Adabamiisa Israa'elii
1Worri Xiyoon keessa qananumma'aan leetanu,ka bidhaa malee gaara Samaariya'aa irra teettanu,worri kolbaan Israa'elii qarqaarsa dhaggatiisaafgara keessan dhufanu,isin qondaaltoti gosaworra gosa biyya adda addaa taan ka caaltanuworri ifi seetanuisiniif aanne'e!2Gara qachaa Kaalnee dabara'aatii ilaala'a;achille'ee gara qachaa guddaa, «Haamaat» jedhamuu dhaqa'a;achiin duuba gara qachaa Filisxeemotaagara qachaa Gaatii gad bu'a'a.Isaan mootummoota teessan lamaan hin caalanuu ree?Yookiin latti isaanii lafa teessan caalaa hin badhattuu ree?3Isin guyyaa hamaa akka fagaatu gootanee,bulchiinsa hunnaa akka dhikaatu gootan.4Isin taqee ilka arbaatiin seefante irra rattan;taqee gaggabaadduu irra balxiixxan.Hoolee keessaa foon buruusotaa,loon keessaa foon jabbi'ii nyaattan.5Isin kiraara guddicha hin qanya'aminiin sirbitan;akka Daawitiille meya faaru'uutiin faarfatiisa barbaaddan.6Isin daadhii woyni'ii okkote'een untan;fiqiree, fiqiree mara caaltu dibattan malee,badii sanyii Yoseefii irra geettuuf hin gadditanu.7Tanaaf isin worra booji'amu keessaa ka qaraa hin teetan;fexxeessi keessanii fidalaqiis keessan hin hafan.8Goottaan Mootiin Waan Maraa, Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, ifiin kakatee,«Koora kolbaa Israa'elii jibbeera;kushee isi'iille diqadheera;tanaaf qachaa isaaniitii fiwaan qachaa keessa jiru maradiinotaaf dabarsee hin kenna» jedheera.9Mana tokko keessatti nami kudhan yoo hafe, isaanille hin du'an.10Firri aanti'ii ka nama du'ee sun mana keessaa fuudhee reeffa awwaaliisaaf yoo dhufe, nama mana keessatti dhokateeruun, «Nami dhibiin si woliin jiraa?» jedhee gaafata; nami sunille, «Hin jiru» jedhee deebisa; nami fira aanti'ii sunille, «Cadhisi! Maqaa Mootii Waan Maraa dhowuu hin qannu» hin jedha.11Mootiin Waan Maraa waan ajajeef,manni gugurdaan hurbamanee hin diigaman;manni didiqqaalle bubbututee hurraa hin te'an.12Fardooleen rassaa irra hin gulufanii ree?Nami tokko qotiyyo'oon achi irra hin qotaa ree?Isin ammoo haqa gara waan hadhowuutitti,hujii balchumma'aalle gara hammeennaatitti jijjiirtane.13Isin worri qachaa, «Lodbaar » jedhamuqabatanee firinxiixxanu,ka qachaa, «Karnaayim » jedhamujabeenna keennaan fudhanne jettanu,14Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u,«Ee kolbaa Israa'elii,ani kolbaa takka isin irratti hin kaasa;kolbaan sunille gara Kaabaatiinseensuma qachaa Haamaatii irraa jalqaddee,gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaatitti isin hin cunqursiti» jedha.