2 Worra Tasalonqe'ee1gax_twf

1Phawuloos, Siilaasii fi Ximootewoos biraa: Wolde'a kiristaanaa ka Waaqa Abbaa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf:2Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos nageyaa fi badhaadha isiniif kennu.

Muraa Yennaa Kiristoos Deebi'ee Dhufu Kennantu

3Obboleeyyan tiyya! Nuuti marroo teessaniif yennaa mara Waaqa galateeffatiisa qanna. Dhugeeffannaan teessan akka malee guddataa, jaalaltiin isin woliif qaddanulle ittuma waan dabalamiisatti jirtuuf, akkas tolchuun keenna sirri'i.4Tanaaf miidha'aa fi rakkoo isin dhaqqadde duudii keessatti waan ossattanee fi dhugeeffanna'aan jabaattaneef, nuuti wolde'oota kiristaanaa, ka Waaqaa keessatti isiniin ifi jajanna.5Wonni kun maraa, muraan Waaqaa qajeeltuu akka teetee fi isinille mootummaa Waaqaa ta rakkatiisatti jirtanuuf, ka maltane akka te'uuf jirtanu mirkaneessa.6Waaqi waan sirrii te'e huja; inni worra isin rakkisutti rakkoo fida.7Isin worra amma rakkatiisatti jirtanu, Yesuus ergantoota ifii hunnaameyyii woliin ol-gubbaa irraa yennaa mudhatu nu woliin tana jalaa isin baasa.8Inni ibidda bobe'uun mudhata; gaafa san worra Waaqa hin beennee fi Oduu Gammadaa ta Goottaa keenna Yesuusiitiif hin ajajane hin adaba.9Isaan fuula Gootta'aatii fi ulfinna hunna isaa irraa gargar bayanee, badii bara baraatiin adabaman;10tun guyyaa inni woyyoota ifii irraa ulfinna dhaggatiisaa fi worra dhugeeffatu duudii biralle'etti baaseffatamiisaaf dhufutti teeti. Isinille dhugaa baya teenna waan dhugeeffattaneef, woyyoota isaa woliin laakkowantan.11Waaqi keenna worra waamicha isaatiif male akka isin godhuuf, waan dansaa godhiisaaf halchaa qaddanuu fi hujii dhugeeffannaa teessanii mara hunna ifiitiin akka muummessuuf, nuuti yennaa mara isiniif daadimanna.12Akkasuma maqaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isiniin akka ulfaatuu fi isinille karaa badhaadha Waaqa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, akka isaan ulfaattanuuf daadimanna.