Nu'uuf Daadimadha'a
1Muummeffata irratti, obboleeyyan teenna! Jechi Gootta'aa wodhakkaa teessanitti akkuma te'e, ariifatee akka badhatuu fi ulfaatu nu'uuf daadimadha'a.2Ammalle worri hedduun dhugeeffannaa waan hin qanneef, harka namoota yakkaameyyi'iitii fi dabaaleyyi'ii irraa akka inni nu baasu nu'uuf daadimadha'a.3Goottaan ammoo addatama'a; inni isin jajjabeessee, waan hantuu irraa isin eega.4Waan isinitti hinne akka hujaartanuu fi gara duraalle ittuma akka hujjanu Gootta'atti addii qanna.5Goottaan gadhaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara ciniinnatee ossiisa Kiristoosii isin qajeelchuu ti.Harka Maratanee Tee'iis Barbaachisa'aa Moti
6Obboleeyyan teenna! Kiristaana harka maratee tee'uu fi akka barsiisa nu'u irraa fudhatetti hin leene irraa akka fagaattanu, maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya.7Nuuti yennaa isin bira turre harka marannee hin teenne. Fakkeenna keenna fudhatiisa akka maltane isinuu miidhaassitanee hin beettan.8Nuuti nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa eloonnee hunye malee, sagalee nama tokkoolle akkasumaan hin nyaanne.9Wonni nuuti tana gooneef fakkeenna keenna akka fudhattanuuf malee, waan nu'uuf barbaachisu isin irraa dhaggatiisaaf baallii dhanneetii moti.10Nuuti yennaa isin bira jirru, «Nami hujiisa jibbu hin nyaatin» jennee ajaja isiniif kennineerra.11Isin keessa worri gariin ka harka maratee tee'u akka jiru waan dhageenneef tana jenna; isaan waan isaan hin galchine keessa galan malee, hujii tokkolle hin hujanu.12Namooti akkasii, miiranee akka hujatanuu fi waan ittiin bulanu akka dhaggatanu maqaa Goottaa Yesuusiitiin isaan ajanya; hin gorisinalle'e.13Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo waan dansaa hujiisa hin dadhabina'a.14Ergaa nuuti xalayaa kana keessatti isiniif ergineef, nami hin ajajanne yoo jiraate, hubadha'aa beeka'a; akka inni qaanowuufille waan tokkolle isa woliin hin tolchina'a.15Teetuu malee akka obboleessaatitti itti gorsa'a malee, akka diinaatitti hin laakkowina'a.Nageya Muumme'ee
16Goottaan abbaan nageyaa, yennaa mara karaa maraan, inninuu nageya isiniif kennuu ti. Goottaan isin mara woliin jiraatu.17Ani Phawuloos harkuma kiyyaan nageya kana barreesse. Beessisi ergaa tiyya mara keessatti dhaggamu kana; akki ani barreessulle akkana.18Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu.