Amosii Raagichaa2gax_twf

Muraa Mo'aabitti Dhufu'uu Jirtu

1Mootiin Waan Maraa,«Worri Mo'aabii lafee mootii Edoomiihaga daadhaa teetutti gubiisaanitti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,ani isaan hin adaba.2Maarre ani ibidda kushee qachaa Keriyotii luxub godhu,qachaa Mo'aabiititti hin erga;Worri Mo'aabii hogaa guddaaiyya lolaatii fiqoonqoo tultulla'aa keessa hin dhumatan.3Ani bulchaa isi'ii hin balleessa;qondaaltota isi'ii maramootii isi'ii woliin hin ijjeesa» jedha.

Muraa Yihuda'atti Dhufu'uu Jirtu

4Mootiin Waan Maraa,«Worri Yihuda'aa seera kiyya didanee,seerata kiyyalle waan hin eegatiniif,waaqota dhara ka abbootiin isaanii ta duriihordofatte hordofiisaan,itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,ani isaan hin adaba.5Maarre ani ibidda kushee qachaa Yerusaalemii luxub godhu,qachaa Yihuda'aatitti hin erga» jedha.

Muraa Israa'elitti Dhufu'uu Jirtu

6Mootiin Waan Maraa,«Worri Israa'elii worra balchoota meeti'itti,worra hiyyeeyyii kophee miilaatitti gurguratiisaan,itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneefani isaan hin adaba.7Isaan mataa worra hiyyeeyyi'ii bukuu irratti irra sirban;worra cunqurfameef muraa haqaa hin kennanu;abba'aa fi ilmi dubartii takkaa woliin sagaagaliisaanmaqaa kiyya woyyicha batteessan.8Isaan addee ciinca'aa mara cinaa,woyaa worra hiyyeeyyii liqaa kaffaluu hin dandeenneirraa qabatane irra rafan.Daadhii woyni'ii ta worra adabameirraa fuudhanemana Waaqa ifii keessatti unan.
9«Ani worra Amoorotaaka akka muka hindheensaa dheeratanu,ka akka muka qilxa'aa jabaatanu sanfuula isaanii duraa balleesse.Midhaan isaan irraatii fihidda isaanii isaan jalaa balleesse.
10«Ani lafa Amoorotaa isiniif kenniisaaf,biyya Gibxi'ii keessaa isin baaseewoggaa afurtama lafa goomole'ee keessa isin sooresse.11Ani ilmaan teessan keessaa raagota,dargaggoota teessan keessaaworra Waaqaaf adda baye isiniif kaaseera.Ee kolbaa Israa'elii tun dhugumaa motii ree?12Isin ammoo worra Waaqaaf adda bayedaadhii woyni'ii akka unanu gootanee,raagotille raaga akka hin dubbanne ajajjane.13Maarre akkuma garreettaan midhaan ba'ateeruwaan isa jala jiru butuchu,anille isin hin butucha.14Nami akka malee rukkisu duraa hin bayu;worri jajjabi jabeenna ifii hin dhaban;worri lolulle lubbuu ifii hamburatiisa hin dande'anu.15Worri guube'een lolu dura hin dhaabbatu;loltooti rukkisuu dande'anulle duraa hin bayanu.Abbootiin fardaalle lubbuu ifii hin hamburatanu.16Guyyaa san loltooti goototinuu qullaa hin baqatan» jedha.