Amosii Raagichaa9gax_twf

Badii Israa'elii

1Ani Goottaan addee ciinca'aa bira dhaabbateeruun dhagge;innille, «Hundeen akka raafamuguutuu utuboota Galma Waaqaa dhowiitiimataa namootaa irratti caccassi.Worra kana irraa hafane ani shallaaga'aan hin ijjeesa;isaan keessaa eennulle dande'ee hin dheetu;ka jalaa miliqu hin jiru.2Isaan qotatanee gara qilee addee worri du'e jiruulleyoo gad bu'ane,harki kiyya achi keessaa isaan hin baasa;gara ol-gubba'aa yoo bayanelle,ani achille'ee gad isaan hin buusa.3Gaara Qarmelosii gubba'atti yoo dhokatanelle,ani achi irra isaan barbaadeeqabee gad isaan hin buusa.Abbaayaa jalatti yoo na dhokatanelle,achitti dhudhuufaan akka isaan iddu hin ajaja.4Booji'amanee diinota ifiitiin yoo deemanelle,achitti isaan qaliisaaf shallaagaa hin ajaja;dansa'aaf adoo hin te'in,ila hantu'uun isaan hin ilaala» jedha.
5Goottaan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u,lafa hin tuqa;isiin hin baxxi;worri isii irra le'u marti hin bowa;latti marti akka Laga Nayilii ol hin kaati;achiin duuba akka bisaan laga Gibxi'ii gad deebiti.6Ka mana ifii ol-gubba'atti ijaare,hundee mana sanii lafa irratti ka hundeesse,ka bisaan abbaaya'aa waamee,lafatti lolaasumaqaan isaa Mootii Waan Maraa ti.7Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii,isin naaf akkuma kolbaa Itoophiya'aatii motii ree?Ani akkuma Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase,worra Filisxeemotaa biyya Kaftorii keessaa,worra Sooriya'aalle biyya Qiirii keessaa ka baasee motii ree?.8Dhugumaan ani Goottaan Mootiin Waan Maraailti tiyya gara mootummaa Israa'elii cubbaaletti'ii hin ilaalti;lafa irraa isii hin balleessa;te'uu malee baraaree sanyii Yaaqoobii hin balleessu» jedha.9«Kunoo, ani ajaja hin baasa;akka midhaan meemme'een meemmessanuu,kolbaa Israa'eliigosa biyya adda addaa oddu'utti hin meemmessa;te'uu malee midhaan tokkollemeemmee keessa dabaree lafa hin bu'u.10Kolbaa tiyya keessaa worri cubbaaleyyiin,‹Wonni hantuun nu hin dhaqqaddu yookiin nu hin geettu› jedhu marti shallaaga'aan hin du'an.

Kolbaan Israa'elii Adde'etti Hin Deebiti

11«Mootummaan Daawitiiakka dunkaanii jiddee ti.Ani ammoo bara san deebisee isii ol hin kaasa;addee isiin ciccitte hin erba;waan bututtelle adde'etti deebisee ijaaree,akkuma isiin dur jirtu hin godha.12Achiin duuba Israa'elworra biyya Edoomiititti baraaree hafanee figosa biyya adda addaaka maqaa kiyyaan waamamanumara hin qabatti» jedha Mootiin Waan Maraaka waan kana akka isiin teetu godhu.
13Mootiin Waan Maraa,«Barri ka haamu haamee adoo hin fixin,ka qotu dhufu,nami woynii dhaabu dhaabee adoo hin fixin,ka woynii cunfu dhufu hin dhufa.Gaarota irraa daadhiin woyni'ii o'ituun hin coccoxxi;koobota mara irralle'ee hin lolaati.14Ani kolbaa tiyya ta booji'ante Israa'elgara lafa isaaniititti hin deebisa;isaan qachaa ifii ka diigamedeebisanee ijaaratanee keessa hin le'an.Muka woyni'ii dhaabbatanee,daadhii woyni'ii irraa hin unan;oorruu adda addaa dhaabbataneemidhaan irraa hin nyaatan.15Ani kolbaa tiyya Israa'ellafa isaaniititti deebisee isaan hin dhaaba;lafa ani isaanii kenne irraadeebi'anee ijjumaa hin buqqa'anu» jedhaMootiin Waan Maraa Waaqi keessan.