Amosii Raagichaa8gax_twf

Saaxaraa Midhaan Bilchaate Keessa Jiru

1Goottaan, Mootiin Waan Maraa,mudhii dhibii natti mudhiseekollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka dhagge.2Inni, «Ee Amos maan dhaggiisatti jirta?» naan jedhe;anille deebisee, «Kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka» jedheen.Achiin duuba Mootiin Waan Maraa,«Kolbaan tiyya Israa'el dhumatiisa geetteerti;haganaa achi ani adoo isaan hin adabin irra hin dabaru.3Faaruun Galma Waaqaa keessaagara bowaa hin jijjiiranitti;reeffi namaa hin bacata;addee maralle'etti hin gatama.Cadhi hin jedhan» naan jedhe.

Jinnana Israa'elii

4Isin rakkataa irra worri sirbitanu,hiyyeeyyii lafa irraa worri balleessitanu,tana dhage'a'a!5Isin, «Midhaan akka gurgurannuuf,jilti baatii ji'aa yoom dabarti?Qamadii dikkoo akka geeffannuuf,waan itti safarru diqqeessineegatii guddo'otti akka gurguranu,madaallii sobaalle'eenmidhaan akka gurgurannuSanbati yoom dabara?6Silaa worra hiyyeeyyii meeti'iin,worra rakkataa kophee miilaatiinhin bitannaayyu.Qamadii huura qaddullehin gurgurannaayyu» jettan.7Mootiin Waan Maraaulfinna ifii ka Yaaqoobiin jajatuun kakatee,«Ani hujii isaan hujane mara hin dedhu» jedheera.8Waan kanaan latti tachootee,worri isii keessa le'u marti hin bowanuu ree?Latti duudiin akka Laga Nayilii ol kaatee,akka bisaan laga Gibxi'iiol faca'ee gad deebi'u hin teetuu ree?9Goottaan Mootiin Waan Maraa,«Guyyaa san aduun saatii jaattiakka seentu hin godha;ifa guyya'aa keessalatti akka dukkanoottu hin godha.10Jila teessan ta wogga'aa gara gaddaatitti,faaruun teessan gara bowaatitti hin jijjiira.Ani akka isin woyaa gaddaa uffattanu,mataa keessanille akka haadattanu hin godha.Akka bowa worra ilmi tokkochi qabanu irraa du'ee,dhuma guyyaa sanii ka hadhowe hin godha» jedheera.11Goottaan Mootiin Waan Maraa,«Kunoo barri ani lafa tana irratti beela fidu hin dhufa;beelti sun ta namooti jecha Mootii Waan Maraadhage'iisa dhabanee beelotanu malee,beela sagale'ee yookiin dheebuu bisaaniitii moti.12Namooti jecha Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf,abbaayaa takka irraa gara abbaayaa taanii,kaaba irraa gara kibbaa hin joonjan;isaan ammoo isa hin dhagganu.
13«Bara san durri shashaggoole'ee fidhiirti dargaggooti jajjab dheebotanee hin gaggaban.14Worri waaqa dharaa ka Samaariyaa keessaatiin kakatu,yookiin ka, ‹Ee, Daan , dhugaa waaqa jiraata keetii› jedhuyookiin ka, ‹Dhugaa waaqa Bersheeba'aa› jedhu,isaan hin jigan; deebi'aneelle hin ka'anu» jedha.