Kitaaba Seera Keessa Deebii16gax_twf

Jila Irra Dabaramaa

1Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ji'a «Abiib» jedhamu halkaniin biyya Gibxi'ii keessaa waan si baaseef, ji'a kana keessa Mootii Waan Maraa keetiif Jila Irra Dabaramaa jilifadhu.2Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka itti waaqonfamuuf filatu sanitti, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa yookiin loon keeti keessaa filiitii ciincaa Jila Irra Dabaramaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ciincessi.3Foon ciinca'aa san daabboo uukoo qadduun hin nyaatin. Ati ariiti'iin biyya Gibxi'ii keessaa waan baateef, bara le'ii teetii mara guyyaa biyya Gibxi'ii keessaa baate san akka qaabattuuf, guyyaa torba daabboo uukoo hin qanneen nyaadhu. Isiin daabboo rakkinnaa ti.4Guyyaa torba san keessatti lafa teeti mara keessatti uukoon hin dhaggamin. Foon ati guyyaa qaraa galgala ciincaa dhikeessite halkan san irraa hafee haga ganamaatitti hin turin.5Ciincaa Jila Irra Dabaramaa, qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessaa tokko keessalle'etti hin dhikeessin.6Garuu addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka waamamuuf filatutti, yennaa aduun seentu, saatii ati biyya Gibxi'iitii baatetti dhikeessi.7Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti foon iffeeliitii nyaadhu; ganama gara dunkaanii teetii deebi'ii deemi.8Guyyoota jaa daabboo uukoo hin qanne nyaadhu; guyyaa torbeesso'oo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yaa'iin woyyittiin godhantuu ti; guyyaa san hin hujin.

Jila Torbaan Torbaa

9Guyyaa midhaan haamamiisa jalqabeen kaasiitii torbaan torba laakkowiisa jalqabi.10Achiin duuba akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbisetti, kennansa fedhii teetii dhikeessiisaan, jila torbaan torbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif jilifadhu.11Ati, ilmi keeti, intalti teeti, tajaajilaan keeti, tajaajiltuun teeti, worri Lewwootaa ka qachoota keeti keessa jiranu, worra alagaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi dubartii haadhotii hiyyeessaa ta odduu teessan jiranu woliin addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filatutti, Mootii Waan Maraa duratti gammadi.12Atille dur biyya Gibxi'ii keessatti garba akka teete qaabadhu; seerata kana akka dansaa eegadhu.

Jila Gose'ee

13Midhaan keeti eeddummee irraa, midhaan woynii teetiille addee itti cunfantu irraa galfatteen duuba, guyyaa torba jila gose'ee jilifadhu.14Atii fi ilmi keeti, intalti teetille, tajaajilaan keeti, tajaajiltuun teeti, Lewwooti, worri alaga'aa, ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa ta qachoota keeti keessa jiranulle jila tanatti gammada'a.15Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, midhaan keetii fi waan ati hujattu maraan waan si eebbisuuf, addee inni filatutti jila tana Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, guyyaa torba jilifadhu.16Dhiirti teeti marti addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti, wogga'atti yennaa sad Jila Irra Dabaramaa, Jila torbaan torbaatii fi Jila Gose'ee jilifatiisaaf wolitti qabamanuu ti. Isaan jilaaf yennaa dhufanu harka duwwaa Mootii Waan Maraa dura hin dhufin.17Nami martinuu akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isa eebbisetti kennuu ti.

Abbootii Mura'aa Filuu

18Qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu mara keessatti akkuma gosa gosa teetiititti, abbootii mura'aatii fi bulchitoota fili. Isaan adoo wol hin caalchisin kolba'aaf muraa kennuu qaban.19Muraa hin dassin; nama woli hin caalchisin; safuun ila worra qaroole'ee balleessitee, dubbii worra balchoole'ee waan micciirtuuf, safuu hin fudhatin.20Ati akka jiraattuuf, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennulle akka dhaaltuuf, haqa, haqa qofa hordofi.

Waaqonfannaa Dhooggamane

21Addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii biratti utubaa waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu hin dhaabin.22Utuboota dhaka'aa ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti jibbulle hin dhaabin.