Worra Qolosaayisii2gax_twf

1Ani isinii fi worra Laa'odiiqeyaatiif, akkasuma worra fuula kiyya hin dhaggin maraaf attam akka elowiisatti jiru akka beettanu barbaada.2Akka gadhaan isaanii jajjabaatuu fi jaalalaan wolitti hidhamanee, hubantii durummaa addachiittuu maraa fi dhossaa Waaqaa ka te'e Kiristoos akka beekanuuf tana godha.3Karri qaroomaatii fi beekkumaa marti Kiristoos keessa dhoffantee jirti.4Akka eennulle jecha dansaa fakkaatuun isin hin sonneef ani tana jedha.5Ani fooniin isin woliin jiraachuu dhabulle ayyaanaan isin woliin jira; seera dansa'aan le'uu keessanii fi dhugeeffannaa jadduu isin Kiristoositti qaddanu dhaggiisatti hin gammada.6Yoona Yesuus Kiristoos Goottaa godhattanee, akkuma fudhattanetti isaan le'a'a.7Akkuma barattanetti hidda gadi naqadha'aatii, isatti ijaarama'aatii, dhugeeffannaa teessaniin jabaadha'a; galata guutee dhangala'ulle dhiyeessa'a.8Akka barsiisa Kiristoosiititti adoo hin te'in, qarummaa namaatii fi gowwoonsiisa waan tokko ifi keessaa hin qanne, ka aadaa namaatii fi ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu irratti hundayeen, eennulle akka isin hin boojine ifi eegadha'a.9Guutummaan waaqumma'aa mijuun Kiristoosiin nafaan mudhattee jiraatti.10Isinille Kiristoosii dada ifii duudii irratti mataa bulchiisaatii fi baallii maraa te'een, jiruu guutuu dhaggattane.11Isin waan isaan jirtanuuf haqanqabaa qabattaneertan; haqanqabaa qabatuun keessan kunille namummaa foonii cubbicha balleessiisaaf ka Kiristoosiin te'e malee, ka harka namaatiin te'ee moti.12Yennaa cuuphantane Kiristoos woliin awwaalantane; isa wolille'een du'aa kaataneertan; hunna Waaqaa ka Kiristoos du'aa kaasetti waan dhugeeffattaneef, du'aa kaatane.13Cubbaaleyyii te'uu keessanii fi foon cubbaalessi keessan sun waan haqanqabaa hin qabatiniif isin worra du'eeru; amma ammoo Waaqi Kiristoos woliin jireeyyii isin godheera; yakkaa teessanille duudii isiniif araarameera.14Inni barreeffama beenya'aaka seera keessa jiru, ka nu himataa nu'uun mormaa ture san balleesseera; fannoo irralle'etti diree nu irraa balleesseera.15Worra hunnaa fi baallii ayyaanaa qabu fannoo saniin injifatee, hidhata isaaniille hiissisee, badhinnatti bayanee akka mudhatanu godhee itti geerare.16Yoona marroo nyaataatii yookiin marroo unto'ootii, marroo guyyaa jilaatii yookiin marroo baatii laakkowu'uu, yookiin marroo Sanbata ulfeessu'uutiif eennulle isinitti hin murin.17Isaan kun waan gara duraa dhufuuf akka gaaddiddu'uu ti; dhugaan ammoo Kiristoos keessa jirti.18Nami sobee ifi gadi qabiisaa fi ergantoota ol-gubba'aa waaqonsiisaan ifi jaju, worra gatii hin qanne akka isin hin goone ifi eegadha'a; nami akkasii kun marroo mudhii dhagguutiif ifi saadee, waan gatii hin qanneef yaada fooniitiin ifi jaja.19Nami akkasii, Kiristoosii mataa nafaa te'eerutti qabatiisa lakkiseera; nafa duudii mitika'aafi ribu'uun wolitti qassiisee ka nyaachisu mata'a; akkasiin guddinna Waaqi fedhu nafi guddata.20Eega Kiristoos woliin duutanee, ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu jalaa bilisa baatane, maaf akka waan ka biyyaa lafaa teetaneetitti leetan ree? Maaf seera,21«Kana harkaan hin qabin, san afaaniin hin qabin, kaan hin tuqin!» jedhuuf ajajantan ree?22Kun maraa ajaja nami baasee fi barumsa namaa irratti waan hundayeeruuf, hujii irra ooleen duuba bu'aa hin qabu.23Seeroti akkasii kun, waaqonfannaa fedha ifii, ifi gad qabiisa dharaatii fi nafa ifii rakkisuu irratti waan xiyyeeffatanuuf, waan qarooma qabanu fakkaatan; karaa halchaa foonii toowatiisaatiin ammoo gatii hin qabanu.