Daani'elii Raagichaa2gax_twf

Oojjuu Nebukadnezaarii

1Nebukadnezaar mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti oojjuu guddoo isa rakkittee hirriiba dhooggitu oojjate.2Maarre oojjuu inni oojjate akka isaaf hiikanuuf worra xanu, worra moru, worra falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara isaa akka waamamanu ajaje; isaanille dhufanee mooticha dura yennaa dhaabbatane,3inni isaaniin, «Ani oojjuu oojjadhee, hiikkaan oojjuu tanaa beekiisaaf guddoo rakkadheera» jedhe.4Achiin duuba isaan afaan Aaramiitiin mootichaan, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! Oojjuu teeti nu tajaajiltoota teetitti himi; nuutille hiikkaa isi'ii sitti hin beessinna» jedhane.5Mootichille deebisee isaaniin, «Isin oojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti hin himin, harki fi miilli keessan akka isin irraa ciramu, manni keessanille diigamee tuulaa kosi'ii akka te'u jabeessee murteeffadheera.6Oojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti beessittane ammoo kennansaa fi badhaasa, ulfinna guddaalle na irraa hin fudhattan; tanaaf oojjuu tiyya hiikkaa isi'ii woliinuu natti hima'a» jedhe.7Isaan ammalle, «Mooticha keenna, oojjuu teeti nu tajaajiltoota teetitti himi; nuutille hiikkaa isi'ii sitti hin beessinna» jedhanee deebisane.8Mootichi deebisee, «Ani jabeessee akka murteeffadhe waan beettanuuf, yennaa dheerefatiisaaf akka wodhaaniisatti jirtanu hubadheera;9isin oojjuu tiyya yoo natti hin himin, adabbii gosa tokkootitti isin mara eegata; isin haalli waan jijjiiramu seetanee, dubbii sobaatii fi dokonkorsitu natti himiisaaf wolii galtane; tanaaf oojjuu tiyya natti hima'a; anille hiikkaa isi'ii akka isin dandeettanu tanaan beeka» jedhe.10Isaanille deebisanee, «Biyya lafaa tana keessa waan mootichi gaafate deebisuu ka dande'u tokkolle hin jiru; tanaan qaralle mootiin akka fedhe gudda'aa fi hunnaamessa te'ulle waan akka kanaa worra moru, worra xanu, worra falfaluu fi worra waan dhossa'aa himu gaafatee hin beeku.11Wonni mootichi gaafatu sun guddoo rakkisa'a; waaqota odduu namaa hin leene malee, eennulle gaaffii san mootichaaf beessisuu hin dande'u» jedhane.12Dubbiin tun waan mooticha aarsitee bobeessiteef, inni qarooleen biyya Baabilonii marti akka ijjeefamanu ajaje.13Maarre qarooleen akka ijjeefamanuuf ajaji baanaan, Daani'elii fi jaalota isaa ijjeesiisaaf barbaadane.

Waaqi Hiikkaa Oojju'uu Daani'elitti Hime

14Achiin duuba ajajaan eeddota mootichaa Ariiyok, qaroolee biyya Baabilonii ijjeesiisaaf yennaa dhufe, Daani'el qarumma'aa fi malaan isa dubbisee,15Ariiyokii ajajaa eeddota mootichaa saniin, «Mootichi ajaja jabaa kana maaf baase?» jedhee gaafate; Ariiyokille dubbii san Daani'elitti beessise.16Maarre Daani'el gara mootichaa ol seenee, oojjuu isaa hiikiisaaf akka mootichi yennaa isaaf kennu gaafate.17Achiin duuba Daani'el gara mana ifii deebi'ee, dubbii san jaalota ifii Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariya'atti beessisee,18marroo dhossaa dubbii tanaatiifille, innii fi jaaloti isaa qaroolee biyya Baabilonii woliin akka hin banneef, Waaqa ol-gubba'aa irraa marartii akka gaafatanu itti hime.19Halkan keessa dubbiin dhossa'aa sun mudhi'iin Daani'elitti mudhatte; achiin duuba Daani'eli Waaqa ol-gubba'aa leellifatee,20«Qarumma'aa fi hunni ta isaa waan teeteef,maqaan Waaqaa haga bara baraa leellifamuu ti!21Inni yenna'aa fi bara hin jijjiira;mootota mootummaa irraa hin buusa;hin mootonsalle'e;worra qaroolle'eef qarummaa,worra hubatuuf beekkumsa ka kennu isa.22Inni waan qilee keessaatii fiwaan dhokateeru hin mudhisa;inni waan dukkana keessa jiru hin beeka;ifille isa woliin le'a.23Ee Waaqa abbootii tiyyaa,ati qarumma'aa fi hunnawaan naaf kenniteef,waan nuuti si gaafannellewaan natti beessitteef,waan mootichi beekiisaaf rakkatellenatti waan beessitteef,ani si galateeffadha; si leellifadhalle'e» jedhe.

Daani'el Oojjuu Hiike

24Achiin duuba Daani'el gara Ariiyokii ka mootichi qaroolee Baabilon akka balleessuuf ajajee dhaqee, «Qaroolee Baabilonii hin balleessin; gara mootichaa na geessi; anille mootichaaf oojjuu isaa hin hiika» jedhe.25Yennuma san Ariiyok ariifatee Daani'el gara mootichaa geessee, «Ani namoota biyya Yihuda'aa irra booji'amane oddu'uu nama hiikkaa oojjuu teetii si'iif himuu dande'u dhaggeera» jedhe.26Mootichi Daani'elii «Belxishaazaar» jedhamee moggaafameen, «Ati oojjuu ani oojjadhee fi hiikkaa isi'ii natti himuu dandeettaa?» jedhe.27Daani'elille deebisee, «Dhossaa ati mootichi gaafatte tana, qarooleen, worri moru, worri xanu fi worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa moru, dande'ee si'itti hin himu;28ammoo ka waan dhossa'aa mudhisu Waaqi tokkochi ol-gubbaa jira; inni waan gara duraa te'uuf jiru si mooticha Nebukadnezaaritti mudhiseera; taqee irra irkattee oojjuu ati oojjatee fi mudhii ati dhaggite ta asii gadi jirtu:29«Ee mooticha, ati taqee teeti irra adoo irkatteertuu waan gara duraa te'uuf jiru yaaddeeyyu; tanaaf Waaqi waan dhossa'aa mudhisu waan gara duraa te'uu jiru si'itti mudhise.30Wonni mudhiin tun natti mudhateef, waan ani nama duudii caalaa qarummaa qabadheef moti; ammoo hiikkaa oojjuu sanii akka ati beettuu fi yaadaa qalbii teetitti itti rakkate san, akka hubatuuf natti mudhatte.31«Ee mooticha, ati oojju'uun fakkii guddoo calalaxxu'uu fi sodaachittu takka si dura dhaabbatteertuun dhaggite;32mataan fakkii sanii worqii qulluu irraa, qomii fi harki isi'ii lamaanuu meetii irraa, gadha'aa fi gudeedi isi'ii sageettuu irraa,33sarbaan isi'ii sibiila irraa, miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun faara irraa hujameeraayyu.34Adoo ati fakkii san ilaaliisatti jirtuu, adoo harki namaa hin tuqin dhakaan guddaan fottoqee, miila fakkii sibiilaa fi faara irraa hujantetti bu'ee caccasse.35Yennuma san sibiilli, faarri, sageettuun, meeti'ii fi worqiin bututanee, akka hicaacee bonaa ta eeddummee keessaa te'ane; waan tokkolle adoo hin hamburin qilleensi isaan haxowee balleesse; dhakaan fottoqee fakki'itti bu'e sun ammoo, gaara guddaa te'ee lafa duudii guute.36«Oojjuun ati oojjatte tana; hiikkaan isi'iille ta asii gadii jirtu:37Ee mooticha, ati mootii moototaa ti; Waaqi ol-gubba'aa mootummaa, hunna, jabeennaa fi ulfinna si'iif kenneera;38inni ilmaan namaa, horii, bineensotaa fi sinbirroota addee isaan jiranu maratti isaan mara irratti bulchaa si godheera. Tanaaf mataan fakki'ii ka worqi'ii sun si'i.39Si'iin duuba mootummaan mootummaa teetii gadii hin kaati; itti aantee mootummaan sageettu'uun fakkeeffantu ta sadeesso'oo ta lafa duudii bulchitu hin kaati.40Dhuma irratti mootummaan arfeesso'oo ta akka sibiilaa jabaattu, ta waan mara caccassituu fi butuchitu hin kaati; akkuma sibiilli waan mara caccassee butuchu, mootummaan tun moototaa isi'iin qaraa mara caccassitee hin butuchiti.41Akkuma oojjuu teetiin fakkii miilli isi'ii gar tokkoo fi qubi miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun ammoo faara irraa hujanteertuun dhaggite, mootummaan sun ta qoqoodante hin teeti; sibiilli faara woliin makameeruun akkuma dhaggite, mootummaan sun gar tokko akka sibiilaa hin jabaatti.42Akkuma qubi miila isi'ii gari tokko sibiila, gari kuun faara te'e, mootummaan sun gari tokko jadduu, gar kuun dadhadduu hin teeti.43Sibiillii fi faarri makameeruun akkuma dhaggite, kolbaan mootummaa lamaan saniille fuudhaa fi heerumaan wolitti hin makanti; te'uu malee akkuma sibiilli faaraan wolitti makamee woli hin qabanne, isaanille tokkumma'aan hin le'anu.44Bara mootota saniititti Waaqi ol-gubba'aa mootummaa ijjumaa hin bannee fi ta kolbaa dhibi'iif hin kennanne hin ijaara; isiin mootummoota san duudii ijjumaa hin butuchiti; isiin ammoo haga bara baraa jabaattee dhaabbatti.45Mootummaan tun ta akkuma ati dhakaa harki namaa adoo hin tuqin gaara irraa fottoqee fakkii sibiilaan, sageettu'uun, faaraan, meeti'ii fi worqi'iin hujante caccassee butuche, oojju'uun dhaggitee ti. Waaqi guddaan waan gara duraa te'uu jiru si mootichatti mudhiseera; oojjuun sun dhuga'a; hiikkaan isi'iille ta addatante» jedhe.

Mootichi Daani'el Badhaase

46Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar fuulaan lafatti gad gombifamee, Daani'eliif sagade; kennansa midhaaniitii fi hixaanaa akka isaaf dhikeessanuufille ajaje.47Mootichi Daani'eliin, «Eega ati dhossaa tana mudhisuu dandeette, dhugumaan Waaqi keessan waaqota irratti Waaqa; mootota irratti Gootta'a; waan dhossa'aa duudiille ka mudhisu» jedhe.48Achiin duuba mootichi Daani'eliif, kennansa gugurdaa hedduu kennee, kutaa biyya Baabilonii duudii irratti bulchaa isa godhe; worra qaroolee Baabilonii irralle'etti itti gaafatamaa isa godhe.49Gaaffii Daani'eliitiin mootichi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo biyya mootummaa Baabilonii duudii irratti bulchoota isaan godhe; Daani'el ammoo mana mootumma'aa keessatti hafe.