Daani'el Kolba'aaf Daadimate
1Sanyii medoonii keessaa Daariyos ilmi Ashwerosii, Baabilonitti mootii te'e.2Bara mootummaa isaa woggaa tokkeesso'ootitti, ani Daani'el, akkuma Mootiin Waan Maraa raagicha Ermiyaasitti dubbate, diigamiis Yerusaalemii woggaa torbaatama akka turu, Barreeffama Woyyicha keessaa hubadhe.3Tanaaf ani woyaa gaddaa uffadhee, daadhaa irra tee'ee, laamiisaan, daadimatiisaa fi gaafatiisaan fuula kiyya gara Mootii Waan Maraa Waaqatti deebifadhe.4Ani cubbuu tiyya himataa, «Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda'a, hin sodaachittalle'e! Worra si jaalatuu fi worra seera keeti eegatuuf, waadaa galtee fi jaalala keeti ka bara baraa hin eegatta.5«Nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle'e; hantuu hunyee finqilleera; ajajaa fi seera keeti irralle'ee deebineerra;6tajaajiltoota teeti raagota worra maqaa keetiin mootota keennatti dubbatanu, sooressitoota teenna, abbootii keennaa fi kolbaa biyya lafa mara hin dhageenne.7Ee Gootta'a, ati balcha'a; nuuti ammoo worra addatamaa si'iif waan hin te'iniif, nuuti namooti Yihuda'aa, kolbaan Yerusaalemiitii fi Israa'elii, bayya'aa fi dhikoo worri jirru ka ati biyya lafaa mara keessa bittinneessite yennaa ammaa tana salphanneerra.8Ee Mootii Waan Maraa, nuutii fi moototi kenna, qondaaltoti keennaa fi abbootiin kenna cubbuu waan hunyeef salphanneerra.9Nuuti finqillee isa irratti kaanulle Mootiin Waan Maraa Waaqi kenna marara'aa fi ka araaramu.10Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf hin ajajanne; seera inni karaa tajaajiltoota teeti raagotaatiin nu'uuf kennelle hin eeganne.11Israa'elooti duudiin seera keeti irra dabaranee, siif ajajamuu didaneeran; nuuti waan si irratti cubbuu hunyeef, abaarsii fi kakuun ka seera tajaajilaa Waaqaa Muuse'eetitti barreeffame nu irratti dhangala'e.12Ati badii guddoo nu'uu fi abbootii mura'aa teenna irratti fidiisaan, wonni ati dubbatte marti akka nu irratti muummottu goote; wonni qachaa Yerusaalemii irratti teete, ol-gubba'aan jalatti ijjumaa teetee hin beettu.13Akkuma Seera Muuse'ee keessatti barreeffame, badiin tun duudiin nu dhaqqadde; te'uu malee nuuti cubbuu teenna irraa deebi'iisaan, dhugaa teetille hordofatiisaan si Mootii Waan Maraa Waaqa keenna hin gammachiinne.14Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, ati waan gootu maraan balcha'a; nuuti ammoo waan siif hin ajajaminiif, badii tana duudii nu irratti fidde.15«Ee, Goottaa Waaqa keenna, sittuu harka hunnaamessaan kolbaa teeti biyya Gibxi'ii keessaa baattee, maqaan keeti haga adhaatitti akka beekkamu goote; nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle'e.16Ee Goottaa, ati akka hujii teeti balchitti'iititti mufi'ii fi aarii teeti qachaa keeti Yerusaalem irraa, gaara keeti woyyicha irraa deebis. Sababa cubbuu teennaatii fi yakkaa abbootii teennaatiif qachaan Yerusaalemiitii fi kolbaan teeti, odduu worra adaala keenna jiranuu maratti salphataneeran.17Ee Waaqa keenna daadimataa fi gaaffii tajaajilaa keetii dhage'i; ee Goottaa, maqaa keetiif jedhiitii, Galma keeti diigameef marari.18Ee Waaqa, maganne'e naa dhage'i; rakkoo teennaa fi badii qachaa maqaa keetiin waamamuu ilaal. Nuuti balchummaa teennaaf adoo hin te'in, marartii teeti guddo'otti addannee daadimata keenna gara keeti dhikeeffanna.19Ee Gootta'a, nuu dhage'i. Ee Gootta'a, nuu araaram. Ee Gootta'a, nuu dhage'iitii, waan tokko godhi. Qachaan keetii fi kolbaan teeti maqaa keetiin waan waamamaneef, ee Gootta'a, maqaa keetiif jedhiitii hin turin» jedhee, gara Goottaa Waaqa kiyyaa daadimadhe.Gabri'eel Ergamaan Waaqaa Raaga Dubbatame Hiike
20Ani cubbuu tiyyaa fi cubbuu kolbaa tiyya Israa'elii adoo dhugaa bayiisatti jiruu, marroo gaara woyyicha Waaqa kiyyaatiif, Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya gaafataa,21adoo daadimatiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa Gabri'eel ka akka namaa fakkaateeruun ani qara mudhi'iin dhagge sun, yennaa ciincaan galgalaa dhikaatutti, gara kiyya xinniqaa dhufe.22Inni na hubachiisiisaaf natti dubbatee, «Ee Daani'el, ani amma qarumma'aa fi hubantii siif kenniisaaf dhufeera.23Ati guddoo jaalatamaa waan teeteef, akkuma ati daadimatiisa jalqaddeen, deebiin si'iif kennanteerti; anille tana sitti himiisaaf dhufe. Tanaaf ergaa tana qalbeeffadhuutii, mudhiille hubadhu.24«Balleessaan akka hattuuf, cubbuu hujiis akka dhaabbattu, yakka'aaf araarri akka kennamu, balchummaan bara baraa akka dhuttuuf, mudhi'ii fi raaga irratti chaappaan akka godhamu, Addeen Irra caalaa Woyyittiin akka muudantuuf, torbaan torbaatam kolbaa teeti irratti laffameera.25Tana beekiitii hubadhu; yennaa Yerusaalem adde'etti deebitee akka ijaarantuuf ajaji bayeen jalqabee, haga yennaa bulchaan muudame dhufuutitti torbaan torba hin dabarti; akkasuma torbaan jaatamii lamaaf badhinneen qachaa Yerusaalemii ijaarantee, baleen hin qotanti; te'uu malee tun duudiin bara rakko'ootitti teeti.26Bulchaan Muudame torbaan jaatamii lama saniin duuba, haqa malee hin ijjeefama; loltooti bulchaa dhibii ka dhufuu, qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa hin balleessan; muummeen qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa lola'aan teeti; badiin waan itti laffanteefille lolli haga dhumaatitti hin te'a.27Bulchaan dhibiin sun woggaa torbaaf kolbaa hedduu woliin gondooroo hin godha; inni gamisa woggaa torbaatitti ciinca'aa fi kennansi midhaanii akka hafu godhee, addee ciinca'aatii fi kennansa midhaan sanii, battummaa badii fiddu Galma Waaqaa keessatti akka jiraattu hin godha; tunille adabbiin bulchaa san irratti laffante haga muummottutti teeti» jedhe.