Amoos2gaz_bib
1Waaqayyo akkana jedha:“Ani cubbuu Moʼaab sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.Sababii inni lafee mootii Edoomgubee daaraa godheef,2ani ibidda daʼannoo Keriiyooti barbadeessu tokkoMoʼaabitti nan erga.Moʼaab iyya waraanaatii fisagalee malakataatiin duʼa.3Ani bulchaa ishee ajjeeseeqondaaltota ishee hundas isa wajjinin fixa”jedha Waaqayyo.4Waaqayyo akkana jedha:“Ani cubbuu Yihuudaa sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.Sababii isaan seera Waaqayyoo didaniiajaja isaas hin eeginiif,sababii isaan waaqota sobaa,waaqota abbootiin isaanii duukaa buʼan sanaankaraa irraa jalʼataniif,5ani ibidda daʼannoo Yerusaalem barbadeessu tokkoYihuudaatti nan erga.”