Hujii Ergantootaa18gax_twf

Phawuloos Qorontoositti Hojjate

1Kanaan duuba Phawuloos qachaa Ateena'aa lakkisee, gara qachaa Qorontoosii dhaqe.2Achitti Yihudicha biyya Phonxoosiititti dhalate, ka maqaan isaa Aqiilaa jedhamu tokkoon wol dhagge. Kilaawudiiyosiin mootichi worra Rooma'aa, Yihudooti duudiin biyya Rooma'aa keessaa akka bayanu waan ajajeef, Aqiilaan haadha manaa ifii Pharisiqiilaa woliin dhiko'otti biyya Ixaaliya'aatii dhufeeraayyu. Phawuloos isaan dhaggiisaaf dhaqee,3hujiin isaalle akkuma isaanii dunkaaniihodhuu waan teeteef, isaan bira tee'ee hojjate.4Sanbata Sanbata Phawuloos Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee, Yihudootaa fi Giriikoota dhugeeffachiisu'uuf wodhaane.5Siilaasii fi Ximootewoos biyya Maqedooniya'aatii yennaa deebi'ane, Phawuloos yennaa ifii mara jecha Waaqaa lallabaa, Yesuus Masiihii akka te'e Yihudootaaf dhugaa baye.6Yihudooti isa mormanee arrassiinaan, inni bukuu woyaa ifii irraa dhodhowatee, «Dhiigi keessan isinittuu deebi'a; ani itti hin gaafatamu. Ammaa jalqabee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqa» isaaniin jedhe.7Achiin duuba Phawuloos Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii ka'ee, gara mana namicha Tiitoosii Yusxos jedhamu, ka Waaqa waaqonfatuu dhaqe; manni namicha sanii mana Waaqonfannaa Yihudootaa bira jiraayyu.8Kiriisphos ka jedhamu bulchaan mana waaqonfannaa Yihudootaa, nama ifii duudii woliin Gootta'atti dhugeeffate; Qorontoos keessalle'ee kolbaan dhibiin hedduun, waan Phawuloos dubbate dhageettee dhugeeffattee, cuuphante.9Goottaan gaafa tokko oojju'uun Phawuloositti dubbatee, «Hin sodaatin; lallabuma lallabi malee, hin cadhisin.10Ani si woliin jira; ani qachaa kana keessaa kolbaa hedduu waan qabuuf, eennulle si hubiisaafhin dande'u» jedhe.11Maarre Phawuloos woggaa tokkoo fi ji'a jaa, Jecha Waaqaa kolbaa barsiisaa ture.12Bara Gaalii'oon bulcha biyya Akaayya'aa te'etti Yihudooti wolii galanee, Phawuloos qabane; isaan gara mana mura'aa isa geessanee,13«Nami kun karaa seera keenna mormuun, kolbaa sossobaa akka Waaqa Waaqonfattu godha» jedhane.14Phawuloos adoo dubbatiisaaf jedhuu, bulchaan Gaalii'oon Yihudootaan, «Wonni kun yakkaa hantuu yookiin dokonkora hojjatame adoo teete, himata keessan silaa hin dhage'aayyu.15Ammoo wonni kun marroo moromaa jechootaa, marroo moromaa maqa'aatii fi seera keessanii eega teete, isinuu fixadha'a. Ani waan kana irratti hin muru» jedhee,16mana mura'aa keessaa isaan ari'e.17Yennaa kana isaan martinuu, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa Sostenees qabanee, mana mura'aa duratti tumane. Gaalii'oon ammoo waan kana woyittuu hin laakkonne.

Phawuloos Anxokiya'atti Deebi'e

18Phawuloos guyyaa hedduu dhugeeffattoota woliin Qorontoos keessa ture; achiin duuba nageya isaanitti dhaamee, hobolo'oon Phirisqiila'aa fi Aqiilaa woliin gara Sooriya'aa dhaqe; Phawuloos waadaa Waaqaaf gale waan qabuuf, lafa Kanchire'aa jedhantutti mataa ifii haadate.19Qachaa Efesoonii yennaa geyane, Pharisiqiila'aa fi Aqiilaa achumatti lakkisee, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee Yihudoota woliin dubbate.20Isaan akka Phawuloos yennaa dheertuu isaan woliin turuuf gaafannaan, inni ammoo hin eeyyanne.21Ammoo «Yoo fedha Waaqaa teete deebi'ee hin dhufa» jedhee, nageya isaanitti dhaamee hobolo'oon Efesoonii ka'ee deeme.22Inni qachaa Qiisaariya'aa yennaa geye, gara Yerusaalemii dhaqee wolde'a kiristaanaatiif nageya dhikeessee, achiin duuba gara Anxokiya'aa gad bu'e.23Yennaa diqqoo Anxokiyaa tureen duuba ka'ee, biyya Galaatiya'aatii fi Firiigiya'aa keessa dabaree, deddeemee dhugeeffattoota duudii jajjabeesse.

Apholoos Biyya Efesooniitii Fi Qorontoosii keessatti

24Yennaa san Yihudichi Apholoos jedhamu tokko, ka qachaa Iskindriya'atti dhalate gara qachaa Efesoonii dhufe. Inni nama Barreeffama Woyyicha miidhassee beekuu fi nama dandeettii dubbi'ii qabu.25Inni nama karaa Gootta'aa baratee fi gammada gudda'aan marroo Yesuusii sirri'itti lallabee barsiise. Te'uu malee inni cuuphaa Yohaannisii callaa beeka.26Inni sodaa malee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti dubbatiisa jalqabe. Pharisiqiila'aa fi Aqiilaan dubbii isaa yennaa dhage'ane, gara mana ifii isa fudhatanee marroo karaa Gootta'aa caalchisane sirri'itti itti himane.27Apholoos gara Akaayya'aa deemiisaaf yennaa barbaade, dhugeeffattooti Efesoon keessaa isa jajjabeessanee, dhugeeffattooti Akaayyaa keessaa akka isa fudhatanuuf xalayaa barreessaneef. Inni yennaa achi geye, worra badhaadha Waaqaatiin dhugeeffattoota te'aneef qarqaarsa te'e.28Inni Yesuus Masiihii akka te'e Barreeffama Woyyicha keessaa isaaniif mirkaneessaa, kolbaa duratti Yihudoota mormi'iin injifate.