Aadaa Bowaa Ta Dhooggante
1Isin ijoollee Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii ti. Nama du'eef nafa keessan ifi hin mummurina'a; mataakeessanille hin haadatina'a.2Isin kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyoontane waan teetaneef, inni qabeenna isaa ka addaa akka teetanuuf, kolbaa biyya lafaa irra jirtu mara keessaa isin filateera.Sagalee Qulqullu'uu Fi Qulqulluu Hin te'in
3Waan battii te'e tokkolle hin nyaatina'a.4Tanaaf hori'ii fi bineensi isin nyaattanu: loon, hoolee, re'ee,5gadansa, buddannee, gadansa gaafa torbaa, godaa, qorkee, busowaa, hoolee gaaraa,6hori'ii fi bineensa keessaa ka kotteen isaanii baqaqa qaddu, ka alalfatanu nyaadhu.7Hori'ii fi bineensota alalfatanu ka kotteen isaanii baqaqa hin qanne, gaala, hilleensaa fi osolee hin nyaatina'a.8Booyyeen kotteen isi'ii baqaqa yoo qabaattelle, waan hin alalfanneef, aadaa dhugeeffanna'aatiin isin biratti battii teetuu ti; hin nyaatina'a. Reeffa isi'iille hin tuqina'a.9Dada bisaan keessa leetu mara keessaa ta koolaa fi solloqqee qaddu mara nyaadha'a.10Dada bisaan keessa leetu ta koolaa fi quncee hin qanne mara hin nyaatina'a. Isaan isin biratti battii te'anuu ti.11Sinbirroota qulqulloota te'ane mara nyaatuu hin dandeettan.12Sinbirrooti isin hin nyaanne ammoo: risaa, allaattii, rumicha,13culullee, jajjuu, culullee gosa adda addaa,14harraaqessa gosa adda addaa,15guchii, baabboo, haanqaa, balguda gosa adda addaa,16urunguu, qillisaa, alaakaa,17qongaa, allaattii gosa adda addaa, huummoo,18fududdee, dhaatii gosa adda addaa, looyyitu'uufi cirrichoo fa'a.19Dadi didiqqoon koolaan ka'anu marti isiniif ka battowane te'anuu ti; isaan hin nyaatina'a.20Isaan keessa ka qulqulluu te'ane ammoo nyaadha'a.21Isin kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyoontane waan teetaneef, waan ifiin du'e mara hin nyaatina'a; alagaan qachaa keessan keessa jiru akka nyaatu kenna'aaf yookiin ormaaf gurgura'a. Ilmee re'e'ee aanan haadha isi'iitiin hin iffeelina'a.Kudhan Keessaa Tokko
22Midhaan wogguma wogga'aan fichaa keeti keessaa galfattu mara irraa, harka kudhan keessaa tokko adda baasi.23Yennaa mara Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa akka barattu, midhaan keeti keessaa, daadhii woyni'ii haareya teeti keessaa, zayitii ejersaa teeti haareya keessaa ka matoomaa, loon, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa ka qara dhalatu addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filattetti isa duratti nyaadhu.24Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbiseeruun kudhan keessaa tokko geessiisaaf, addeen Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filate, si irraa guddoo yoo fagaatte,25kudhan keessaa tokko san gara beese'ee jijjiiriitii, beesee san qabadhuutii, gara addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filate san dhaqi.26Achitti beesee saniin waan jaalatte mara: loon, hoolee, daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu yookiin waan halchite mara bitadhu; achiin duuba atii fi maatiin teeti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti nyaadha'aatii gammada'a.27Lewwooti qachaa keeti keessa le'anu, qooda yookiin lafa ifii waan hin qanneef isaan hin dedhin.28Dhuma woggaa sadeesso'oo mara, midhaan woggaa sanii keessaa kudhan keessaa tokko fidiitii, qachoota keeti keessatti kuufadhu.29Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii harka keetiitiin akka si eebbisuuf, Lewwooti qooda yookiin lafa ifii hin qannee fi alagaan, ijoolleen abba'aa fi haadha hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa ta qachoota keessan keessa le'anu dhufanee nyaatanee quufanuu ti.