoo bacaa horatiisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaxxu hin godhin.17Qalbiin isaa karaa irraa akka hin gorreef, mootichi sun niitolee hedduu hin qabaatin; meeti'ii fi worqii bacaalle hin tuulatin.18Inni barcumaa mootummaa ifii irra yennaa tee'u, kitaaba Lewwoota hayyoota bira jiru ka seerri Waaqaa irratti barreeffameeru kana irraa barreeffatee, woraabbii tokko qabaatuu ti.19Inni jechoota seeraa fi seerata kanaa mara eegatiisaan, muummessiisalle'een, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii sodaatiisa akka ittiin baratu, isa bira tee'uu ti. Inni bara jiruu ifii mara isa dubbisuu ti.20Obboleeyyan ifii Israa'eloota irratti akka inni hin koorre, Israa'el keessatti mootummaan isaatii fi ijoolleen isaa bara dheeraa akka jiraatanu, ajaja Waaqaa irraa gara middaa yookiin gara bita'aa akka inni hin gorre isa eega.