Bu'aa Ajajamiisaa
1Mootii Waan Maraa Waaqa keeti jaaladhu; waan inni si irraa barbaadu seerata, seeraa fi ajajoota isaa yennaa mara eegadhu.2Adabbii Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii: Guddinna isaa, hunna jadduu isaa, irree isaa ta inni diriirse, dhaggitee ta beette ijoollee teessan adoo hin te'in, isin akka teetane adha qaabadha'a;3bilbaasotaa fi waan inni biyya Gibxi'ii keessatti mooticha Gibxi'iitii fi biyya isaa duudii irratti godhe,4yennaa isaan isin ari'iisatti jiranu, loltoota worra Gibxi'ii, fardoo isaaniitii fi garreettaa isaanii ka fardaan harkifamu waan inni godhe, attam akka inni bisaan abbaayaa Diintu'uu isaanirra garagalche, Mootiin Waan Maraa attam akka isaan balleesse, sababa saniif haga adhaa akka isaan farrane qaabadha'a.5Haga isin as geettanutti, waan inni goomolee keessatti isinii godhe ka dhagge, ijoollee teessanii moti.6Gosa Ruubenii keessaa ilmaan Eliiyaabii Daataanii fi Abiiramii waan inni godhe, Israa'eloota wodhakka'atti, latti afaan ifii banattee, maatii isaanii, dunkaanii isaaniitii fi horii isaanii akka liqinsite isaan hin dhaggine.7Ilti teessan ammoo waan gugurdoo Mootiin Waan Maraa godhe dhaggiteerti.8Maarre laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa dhaaltanutti galiisaaf, qabatiisaafille jabeenna akka qabaattanu, ajajoota ani adha isinii kennu kana mara eegadha'a.9Yoos, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessan ta duriitii fi sanyii isaaniitiif kenniisaaf kakate, lafa aananii fi dammaa san keessa bara dheeraa hin leetan.10Latti ati itti galtee qabattu, akka lafa Gibxi'ii ta ati keessaa baatee dhuttee, ta yennaa midhaan itti facaafattu, akka addee oorru'uu, miilaan deddeebitee, bisaan obaafattuu moti.11Latti isin laga Yordaanosii gamatti buutanee qabattanu ammoo, lafa gaaraa fi dhooqa qaddu ta ol-gubbaa irraa roobi itti roobu.12Lafa tana ka kunuunsu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ilti Mootii Waan Maraa ta Waaqa keetii jalqaba wogga'aatii haga dhuma wogga'aatitti yennaa mara isii toowatti.13Maarre ati ajajoota ani adha sii kennu kana addatamumma'aa yoo eegatte, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti jaalattee, gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin yoo isa tajaajilte,14akka ati midhaan keeti, woynii teetii fi zayitii ejersaa teeti galfattu, inni lafa teeti irratti yennaa yennaa isaatitti rooba gannaatii fi hageyyaa hin roobisiisa.15Inni horii keetiif diida keessatti marra hin kenna; atille waan nyaattee quuttu hin qabaatta.16Ifi sossoddee yookiin duubatti deebitee waaqota dhibii akka hin waaqonfannee fi akka isaaniif hin saganne ifi eegadhu.17Yoo tana gootane, Mootiin Waan Maraa isinitti aaree, ol-gubbaa cufee bokkeenni akka hin buunee fi latti midhaan akka hin kennine hin godha. Isinille lafa dansaa Mootiin Waan Maraa isinii kennu irraa yoosuma hin baddan.18Jechoota kiyya kana gadhaa keessanii fi qalbii teessan keessatti qabadha'a; qaabbii akka isinii teetu harka keessan irratti hidhadha'a; adda keessan irralle'etti keyadha'a.19Ijoollee teessanille barsiisa'a. Yennaa mana teettanu, yennaa karaa deentanu, yennaa irkattanu, yennaa kaatanulle marroo jechoota kanaa haasowa'a.20Mikikkila balbala mana keessaniitii fi karra dalleya keessanii irratti barreessa'a.21Yoo tana gootane, barri keessanii fi barri ijoollee teessanii lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessanii kenniisaaf kakate keessatti akka bara ol-gubbaa lafaan gubba'aa hin dheerata.22Ajajoota ani isinii kennu kana akka dansaa yoo eegattane, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan yoo jaalattane, karaa isaa mara irra yoo deentane, isatti yoo maxxantane,23Mootiin Waan Mara gosa biyya adda addaa tana mara isin duraa ari'ee baasee, isinille gosa biyya adda addaa ta isin caalaa bacattuu fi hunna qaddu akka isaan lafa san irraa ka'anu hin gootan.24Addeen miilli keessan ijjatu marti teessan hin teeti: Meessaan lafa teessanii goomolee irraa ka'ee haga Libaanoniititti, akkasuma laga Efraaxiisii irraa ka'ee haga abbaayaa Mediteraaniya'aatitti hin badhata.25Nami isin dura dubbatiisa dande'u hin jiru. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akkuma waadaa isinii galetti, addee isin dhaxxanu duudi'itti akka isin sodaatanee bararaqanu hin godha.26Kunoo, ani adha eebbaa fi abaarsa isin dura keya.27Ajajoota Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii ka ani adha isinii kennu mara yoo eegattane, hin eebbifantan.28Ajajoota Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii yoo eegatuu diddane, karaa isaa ka ani adha isin ajaju kana irralle'ee yoo gortane, waaqota dhibii worra dur hin beenne yoo waaqonfattane, hin abaarantan.29Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati itti galtee dhaaltutti yennaa si galche, gaara Geriiziimii irraa eebba, gaara Ebaalii irraa abaarsa hin lalladda.30Gaaroti kun Yordaanosiin gama, lafa Kana'aanota Arabaayi keessa le'anu keessa, karaa gara aduun seentu jiru, gara seensa adu'uutiin, fuullee qachaa Giilgalii, qilxaa Mooree biratti dhaggamanii motii ree?31Isin lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti galtanee fudhatiisaaf, laga Yordaanosii gamatti marroo buutanuuf, yennaa isii fudhattanee keessa leetanu,32seerataa fi seera ani adha isinii kennu mara muummessiisaaf ifi eegadha'a.