Saa'ol Wolde'a Kiristaanaa Ari'e
1Saa'ol ijjeefamuu Isxifaanosiititti wolii gale; guyyuma Isxifaanos du'e san wolde'a kiristaanaa ka Yerusaalem keessaatitti miidhaan guddoon jalqadde. Ergantoota malee, dhugeeffattooti duudiin lafa Yihuda'aatii fi Samaariyaa keessaa duudi'itti bittinnowane.2Worri Waaqaaf ifi kenneeru Isxifaanosiif guddoo bowanee, reeffa isaa awwaalane.3Saa'ol ammoo wolde'a kiristaanaa balleessiisaaf wodhaanee, mana tokko irraa gara mana kaanii deemaa, dhiiraa fi dubartii gara mana hidha'aa seensise.Wongeelli Samaariya'atti Lallabame
4Dhugeeffattooti bittinnowane addee mara dhaqanee, Oduu Gammadaa lallabane.5Filiphoos gara qachaa Samaariya'aa dhaqee kolbaa achi jirtuuf marroo Masiihii lallabe.6Gumiin waan Filiphoos jedhe yaada tokkoon dhageettee, baasa inni hujelle dhaggite.7Ayyaanni hamaan kolbaa hedduu keessaa qoonqoo guddo'oon iyyee baye; worri laashowee fi worri hokkolu hedduulle fayyane.8Tanaaf qachaa san keessatti gammadi guddaan te'e.9Qachaa san keessa namichi Simoon jedhamu tokko jiraayyu; inni hujii xanoo ifiitiin worra qachaa Samaariya'aa baaseffachiisee, ani nama gudda'a ifiin jedhaa tureera.10Worri qachaa sanii diqqa'aa fi guddaan duudiin, «Namichi kun, hunna Waaqaa ta ‹Hunna guddoo› jedhantu» jedhaa yaada tokkoon dhage'ane.11Isaan, waan Simoon yennaa hedduu xanoo ifiitiin isaan baaseffachiiseef, yaada tokkoon isa dhage'ane.12Isaan ammoo Filiphoos marroo oduu gammada Mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoosii yennaa isaanitti lallabe dhage'anee, dhiiraa fi dubartooti dhugeeffatanee cuuphamane.13Simooninuu dhugeeffatee cuuphameen duuba, waa'ela Filiphoosii te'ee, baasotaa fi bilbaasota gugurdaa hujame yennaa dhagge baaseffate.14Ergantooti Yerusaalem keessa jiranu, worri Samaariya'aa Jecha Waaqaa akka fudhate yennaa dhage'ane, Pheexroosii fi Yohaannis gara isaanii ergane.15Isaan yennaa achi geyane, Ayyaana Woyyicha akka fudhatanu dhugeeffattootaaf daadimatane.16Worri Samaariya'aa maqaa Goottaa Yesuusii qofaan cuuphameera malee, Ayyaanni Woyyichi isaan keessaa nama tokko irralle'etti bu'ee hin jiruuyyu.17Tanaaf Pheexroosii fi Yohaannis harka ifii isaan irra keyane; isaanille Ayyaana Woyyicha fudhatane.18Yennaa ergantooti harka ifii dhugeeffattoota irra keyane, Simoon akka Ayyaanni Woyyichi namootaaf kenname dhagge. Maarre inni Pheexroosii fi Yohaannisiif beesee fidee,19«Nami ani harka kiyya irra keyu duudiin, akka Ayyaana Woyyicha fudhatu hunna tana analle'eef kenna'a» jedhe.20Pheexroos ammoo deebisee, «Ati Kennansa Waaqaa beese'een bitatiisaaf waan yaaddeef, atii fi beeseen teetille qile'etti bada'a!21Gadhaan keeti Waaqa duratti qajeelaa waan hin te'iniif, ati hirmaannaa yookiin qooda hujii teenna keessaa hin qaddu.22Tanaaf hammeenna yaada gadhaa keetii kana irraa deebi'i; waan akkana yaadatte kanaaf si'iif araarama fa'a te'a, gara Gootta'aa daadimadhu.23Ati hinaaffaa hadhoottu'uun guutantee, hidhamaa cubbu'uu akka teete dhaggeera» jedhe.24Simoon, Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Waan isin anaan jettane kana keessaa tokkolle akka ana hin dhaqqanne, maganne'ee gara Gootta'aa naaf daadimadha'a» jedhe.25Pheexroosii fi Yohaannis dhugaa bayanee, Jecha Gootta'aa odeessaneen duuba, ollaa worra Samaariya'aa hedduu keessa Oduu Gammadaa lallabaa gara Yerusaalemii deebi'ane.Filiphoosii Fi Guneessicha Itoophiya'aa
26Ergamaan Waaqaa Filiphoosiin, «Ka'iitii, Yerusaalem irraa karaa kibba goomolee Gaaza'aa geessu dhaqi» jedheen.27Maarre Filiphoos ka'ee dhaqe; namichi guneessichi Itoophiya'aa tokkolle itti dhufe; inniin kun qabeenna giittittii Itoophiya'aa ta «Kandaakee» jedhantuu irratti qondaala ture; inni Waaqa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqeera.28Inni gara biyya ifii yennaa deebi'u garreettaa geejjibaan harkifamu irra tee'ee, kitaaba raagicha Isaayaasii dubbisaaraayyu.29Ayyaanni Woyyichi Filiphoosiin, «Beenu gara garreettaa geejjibaan harkifamu sanii dhikaadhu» jedhe.30Filiphoosille gara garreettaa fardaan harkifamuu san rukkisee, guneessichi sun kitaaba raagicha Isaayaasii keessaa dubbisuun dhage'ee, «Wonni ati dubbittu kun sii galaaraa?» jedhee gaafate.31Guneessichi deebisee, «Adoo nami tokko naaf issee hin himin attamiin hubatiisa dande'a?» jedhe. Maarre inni akka Filiphoos garreettaa fardaan harkifamu san yaabee isa bira tee'uuf waame.32Addeen inni Barreeffama Woyyicha keessaa dubbisiisatti jiru,«Inni akka hoolee qalantuu oofame;akka ilmayyoo hoole'ee,yennaa nami rifeensa irraa muru cadhittuu,Inni waan tokkolle hin dubbanne.33Inni ifi gad qabee, muraa dhuga'aa dhabe.Jiruun isaa lafa irraa waan fudhatanteef,eennuttuu sanyii isaa himuu dande'a?» ka jedhu.34Guneessichi Filiphoosiin, «Raagichi waan kana marroo eennuu dubbataara? Marroo ifiiti moo marroo nama dhibi'ii ti? Me natti himi» jedhe.35Achiin duuba Filiphoos dubbatiisa jalqabee, Barreeffama Woyyicha kana irraa kaasee, Oduu Gammadaa marroo Yesuus Kiristoosii isatti hime.36Isaan adoo karaa san gad deemanuu, bisaan tokko bira geyane. Guneessichi, «Bisaan kunoo ti; akka ani hin cuuphanne wonni na dhooggaa maan?» jedhe. [37Filiphoos deebisee, «Gadhaa tokkoon yoo dhugeeffatte hin dandeetta» jedhe. Guneessichi deebisee, «Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa akka te'e hin dhugeeffadha» jedhe.]38Guneessichi garreettaa fardaan harkifamu akka dhaabbatu ajaje; innii fi Filiphoos gara lagaa dhaqanee, Filiphoosille isa cuuphe.39Isaan bisaan keessaa yennaa bayane, Ayyaanni Gootta'aa Filiphoos butee fuudhee deeme. Guneessichi deebi'ee isa hin dhaggine. Teetuu malee karaa ifiititti deebi'ee, gammadaa deeme.40Filiphoos ammoo qachaa Azooxonii keessatti dhaggamee, Oduu Gammadaa qachoota maraa keessatti lallabaa, gara qachaa Qiisaariya'aa dhaqe.