Mudhii Daani'el Laga Xeegrosii Biratti Dhagge
1Qiiros biyya Faaresiititti mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti, mudhiin takka Daani'elii Belxishaazaar jedhamutti mudhatte. Mudhiin sun ta dhuga'aa ti; isiin marroo lola gudda'aa ta beessittu; inni mudhii san akka hubatuuf, mudhi'iin hubantiin isaaf kennante.2Yennaa san ani Daani'el torbaan sadiif gadda irra jiraayyu.3Torbaan sad haga dabartutti ani sagalee dansaa hin nyaanne; foonii fi daadhii woyni'ii afaaniin hin qanne; waan iffatanulle fuula yookiin mataa hin iffanne.4Ji'a qaraa guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, ani laga Xeegrosii guddicha bira dhaabbadhee,5yennaa ol ilaale, namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, hidha ifii hiituu worqi'iitiin hidhate tokko dhagge.6Nafi isaa akka dhakaa, «Beerilos» jedhamuu issa; fuulli isaa akka balaqqeetti'ii calaqqisa; ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaatti; harkii fi miilli isaa akka sageettuu morodantee cululuqa; qoonqoon isaa akka qoonqoo kolbaa heddu'uu ti.7Ana Daani'el calla'attuu mudhii tana dhagge malee, worri na woliin jiru hin dhaggine; ammoo guddoo waan sodaataneef, baqatanee dhokatane.8Maarre ani qofii tiyya hafee mudhii guddoo tana dhagge; ani jabeenna dhabee, fuulli kiyya shankallowee, hunnalle dhabe.9Achiin duuba qoonqoo namichaa dhage'e; yennaa qoonqoo isaa dhage'e, rifadhee fuulaan lafatti jigee, ifi wollaale.10Achiin duuba harki tokko na tuqee, ani rorommaa harkaan lafa qabadhee, jilba kiyyaan akka jilbiiffadhu na godhe.11Ergamaan Waaqaa sun anaan, «Ee Daani'elii guddoo jaalatante, ani gara keeti waan ergameef, dubbii ani sitti dubbadhu akka dansaa hubadhu; addee jirtutti ol ka'ii dhaabbadhu» naan jedhe; yennaa inni dubbii tana natti dubbate, ani rorommaa ol ka'ee dhaabbadhe.12Achiin duuba inni anaan, «Ee Daani'el, hin sodaatin. Guyyaa ati hubantii dhaggatiisaaf, Waaqa duratti ifi gad qabiisaaf murteessiteen jalqabee, daadimati keeti dhage'ameera; daadimati keeti waan dhage'ameef, ani gara keeti ergamee dhufe.13Sooressi guddichi ka mootummaa Faaresii, guyyoota diddamii tokko anaan morme; achiin duuba Mikaa'el sooressi sooressitootaa, qofi hafiisa kiyya dhaggee na qarqaariisaaf dhufe.14Mudhiin sun marroo guyyoota gara duraa waan mudhittuuf, guyyoota muumme'eetitti waan kolbaa teeti dhaqqabu'uu jiru, si hubachiisiisaaf ani gara keeti dhufe» jedhe.15Yennaa inni tana natti dubbate, ani lafa ilaalee dubbatiisa dadhabe.16Achiin duuba ergamaan ilmaan namaa fakkaatu tokko, hidhii tiyya tuqe; anille afaan kiyya banadhee dubbadhee, ka na dura dhaabbateeru saniin, «Ee goottaa kiyya, sababa mudhii tanaatiin guddoo farree, hunna dhabeera.17Ani hunna dhabee, hafuurri na keessaa waan dhumateef, ani tajaajilaan keeti, attamiin si goottaa kiyya woliin dubbatiisa dande'a ree?» jedhe.18Ammalle ergamaan ilmaan namaa fakkaatu sun, na tuqee na jabeessee,19«Ee nama guddoo jaalatante, hin sodaatin; nageenni siif te'u; jabaadhu, jajjabaadhu» jedhe. Yennaa inni natti dubbate, ani jabaadhee, «Ee goottaa kiyya, ati waan na jabeessiteef dubbadhu» jedheen.20Achiin duuba inni anaan, «Ani maaf gara keeti akka dhufe hin beettaa? Ani ammalle sooressa guddicha Faaresii loliisaaf achi hin deebi'a; ani deemeen duuba sooressi guddichi Giriikii hin dhufa.21Ani ammoo dursee, waan Kitaaba Dhuga'aa keessatti barreeffame sitti hima; Mikaa'elii sooressa guddicha keessan malee, sooressitoota gugurdoo tanaan wol loliisaaf ka na qarqaaru hin jiru.