Hujii Ergantootaa20gax_twf

Phawuloos Biyya Maqedooniya'aatii Fi Giriikii Dhaqe

1Hogaan qabbanoween duuba, Phawuloos dhugeeffattoota duudii waamee, jajjabeessee, nageya itti dhaamee, isaan lakkisee gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf ka'e.2Inni lafa keessa dabaretti dhugeeffattoota gorsa heddu'uun jajjabeessaa, gara biyya Giriikii deemee,3ji'a sad achi ture. Inni hobolo'oon Sooriyaa dhaqiisaaf adoo qophowuu, worri Yihudootaa akka mala itti dhowe yennaa beeke, karaa Maqedooniya'aatiin deebi'iisaaf murteeffate.4Sophaaxros ilmi Phiirosii nami biyya Beeriya'aa, Arisxaarkosii fi Sekundos nami biyya Tasalonqe'ee, Gaayos nami biyya Derbe'ee, Ximootewoos, Xikiqoosii fi Xirofimoos nami biyya Asiya'aa, Phawuloos woliin deemane.5Jarri tun nuun dura dhaxxee Xiro'aasitti nu eedde.6Nuuti ammoo guyyaan Jila Daabboo Uukoo hin qanne dabareen duuba, Filiphisiiyuusii irraa hobolo'oon kaanee, guyyaa shaniin duuba isaaniin wol dhagginee, torbaan tokko achi turre.

Phawuloos Xiro'aasitti Dheeressee Lallabe

7Torbaan keessaa guyyaa qaraa, daabboo caccaffatiisaaf wolitti qabannee adoo jirruu, Phawuloos boruyyaa deemiisaaf waan yaadeef, dubbii ifii dheeressee haga halkan wodhakka'aa kolba'atti dubbate.8Addee nuuti wolitti qabanne kolloo mana mana gubba'aa keessa ifi hedduun jiraayyu.9Dargaggeessi Oyxikoos jedhamu tokko foddaairra tee'eeraayyu; Phawuloos haasowa dheeressinaan, mugee dunquuqqayee, mana mana gubba'aatiin gubba'aa irraa bu'e; yennaa isaan ol isa fuudhane, inni du'eera.10Phawuloos ammoo gad bu'ee, gad itti jedhee hanqafatee, «Hin rifatina'a! Lubbuun isaa keessaa jirti» jedhe.11Achiin duuba inni gara mana mana gubba'aatitti ol deebi'ee, daabboo cassee nyaate; haga latti bariitu isaan woliin dubbateen duuba deeme.12Isaan Dargaggeessa jiraataa te'e san gara manaa geessanee, guddoo jajjabaatane.

Phawuloos Xiro'aas Irraa Gara Miilexoosii Dhaqe

13Phawuloos karaa lafa irraa qachaa Asosii dhaqiisaaf waan yaadateef, nuuti isaan dura qachaa Asosii dhandhee, hoboloo akka isa yaabbachiinnu waan nu ajajeef, tana goone.14Asositti wol dhagginee, isa fudhannee hobolo'oon qachaa Mixileene'eetitti dabarre.15Boruyyaa hobolo'oon achii kaanee, oddoola Kiiyosii bira geenne. Guyyaa itti aanulle oddoola Saamosii dhandhee, boruyyaa qachaa Miilexoosii geenne.16Phawuloos kutaa biyya Asiya'aa keessatti turuu waan hin barbaadiniif, gara Efesoonii goruu lakkisee, hobolo'oon dabaru'uuf murteeffate. Yoo dande'ante guyyaa jila shantameesso'oo ta «Phenxeqosxee» jedhantu Yerusaalem geyiisaaf ariifateeraayyu.

Phawuloos Jaarsolee Wolde'a Efesooniititti Nageya Dhaame

17Phawuloos qachaa Miilexoosii irraa gara Efesoonii nama ergee, Jaarsolee wolde'a Efesoonii gara ifii waansise.18Isaan gara isaa yennaa dhufane, inni isaaniin, «Ani guyyaa qara lafa Asiya'aa dhufeen jalqabee, yennaa duudii attam akka isin woliin jiraadhe isinuu hin beettan.19Yihudooti mala natti dhowanee rakkadhulle, ani waan duudi'iin ifi gad qabee, imimmaaniin Goottaa tajaajile.20Waan isiniif te'u mara adoo hin hamburin, wolde'aa fi mana keessan irra deemaa, lallabee akka barsiise isin hin beettan.21Cubbuu irraa gara Waaqaatitti deebi'anee, Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffatanu, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'iniif ani dhugaa bayeera.22Amma kunoo achitti waan natti dhufu adoo hin beekin, akeettii Ayyaana Woyyichaatiin Yerusaalem dhaqaara.23Qachaa ani gewu duudii keessatti hidha'aa fi miidhaan akka ana eegattu, Ayyaanni Woyyichi natti himeera.24Te'uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus natti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittuu hin laakkowu.25«Ani odduu teessan deddeebi'ee, marroo mootummaa Waaqaa lallabeera; amma ammoo, nami tokkolle deebi'ee akka na hin dhaggine hin beeka.26Tanaaf isin keessaa nami tokko yoo bade, akka ani itti hin gaafatanne adha isinitti hima.27Sababille ani fedhii Waaqaa duudii isinitti himeera malee, waan isin irraa hambure hin qabu.28Maarre ifii fi hoolee Waaqaa akka isin eeddanuuf isinitti kennantelle'eef ifi eegadha'a; wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka inni dhiiga ilma ifiitiin ka ifii godhate tissa'a.29Ani deemeen duuba, worri akka yayyi'ii odduu teessan akka seenanu ani hin beeka.30Yennaan namooti gariin isinuma keessaa, dhugaa dassanee dhugeeffattoota ifi hordofachiisanu hin dhutti.31Tanaaf dammaqa'a! Ani woggaa sad halkanii fi guyyaa adoo gargar hin kutin imimmaaniin, tokko tokkoo keessan akka gorse qaabadha'a.32«Amma ani eeddoo Waaqaatitti, badhaadha ergaa isaa ka isin ijaariisa dande'uu fi eebba Waaqi kolbaa ifii duudi'iif kennutti, isin kenneera.33Ani meetii, worqii yookiin uffana eennulle hin kajeelle.34Anaa fi worra na woliin jiruuf waan barbaachisu maraa dhaggatiisaaf harka kiyyaan akka huje isinuu hin beettan.35Jecha Goottaa Yesuusii, ‹Ka fudhatu caalaa ka kennu ka eebbifame› jedhe qaabatiisaan, harka keennaan hujaa, hiyyeeyyii qarqaaruu akka malle ani isinitti mudhiseera» jedhe.36Phawuloos tana dubbatee fixeen duuba, isaan woliin jilbiiffatee daadimate.37Isaan duudiin bowaa morma isaatitti maratanee sunqatane.38Keessattuu inni isaaniin, haganaa achii deebitanee na hin dhaggitanu waan jedheef guddoo gaddane; achiin duuba isaan haga hobolo'oo isa woliin deemane.