2 Ximootewoos4gax_twf

1Waaqaa fi Yesuus Kiristoosii worra jiruu fi worra du'elle'etti muru'uuf jiru duratti, deebi'ee dhufiisaa fi mootummaa isaa yaadataa jabeessee si gorsa.2Jecha Waaqaa lallabi; yennaan toltulle, toluu dhabaattulle qophow; ossa gudda'aan namoota balleessanu sirreessaa, xixaa, jajjabeessaa barsiisi.3Yennaan namooti barsiisa sirrii te'e dhage'uu jibbanu hin dhutti; isaan barsiisota hedduu ta akka fedhii isaaniititti, waan gurra isaaniitiif tolu isaan barsiittu wolitti raratan.4Isaan dubbii dhuga'aa dhage'uu didanee, gurra ifii gara oduu durii deebifatan.5Ati ammoo haala mara keessatti ititi; rakkoo ossadhu; hujii lallaba Oduu Gammadaa huji; hujii itti ergante mara muummessi.6Ani akka dhibaayyu'uu dhibaafamuu geyeera; yennaan ani du'u geetteerti.7Ani akka dansaa wodhaantoo qabadheera; doggommii tiyya fixadheera; dhugeeffannaa tiyyalle eegadheera.8Yoona ammaa achi badhaas balchumma'aa naaf qophoweera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi naaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te'in, worra deebi'ee mudhinnaan dhufa isaa dharra'aan eegatu duudi'iif hin kenna.

Yaadachiisa Phawuloosii

9Ariiti'iin akka teete te'ii koy.10Sababille Deemaas biyya lafaa tana jaalatee, na lakkisee gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqeera. Kiresqes biyya Galaatiya'aa, Tiitoos ammoo biyya Dalmaatiya'aa dhaqeera.11Luqaas qofattuu na bira jira. Maarqoos huji'iin waan ana qarqaaruu dande'uuf, yennaa dhuttu isa fidii koy.12Xikiqoos ammoo gara qachaa Efesoonii ergeera.13Yennaa dhuttu gorfa ani Kaarphoos biratti Xiro'aasitti lakkise, kitaabota maramaalle, keessattuu ka gogaa duugama'aan hujame naaf fidi.14Iskindiriin sibiila tumu akka malee na miidhe; Goottaan akkuma hujii isaatitti isaaf hin kenna.15Inni dubbii teenna jabeessee waan mormeef, atille isa irraa ifi eegadhu.16Ani waan itti himatameef yennaa ani guyyaa qaraa dhiyaadhee falmadhe, duudiinuu na lakkisane malee, nami tokkolle na qarqaariisaaf hin dhunne. Tun isaanitti hin laakkowamin!17Ammoo ergaan isaa guutuun karaa kiyyaan lallabantee worri Yihudoota hin te'in duudiin akka dhage'anu, Waaqi cinaa tiyya dhaabbatee hunna naaf kenne. Afaan neenqaa irralle'ee na hambure.18Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubba'aa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te'u! Ameen.

Nageya Muumme'ee

19Phirisqiilaa, Aqiila'aa fi worra mana oneesiforosiititti nageya naa himi.20Eraasxoos Qorontoositti hafe; Xirofimoosille waan dhibameeruuf ani qachaa Miilexoosiititti isa lakkise.21Adoo ganni hin dhufin akka teete te'ii koy. Yubuloos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiya'aa fi dhugeeffattootidhibiille nageya sii dhaamaneeran.22Goottaan ayyaana keeti woliin jiraatu. Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.