Hujii Ergantootaa28gax_twf

Phawuloos Oddoola Malaaxiya'aatitti

1Nuuti nageyaan lafa irra geenneen duuba, maqaan oddoola sanii Malaaxiyaa akka jedhamu beenne.2Namooti oddoola sanii, waan baaseffachiisu nuu godhane; roobaa fi boojjii waan teeteef, ibidda gabbisanee nu duudii fudhatane.3Phawuloos haasumee wolitti qabee ibiddatti yennaa kewu, buutiin takka qoraan keessaa o'a ibiddaa adoo dheettuu, harka Phawuloosii ciniinte.4Namooti oddoola sanii, buutiin harka Phawuloosiititti rarrateertuun dhagganee, «Namichi kun nama dhiigaa ti; inni abbaayaa keessaa nageyaan bawulle, muraa Waaqaa jalaa bayee, jiru'uun le'iisa hin dandeenne» woliin jedhane.5Phawuloos ammoo, buutii ibidda irratti hargufee buusee, adoo hin miidhamin hafe.6Isaan, «Nafi isaa ammaa iitowa yookiin ammaa lafa dhowee du'a» jedhaa eegaaraniiyyu. Guddoo eeganeen duuba ammoo akka womaa te'aa hin jirre dhagganee, yaada ifii jijjiiranee, «Inni waaqa» jedhane.7Bulchaan oddoolaa ka Phophlii'os jedhamu tokko, addee san biraa lafa qabaayyu; inni mana ifiititti nu fudhatee, haga guyyaa sadii akka dansaa nu keessumsiise.8Gaafas abbaan Phophlii'osii dhukkuba nafa o'isuu fi albaasuun dhibamee irkateeraayyu. Phawuloos gara isaa ilaaliisaaf seenee, isaaf daadimatee, harka ifii isa irra keyee fayyise.9Wonni kun teeteen duuba, worri dhibiin oddoola sanii ka dhibamane duudiin, dhufanee fayyane.10Isaan ulfinna guddaa nu kennanee, yennaa nuuti hobolo'oon deemiisaaf kaane, waan kara'aaf nu barbaachisu mara nuu kennane.

Phawuloos Roomaa Geye

11Ji'a sadiin duuba hoboloo guddittii Iskindiriya'aa, ta ji'a gannaa lafa Maalxiya'aatitti baateen kaanee deenne; hoboloon guddittiin sunille waaqota lakku'uu ka, «Diyoosqoros» jedhamu mataa irraa qaddi.12Qachaa Seraakusiititti gallee, guyyaa sad achi bulle.13Achii hobolo'oon kaanee, qachaa Reegiyosii geenne. Boruyyaa bubbeen kibba irraa bubbittu waan kaateef, guyyaa lamatti gara qachaa Photiyolii dhunne.14Qachaa sanitti dhugeeffattoota garii dhagginee, guyyaa torba isaan woliin akka turru nu gaafatane; achiin duuba gara qachaa Rooma'aa deenne.15Dhugeeffattooti qachaa Rooma'aa keessa jiranu, dhufa teenna dhage'anee, kuun haga qachaa Aphiyosii, kuun haga addee «Bultuma sad» jedhantuu nu fudhatiisaaf dhufane. Phawuloos yennaa isaan dhagge, Waaqa galateeffatee, jajjabaate.

Phawuloos Rooma'atti

16Qachaa Rooma'aa yennaa geenne, Phawuloos lolticha isa eegu woliin qofi akka le'u eeyyamameef.17Guyyaa sadiin duuba, Phawuloos sooreyyii Yihudootaa wolitti waansise. Yennaa isaan wolitti qabamane, «Obboleeyyan tiyya; ani kolbaa teenna irratti yookiin aadaa abbootii teennaa irratti yakkaa tokkolle adoo hin godhin, Yerusaalem keessatti hidhamee, harka worra Rooma'aatitti dabarfamee kenname.18Worri Rooma'aa na qoranee, yakkaa du'a natti mursiittu waan dhabaneef, na hiikiisaaf barbaadane.19Yihudooti ammoo yennaa waan kana mormane, Mootii Moototaatitti akka iyyadhu hunnaan godhame malee, kolbaa tiyya irratti himata hin qabu.20Sababa kanaaf isin dhaggee, isin woliin dubbannuuf isin waame. Ani sababa addii kolbaa Israa'eliitiif jedhee wodaroo sibiilaa tanaan hidhameera» jedhee isaanitti dubbatte.21Isaan deebisanee, «Lafa Yihuda'aa irraa xalayaan tokkolle marroo teetiif nuuf hin barreeffanne; yookiin kolbaan teenna ta achii dhutte oduu yookiin waan hantuu tokkolle marroo teeti hin dubbanne.22Te'uu malee kolbaan addee duudi'itti golii dhugeeffannaa teetii tana akka mormitu hin beenna; nuuti ammoo yaada keeti dhage'uu barbaanna» jedhane.23Maarre isaan guyyaa Phawuloos woliin wol dhagganu qabatanee, guyyaa san heddatanee addee Phawuloos jiru dhufane. Inni ganamaa jalqabee haga galgalaa marroo Mootummaa Waaqaa isaaniif dhugaa bayee, marroo Yesuusii kitaaba Muuse'eetii fi raagotaa keessaa itti himaa isaan dhugeeffachiisiisaaf wodhaane.24Isaan keessaa gariin dubbii inni dubbate dhugeeffatane, worri kuun ammoo hin dhugeeffanne.25Maarre isaan wolii hin galle; adoo isaan achii hin ka'in, Phawuloos dubbii takkattii tana isaanitti dubbatee, «Ayyaanni Woyyichi afaan Isaayaasii raagichaatiin abbootii teessanitti dubbatee,26« ‹Gara kolbaa tanaa dhaqiitii:Isin hin dhageettan hin dhageettan, ammoo hin hubattanu:Isin hin ilaaltan hin ilaaltan, ammoo hin dhaggitanu jedhiin.27Sababille qalbiin kolbaa tanaa dillootteerti;gurri isaanii cuqqalameera;ila ifiille dunuunfataneeran.Adoo akkas hin te'inii, silaa ilti isaanii dhaggitee,gurri isaanii dhage'ee,qalbiin isaanii hubattee,sila gara kiyya deebi'anee, anille isaan fayyiseeraayyu› jedhe.28«Fayyinni Waaqaa kun worra Yihudoota hin te'iniif akka ergame beeka'a. Isaan hin dhage'an» jedhe. [29Phawuloos tana dubbateen duuba, worri Yihudootaa guddoo wol moromaa isa biraa deemane.]30Phawuloos woggaa lama duudii mana kireeffate keessa tee'ee, worra isa ilaaliisaaf dhufu duudii fudhate.31Inni sodaa malee, namuu adoo isa hin dhooggin mootummaa Waaqaa lallabaa, marroo Goottaa Yesuus Kiristoosiille barsiise.