2 Saamu'elii8gax_twf

Daawiti Injifannoo Dhaggate

1Kanaan duuba mootichi Daawiti Filisxeemota lolee injifatee, qachaa Mateg-Amayii ta isaan qara qabatane harka Filisxeemotaatii baase.2Daawiti Mo'aabotalle injifate; namoota booji'e lafatti irkisee wodaro'oon isaan mike; worra wodaro'oon mikame keessaa harka lama ijjeesee, harka tokko lakkise; maarre worri Mo'aabotaa tajaajiltoota isaa te'anee isa gabbarane.3Kana maleelle Daawiti lafa laga Efraaxiisii bira jirtu deebisee qabatiisaaf yennaa dhaqe, mootii Zobaa ilma Rehoobii Hadaad-Ezer lolee,4garreettaa fardaan harkifamu ka isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota miilaa kuma diddama booji'e; garreettaa fardaan harkifamu dhibba tokko callaa hamburee, kaan maraa mogolee ciccire.5Namooti Sooriya'aa worri Damaasqoo keessa le'anu, mootii Zobaa Hadaad-Ezer qarqaariisaaf yennaa dhufane, Daawiti isaan keessaa namoota kuma diddamii lama ijjeese.6Achiin duuba mootummaa Damaasqo'oo Aaram keessatti quttuma loltootaa godhate; worri Sooriya'aa tajaajiltoota isaa te'anee isa gabbarane; Mootiin Waan Maraalle addee Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne.7Daawiti wontee worqii irraa hujante ta qondaaltota Hadaad-Ezerii fudhatee gara Yerusaalemii fide.8Mootichi Daawiti qachoota Hadaad-Ezerii, Bexa'aa fi Berootaayi keessaa sageettuu bacaa guurate.9Mootiin Haamaatii To'i akka Daawiti loltoota Hadaad-Ezerii mara injifate yennaa dhage'e,10To'i qara Hadaad-Ezer woliin wol lolaa waan tureef, Daawiti Hadaad-Ezer irratti injifannoo waan dhaggateef, nageya gaafatee, «Baga gammadde» akka jedhuuf ilma ifii Yoraam gara Daawitii erge; innille meya worqii, meeti'ii fi sageettuu irraa hujame qabatee dhaqe.11Mootichi Daawiti gosa biyya adda addaa mara irraa waan qara gabbarsiifateen meeti'ii fi worqii isaaf galte keessaa akkuma qara godhe meya kana Mootii Waan Maraatiif adda baase.12Gosi biyya adda addaa worri qara isa gabbarane, worra Edoomii, worra Mo'aabii, worra Amoonii, worra Filisxeemotaatii fi worra Amaaleqootaa ti. Inni mootii Zobaa ilma Rehoobii Hadaad-Ezer irraa meya booji'elle Mootii Waan Maraatiif adda baase.13Daawiti addee, «Dhooqa sooddaa» jedhantutti Edoomota kuma kudhanii saddeeti ijjeesee deebi'een duuba maqaan isaa beekkame.14Inni biyya Edoomii mara keessatti addee quttumaa godhatee, Edoomoti marti isa tajaajilane; Mootiin Waan Maraalle addee Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne.15Daawiti Israa'eloota mara irratti mootii te'ee, kolbaa maraaf muraa haqaa muree, waan sirrii te'e huje.16Yo'aab ilmi Zeruyaan deette, ajajaa loltootaa te'e; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax barreessaa dabarsi'ii ti.17Ilmi Ahiixubii Zaadoqii fi ilmi Abiyaataarii Abiimelek hayyoota; Seraayaan barreessaa mana mootumma'aa ti.18Ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan itti gaafatamaa Keretootaatii fi Pheletootaa ti; ilmaan Daawitii ammoo gorsitoota mana mootumma'aa ti.