Hujii Ergantootaa9gax_twf

Saa'ol Yesuusitti Dhugeeffate

1Saa'ol ammalle barattoota Gootta'aa ijjeesiisaaf dhaadataa, gara Hayyicha gudda'aa dhaqe.2Worra karaa Gootta'aa hordofu dhiiraa fi dubartiille yoo dhagge, hidhee gara Yerusaalemii fidiisaaf akka dande'u, xalayaa gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa ka Damaasqo'oo akka isaaf barreessu, Hayyicha Guddaa gaafate.3Saa'ol adoo deemuu qachaa Damaasqo'ootitti dhikaateeruun, dedhuma ifi ol-gubba'aa irraa adaala isaatitti balaqqise.4Inni lafatti jigee qoonqoo, «Saa'ol, Saa'ol maaf na miita?» jettu dhage'e.5Saa'olille, «Gootta'a, ati eennu?» jedhee gaafate. Qoonqoolle, «Ani Yesuusii ati miitu;6ammoo, ka'ii gara qacha'aa seen. Wonni ati godhuu qaddu achitti si'itti himama» jette.7Namooti Saa'ol woliin deemiisatti jiranu, qoonqoo dhage'ane malee, nama dubbatu hin dhaggine; isaan cadhisanee dhaabbatane.8Saa'ol addee jigee ka'ee ila ifii yennaa banate, womaa dhaggiisaaf hin dandeenne. Tanaaf isaan harka isaa qabanee, gara qachaa Damaasqo'oo isa geessane.9Inni haga guyyaa sadii womaa dhagguu hin dandeenne; hin nyaannelle'e yookiin hin unnelle'e.10Yennaa san barataan Anaaniiyaas jedhamu tokko, Damaasqoo keessa jiraayyu. Goottaan mudhi'iin «Anaaniiyaas» jedheen. Innille deebisee, «Kunoo ani as jira, Gootta'a» jedhe.11Goottaalle, «Qophowiitii, gara karaa ‹Qajeelaa› jedhamu dhaqiitii, mana Yudaasiititti namicha lafa Xarseesii, ka maqaan isaa Saa'ol jedhamu tokko iyyaafadhu. Inni amma daadimatiisatti jira;12Saa'ol mudhi'iin namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko dhufee, harka ifii isa irra keyee akka fayyu dhaggeera» jedheen.13Anaaniiyaas deebisee, «Gootta'a, namichi kun kolbaa teeti ta Yerusaalem keessa jirtu waan hantuu akka inni godheeru nami hedduun natti himeera.14Inni worra maqaa keeti waammatu mara hidhiisaaf, sooreyyii hayyootaa irraa baallii dhaggateera» jedhe.15Goottaan Anaaniiyaasiin, «Inni maqaa kiyya worra Yihudoota hin te'iniif, moototaa fi kolbaa Israa'eliitiif akka beessisu, tajaajilaa kiyya ka ani filadhe waan te'eef gara isaa dhaqi.16Akka inni marroo maqaa kiyyaatiif guddoo rakkatu, aninuu isatti hin mudhisa» jedhe.17Maarre Anaaniiyaas deemee, mana Saa'ol jiru seene; inni harka ifii Saa'ol irra keyee, «Obboleessa kiyya Saa'ol, Goottaan Yesuus, as dhufiisatti jirtuun karaa irratti ka si'itti mudhate, akka ati deebitee dhaggituu fi Ayyaana Woyyichaan akka guutantuuf ana ergeera» jedhe.18Yoosuma wonni akka solloqqee qurxummi'ii fakkaattu, ila Saa'olii irraa buutee, deebi'ee dhaggiisaaf dande'e. Inni ol ka'ee cuuphame;19sagalee nyaateen duuba jabaate. Saa'ol Damaasqo'otti Lallabe Saa'ol guyyoota diqqa'aaf lafa Damaasqo'oo keessa barattoota woliin ture.20Saa'ol adoo hin turin mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee, «Yesuus Ilma Waaqaa ti» jedhee lallabiisa jalqabe.21Worri isa dhage'e duudiin baaseffatee, «Inni Yerusaalem keessatti worra maqaa Yesuusii waamu ka balleessaa turee motii? Ammalle inni isaanuma hidhee gara sooreyyii hayyootaa geessiisaaf as hin dhunnee?» jedhane.22Saa'ol ammoo lallabi isaa irra caalaa hunna dhaggataa deemee, Yesuus Masiihii akka te'e mirkaneessinaan, Yihudooti Damaasqoo keessa le'anu waan jedhanu wollaalane.23Guyyaa heddu'uun duuba Yihudooti, Saa'ol ijjeesiisaaf mala dhowane.24Inni ammoo mala isaanii beeke. Isaanille isa ijjeesiisaaf halkanii fi guyyaa karra qacha'aatitti isa eegane.25Hordofattooti Saa'olii ammoo, gaafa tokko halkaniin, Saa'ol xaxxookeessa keyanee, foddaa dalleya dhaka'aatiin gad buusane.

Saa'ol Qachaa Yerusaalemii Keessatti Lallabe

26Saa'ol gara Yerusaalemii yennaa dhaqe, barattootatti makamiisaaf wodhaane; isaan ammoo akka inni dhugumaan barataa te'e waan hin dhugeeffatiniif, duudiinuu isa sodaatane.27Baarnaabaas ammoo isa fuudhee gara ergantootaa geessee, karaa irratti Goottaan attamiin akka isa dhaggee fi attam akka itti dubbate, akkasuma Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin sodaa malee akka inni lallabe isaanitti hime.28Maarre Saa'ol isaan woliin te'ee Yerusaalem duudii keessa dhaqee, sodaa malee maqaa Gootta'aatiin lallabe.29Inni Yihudoota afaan Giriiki'ii dubbatanu woliin dubbataa itti moromaa ture; isaan ammoo isa ijjeesiisaaf wodhaanane.30Dhugeeffattooti waan kana yennaa beekane, gara Qiisaariya'aa geessane; achille'een gara Xarseesii ergane.31Achiin duuba wolde'i kiristaanaa ka Yihudaa, Galiilla'aa fi Samaariyaa keessa jiranu duudiin nageya dhaggatanee jabaatane; Goottaalle ulfeessaa, Ayyaana Woyyichaan jajjabaataa, laakkossaan heddatane.

Pheexroos Eneyaas Fayyise

32Pheexroos addee duudii adoo deddeemuu, kolbaa Waaqaa ta lafa Liidaa keessa leetu ilaaliisaaf dhufe.33Inni achitti namicha Eneyaas jedhamu, ka nafi isaa laashoweeruu fi haga woggaa saddeetii taqee irraa ka'ee hin dandeenne tokko dhagge.34Pheexroos, «Eneyaas, Yesuus Kiristoos si fayyisa ol ka'iitii, taqee teeti afadhu» jedhe. Yoosuma Eneyaas ol ka'ee dhaabbate.35Kolbaan Liidaa fi Saaron keessa leetu duudiin isa dhaggitee, gara Gootta'aa deebite.36Qachaa Yophee keessa dubartittiin dhugeeffattuun, Xaabiitaa jedhantu takka jirtiiyyu. Maqaan isi'ii afaan Giriikiitiin Dorqa'a; hiikkaan, «Buddannee» jechu'u. Isiin yennaa mara hujii dansaa hujaa, hiyyeeyyii qarqaaraa turte.37Yennaa san isiin dhibantee duunaan, reeffa isi'ii dhiqanee kolloo mana gubba'atti ijaarantee keessa irkisane.38Liidaan Yophe'etti dhikoo waan teeteef, dhugeeffattooti Pheexroos Liidaa keessa akka jiru yennaa dhage'ane, nama lama gara isaa erganee, «Maganne'ee ariifadhuutii gara keenna koy» jedhanee kadhatane.39Maarre Pheexroos ka'ee isaan woliin deeme; yennaa inni achi geye, gara kolloo mana gubbaa jirtuu isa geessane. Haadhotiin hiyyeessaa duudiin isatti naannowanee, hidho'oo fi uffana Dorqaan jiru'uun yennaa jirtu hojjatte itti mudhisaa bowane.40Pheexroos isaan duudii kollo'oon alatti yaasee, jilbiiffatee daadimate; achiin duuba gara reeffaa gara galee, «Xaabiitaa, ka'i!» jedhe. Isiin ila ifii banattee, Pheexroos yennaa dhaggite ol jettee teette.41Inni harka isii qabee ol kaase. Achiin duuba dhugeeffattootaa fi haadhotii hiyyeessaa duudii waamee, jirtuu isi'ii isaan duratti dhikeesse.42Oduun tun Yophee duudii keessatti beekkante; kolbaan hedduulle Gootta'atti dhugeeffatte.43Pheexroosille namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko woliin, guyyaa hedduu Yoophee keessa ture.