1Guyyoota muumme'eetitti yennaan rakkittu akka dhuttu beeki.2Namooti ka mataa ifii jaalatanu, ka beesee jaalatanu, ka ifi saadanu, kijiboota, ka nama arrassanu, ka worra ifiitiif hin ajajanne, ka galata hin qanne, ka woyyummaa hin qanne,3ka jaalala hin qanne, ka hin araaranne, ka maqaa namaa balleessanu, ka ifi hin qabanne, ka gadhaa jabaatanu, ka waan dansaa jibbanu,4ka dabarsanee nama kennanu, jajjartoota, ka ana malee jedhanu te'an; isaan Waaqa caalaa gammada jaalatan;5isaan dhugeeffannaa waan qabanu fakkaatan, ammoo hunna isi'ii mormataneeran. Worra akkasii irraa ifi eegadhu.6Isaan keessaa gariin gara mana namaa dhaqaa, dubartoota dadhadduu ta cubbuun irratti tuulantee, halchaa gara garaatiin asii fi achi oofantu, hin qabatan.7Dubartiin akkasii yennaa mara hin baratti, ammoo ijjumaayyuu dhugaa beekiisa bira hin geettu.8Akkuma Yaaneesii fi Yaamberes Muuse'een mormane, kolbaan qalbii isi'ii baddee fi dhugeeffannaa irraa jidde tun dubbii dhuga'aa mormiti.9Gowwummaan Yaaneesiitii fi Yaamberesii, nama duudi'itti akkuma beekkante, ta isaaniille nama duudi'itti waan beekkantuuf isaan ur hin geyanu.
Gorsa Phawuloos Ximootewoosiif Kenne
10Ati ammoo barsiisa kiyya, adaba kiyya, akeeka jiruu tiyyaa, dhugeeffannaa tiyya, ossata kiyya, jaalala kiyya, fi ciniinnadhee ossatuu kiyya hin beetta.11Miidha'aa fi rakkoo tiyya, ta Anxokiya'atti, Iqoniiyumii fi Lisxira'atti na dhaqqadde mara ossatuu kiyya hin beetta. Goottaan ammoo san duudii jalaa na hambure.12Akkasuma nami karaa Yesuus Kiristoosiitiin nama Waaqaa te'ee le'uu fedhu duudiin hin miidhama.13Worri hama'aa fi malaan nyaattuun worra dhibii dokonkorsaa ifille'eef dokonkoraa, hammeenna irraa gara hammeennaa ittuma deeman.14Ati ammoo waan barattee jabeessitee itti dhugeeffatte, eennuu fa'a irraa akka baratte waan beettuuf itti jabaadhu.15Ati Barreeffama Woyyicha, qarooma Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan fayyinni ittiin dhaggamu si'iif kenniisa dande'u ijoollummaa teetiin jalqaddee beetteerta.16Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma'aatitti qajeelchiisaaf bu'aa qabeessa.17Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te'ee, ka hidhatee qophowe akka te'u godha.