Hujii Ergantootaa11gax_twf

Pheexroos Waan Hojjatame Wolde'a Yerusaalemiititti Hime

1Ergantootaa fi dhugeeffattooti biyya Yihuda'aa keessaa, worri Yihudoota hin te'inille Jecha Waaqaa akka fudhatane dhage'ane.2Maarre Pheexroos yennaa gara Yerusaalemii ol dhaqe, Yihudooti dhugeeffatane isatti mormanee,3«Ati mana worra haqanqabaa hin qabatinii dhaxxee, isaan wolille'een nyaatte» jedhane.4Pheexroos ammoo, waan te'e mara tokko tokkoon isaanitti himuu jalqabee:5«Ani qachaa Yophe'ee keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, galaalcheemudhii dhagge. Wonni akka woyaa guddo'oo fakkaattu roga afuriinuu ol gubbaa irraa dhuttee, na cinaa buute.6Ani hubadhee yennaa ilaale, woyaa san keessa horii miila afur qabu, bineensota, bineensota gadha'aan lowanuu fi sinbirroota koolaan ka'anu dhagge.7Achiin duuba qoonqoo, ‹Pheexroos, ka'i; bineensota kana qaladhuutii nyaadhu!› jettu dhage'e.8Ani ammoo, ‹Hin teetu, Gootta'a! Wonni aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in yookiin wonni battiin afaan kiyya seentee hin beettu› jedhe.9Ammalle qoonqoon ol-gubbaa irraa, ‹Waan Waaqi qulqulleesse, ati akka batti'ii hin laakkowin› anaan jette.10Tun yennaa sad teeteen duuba, wonni sun duudiin gara ol-gubba'aa fudhatante.11Yennaa san namooti sad ka Qiisaariyaa irraa gara kiyya ergamane, gara mana ani turee dhufane.12Ayyaanni Woyyichi akka ani mama malee isaan woliin deemu natti hime. Dhugeeffattooti jaan ka as na bira jiranulle na woliin dhaqanee, duudiin keenna mana Qorneelewosii seenne.13Qorneelewosille, ergamaan Waaqaa mana isaa keessa dhaabbateeruun akka dhaggee fi ergantichi isaan, ‹Gara Yophe'ee nama ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu waansisi;14inni dubbii atii fi worri keeti duudiin ittiin fayyitanu hin dubbata› akka jedheen nutti hime.15Yennaa ani dubbatiisa jalqabe, Ayyaanni Woyyichi akkuma jalqaba nu irratti bu'e, isaan irralle'etti bu'e.16Yennaa san waan Goottaan, ‹Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan› jedhe qaabadhe.17Waaqi yennaa nuuti Goottaa Yesuus Kiristoositti dhugeeffanne kennansuma nu'uuf kenne san, isaan worra Yihudoota hin te'iniifille eega kenne, ka Waaqa dhooggu ani eennu ree?» jedhe.18Isaan yennaa tana dhage'ane, moromaa lakkisanee, «Waaqi worra Yihudoota hin te'inille akka cubbuu irraa deebi'anee jiraatanu carraa kenneera» jedhanee Waaqa leellisane.

Wolde'a Kiristaana Anxokiyaa Keessaa

19Miidhaa yennaa Isxifaanos ijjeefame ka'een, dhugeeffattooti bittinnowane haga qachaa Finiqee, Qophiroosii fi Anxokiyaa deemanee, Jecha Waaqaa worra Yihudootaa calla'aaf himane.20Te'uu malee dhugeeffattooti qachaa Qophiroosiitii fi Qareena'aatii dhufane gariin, gara qachaa Anxokiya'aa yennaa dhufane, worra Giriikootaalle'eef Oduu Gammadaa ta marroo Goottaa Yesuusii himane.21Goottaan hunna ifiitiin isaan qarqaare; kolbaan hedduulle dhugeeffattee gara Gootta'aa deebite.22Wolde'i kiristaanaa ka Yerusaalem keessaa oduu tana dhage'ee, Baarnaabaas gara Anxokiya'aa erge.23Inni achi geyee, Waaqi attam kolbaa akka badhaase yennaa dhagge, gammadee, duudiinuu gadhaa tokkoon Gootta'aaf addatamanee akka jabaatanu itti gorse.24Baarnaabaas nama arjaa Ayyaana Woyyichaa fi dhugeeffanna'aan guutame waan te'eef, kolbaan hedduun gara Gootta'aa deebite.25Achiin duuba Baarnaabaas Saa'ol barbaadiisaaf gara Xarseesii dhaqe.26Yennaa isa dhagge gara Anxokiya'aa isa fidee, woggaa guutuu isaan lamaanuu wolde'a Kiristaanaa woliin gumii hedduu barsiisane. Dhugeeffattooti qaraa Anxokiya'atti, «Kiristaanota» jedhamanee waamamane.27Yennaa san raagoti gariin Yerusaalemii gara Anxokiya'atti gad bu'ane.28Isaan keessaa tokkochi Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa duudii irratti beelti jadduun akka bu'aartu, Ayyaana Woyyichaan raaga dubbate; kunille bara Kilaawudiiyos mootii te'eerutti muummowe.29Barattooti tokko tokkoonuu akkuma dandeettii ifiititti, dhugeeffattoota Yihudaa keessa leetu qarqaariisaaf murteeffatte.30Isaan tana godhanee, achiin duuba beesee karaa Baarnaabaasiitii fi Saa'oliitiin gara jaarsota wolde'a Kiristaanaa ergane.