Amosii Raagichaa7gax_twf

Awwaannisa, Ibiddaa Fi Tumbii

1Kun waan Goottaan Mootiin Waan Maraa natti mudhise:Midhaan mootichaa haammamee galeen duuba,haaga'een yennaa lattuMootiin Waan Maraa awwaannisa buuse.2Awwaannisi marra lafa irraa nyaatee yennaa fixe,ani, «Ee Gootta'a Mootii Waan Maraa,maganne'e Israa'eliif araaram;Israa'el hunna waan hin qanneef,attam waan kana irraa hafuu dandeetti ree?» jedhee daadimadhe.3Maarre Mootii Waan Maraa marroo waan kanaa gaabbee,«Tun hin teetu» jedhe.

Mudhii Ibiddaa

4Tun waan Goottaan Mootiin Waan Maraa natti mudhise: Goottaan Mootiin Waan Maraa ibidda mura'aa waame; ibiddi sun abbaayaa qile'ee gossee lafa luxub godhe.5Achiin duuba ani, «Ee Gootta'a Mootiin Waan Maraa,ibidda kana akka dhaamu godhi;Israa'el hunna waan hin qanneef,attam ibidda kana irraa hafuu dandeetti ree?» jedhee daadimadhe.6Maarre Mootiin Waan Maraamarroo waan kanaa gaabbee, «Tun hin teetu» jedhe.

Mudhii Tumbi'ii

7Mootiin Waan Maraa mudhii dhibii natti mudhise:Kunoo Mootiin Waan Maraa tumbii qabatee,dalleya dhaka'aa ka tumbi'iin qajeelfameijaarsa bira dhaabbateeraayyu.8Inni anaan, «Amos!Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate.Anille, «Tumbii dhaggiisatti jira» jedheen.Achiin duuba Mootiin Waan Maraa,«Kunoo, ani tumbii kolbaa tiyya Israa'el odduu hin keya;haganaa achi ani adoo isaan hin adabinirra hin dabaru.9Addeen waaqonfanna'aa ta Yisihaqii hin baddi;addeen woyyittiin Israa'eliille hin diiganti;sanyii Yerobi'aamii mootichaa irrattiani shallaagaa kiyyaan hin ka'a» jedhe.

Amosii fi Amaasiyaas

10Achiin duuba hayyichi Bet'elii Amaasiyaas,gara Yerobi'aamii mootii Israa'elii ergaa ergee,«Kunoo Amos kolbaa Israa'elii oddu'uttimala si'itti dhowiisatti jira;waan inni dubbatiisa jirulatti tun ba'atiisa hin dandeettu.11Inni, ‹Yerobi'aam shallaaga'aan hin du'a;kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitiibooji'antee hin ideenti› jedha» jedheen.12Achiin duuba Amaasiyaas Amosiin,«Ee ati nama mudhii dhaggitu,gara biyya Yihuda'aa baqadhuu asii deemi;achitti raaga dubbataa,sagalee ittiin nyaadhu.13Bet'el addee woyyittii mootichi itti sagadu,Galma Waaqaa ka mootumma'aa waan teeteef,addee tanatti deebitee raaga hin dubbatin» jedheen.14Amosille deebisee Amaasiyaasiin,«Ani nama horii tissaa,muka harru'uulle kunuunsu maleeraagichaa motiyookiin ilma raagichaalle'ee moti.15Mootiin Waan Maraa ammooaddee ani horii tissuu na fuudhee,‹Dhaqiitii kolbaa tiyya Israa'elittiraaga dubbadhu› naan jedhe.16Ammalle atijecha Mootii Waan Maraa dhage'i;ati, ‹Israa'el irratti raaga hin dubbatin;kolbaa Israa'eliisanyii Yisihaqiititti hin lallabin!›naan jetteerta.17Tanaaf, Mootiin Waan Maraa,‹Haati manaa teeti qachaa keessattisagaagaltittii hin teeti;ilmaan teetii fi durri teetishallaaga'aan hin du'an.Lafa teeti wodaro'oon mikanee hin qoodaman;atille lafa worra Yihudoota hin te'inii keessatti hin duuta;kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitii booji'anteehin ideenti› jedha» jedhe.