Muuseen Lammeessoo Ajaja Kudhan Fuudhe
1Yennaa san Mootiin Waan Maraa, anaan, «Dhakaa baxxicha lama kama qaraa kaan fakkeessii bociitii, gaara irratti gara kiyya koy; saanduqa mukaalle huji.2Anille dhakaa baxxicha lamaan san irratti jechoota dhakaa baxxicha lamaan qaraa, ka ati caccassite irra jiru kaan, deebisee hin barreessa. Achiin duuba ati dhakaa baxxicha ani irratti barreesse lamaan san saanduqa keessa hin keetta» jedhe.3Maarre ani muka gololchaa irraa Saanduqa huje; dhakoota baxxicha lama kama qaraa kaan ka fakkaatu bocee, harkatti qabadhee gara gaaraa ol baye.4Mootiin Waan Maraa, akkuma barreeffama qaraa san ajajoota kudhan ka inni gaafa wolde'aa san gaara irratti ibidda keessaa isinitti dubbate san dhakoota baxxicha lamaan kana irratti barreesse. Achiin duuba dhakoota baxxicha lamaan san natti kenne.5Achiin duuba anille deebi'ee gaara irraa gad bu'ee, dhakoota baxxicha lamaan san akkuma Mootiin Waan Maraa na ajaje saanduqa huje san keessa keye; isaan ammalle achuma keessa jiran.6Israa'elooti boollota bisaan kolbaa Yaa'aakaanii biraa ka'anee, gara Moserootii deemane. Achitti Aaron du'ee awwaalame; ilmi isaa Ele'azaar addee isaatitti hayyuu te'e.7Isaan achii ka'anee gara lafa, «Gudgodaa» jedhantuu deemane; achille'ee ka'anee gara lafa bisaan yaa'u qadduu gara lafa, «Yoxbaataa» jedhantuu deemane.8Yennaa san Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa akka ba'attu, isa tajaajiliisaaf Mootii Waan Maraa dura akka dhaabbattu, maqaa isaatiin akka eebbittu, Mootiin Waan Maraa gosa Lewwi'ii adda baase. Haga adhaalle tajaajilli gosa Lewwi'ii kanuma.9Tanaaf gosi Lewwi'ii obboleeyyan ifii woliin qooda yookiin lafa dhadde; akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaanitti dubbate, Mootiin Waan Maraa dhaala isaanii ti.10Ani akkuma yennaa qaraa godhe, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gaara irra ture. Mootiin Waan Maraa yennaa tanalle naa dhage'e. Inni isin balleessiisa hin feene.11Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Akka isaan lafa ani abbootii isaaniitii kenniisaaf kakadhetti galanee dhaalanu, ka'iitii kolbaa tana sooressi» anaan jedhe.Waaqa Sodaadhu
12Ammalle, ee Israa'el, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa, karaa isaa mara irra deemiisa, isa jaalatiisa, gadhaa keeti tokkochaa fi lubbuu teeti takkatti'iin isa tajaajiliisa malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maan si irraa barbaada?13Wonni dansaan akka sii teetuuf, ajajaa fi seerata Mootii Waan Maraa ka ani adha sii kennulle akka eegatu malee maan si irraa barbaada?14Ol-gubbaan, ol-gubbaan ol-gubbootaatuu, lattii fi wonni isii irraa marti ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii ti.15Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa abbootii teetitti gammadee, isaan jaalatee, adhalle gosa biyya adda addaa mara keessaa si sanyii isaanii filateera.16Tanaaf, isa tajaajiliisaaf qalbii teessan haqanqabaa qabadha'a; haganaa achi mata-jabeeyyii hin te'ina'a.17Sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, Waaqa waaqotaa, Goottaa goottotaa, Waaqa guddaa, hunnaamessa sodaatame, ka golii hin hunye, safuulle ka hin fudhanne.18Inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef, haadhotii hiyyeessaatiifille haqa mura. Inni alagaalle hin jaalata; sagale'ee fi woyaalle isaaf hin kenna.19Isinuu biyya Gibxi'ii keessatti alagaa teetanee waan beettanuuf, worra alagaa te'eeru jaaladha'a.20Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaadhuu, isa tajaajili. Isatti maxxaniitii, maqaa isaatiin kakadhu.21Inni ka ati leellifattu; Waaqa keeti ka adoo ati ila teetiin dhaggituu waan gugurdo'oo fi maade'ee ta sodaachittu ka si'iif godhe.22Abbootiin teeti nama torbaatama te'anee gara biyya Gibxi'iitti gad bu'ane. Amma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka urjii gubba'aa si baceesseera.