Amoos1gaz_bib

1Kun mulʼata Amoos inni tikseewwan Teqooʼaa keessaa tokko ture sun bara Uziyaan mootii Yihuudaa, Yerobiʼaam ilmi Yooʼaash immoo mootii Israaʼel turetti, utuu sochiin lafaa hin taʼin waggaa lama dura waaʼee Israaʼel argee dha.
2Innis akkana jedhe:“Waaqayyo Xiyoon keessaa iyya;Yerusaalem keessaa sagalee dhageessisa;dirreen tiksoonni itti bobbaasan ni goga;fiixeen gaara Qarmeloosis ni coollaga.”

Murtii Olloota Israaʼelitti Murame

3Waaqayyo akkana jedha:“Ani cubbuu Damaasqoo sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.Sababii isaan meeshaa ittiin midhaan dhaʼankan ilkaan sibiilaa qabuun Giliʼaadin tumaniif,4ani ibidda daʼannoo Ben-Hadaadbarbadeessu tokko, mana Hazaaʼeelitti nan erga.5Ani karra Damaasqoo nan cabsa;mootii Sulula Aawwen keessa jiruu fiisa Beet Eden keessatti bokkuu qabatu nan balleessa.Uummanni Sooriyaa boojiʼamee Qiiritti ni geeffama”jedha Waaqayyo.6Waaqayyo akkana jedha:“Ani cubbuu Gaazaa sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.Sababii isheen hawaasa hunda boojiteeEdoomitti gurguratteef,7ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokkodallaa Gaazaatti nan erga.8Ani mootii Ashdoodii fi isa Ashqaloon keessattibokkuu qabatu sana nan balleessa.Ani hamma hambaan Filisxeemotaa duʼuuttiharka koo Eqroonitti nan deebifadha”jedha Waaqayyo Gooftaan.9Waaqayyo akkana jedha:“Ani cubbuu Xiiroos sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.Sababii isheen walii galtee obbolummaa cabsiteehawaasa boojiʼame guutuu Edoomitti gurguratteef10ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokkodallaa Xiiroositti nan erga.”11Waaqayyo akkana jedha:“Ani cubbuu Edoom sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.Sababii inni gara laafina hunda gateeobboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeef,sababii aariin isaa ittuma fufee hoʼeedheekkamsi isaas utuu hin dhowwamin bobaʼeef,12ani ibidda daʼannoo Bozraa barbadeessu tokkoTeemaanitti nan erga.”13Waaqayyo akkana jedha:“Ani cubbuu Amoon sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.Sababii inni daangaa isaa babalʼifachuuf jedheedubartoota Giliʼaad kanneen ulfa qaban baqaqseef14ani guyyaa lolaatti wacaan,guyyaa qilleensa hamaatti immoo bubbee jabaadhaanibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokkodallaa Rabbaatti nan erga.15Mootiin ishee boojiʼamee innii fiqondaaltonni isaa wajjin ni boojiʼamu”jedha Waaqayyo.