2 Saamu'elii6gax_twf

Daawiti Saanduqa Gondooro'oo Gara Yerusaalemii Fide

1Daawiti ammalle Israa'eloota keessaa namoota filamane kuma soddoma wolitti qabe.2Daawitii fi namooti isaa marti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, ka maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irra tee'eeruutiin waamame, qachaa Ba'aalaa ka Yihudaa keessaatii fidiisaaf achi deemane.3Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa garreettaa fardaan harkifamu haareya irra keyanee, mana Abinaadaabii ka kooba irra jiru keessaa fuudhanee fidane; ilmaan Abinaadaabii Uzaa fi Ahiiyon garreettaa fardaan harkifamu haareya san,4Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa irra jiruun yennaa oofanu, Ahiiyoti duraan deemaayyu.5Daawitii fi kolbaan Israa'elii duudiin, kiraara guddichaan, maseenqo'oon, dibbe'een, bilibilaa fi sibiila qilillisuun hunna ifii guutu'uun faaruu faarsaa ulfinna Mootii Waan Maraatiif firinxiixane.6Isaan eeddummee Naakonii bira yennaa geyane, qotiyyooti garreettaa san harkittu waan gufatteef, Uzaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa hiixatee qabe.7Uzaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa waan faanshesseef, aariin Mootii Waan Maraa isa irratti bobeette; tanaaf Waaqi isa xixee, inni Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa biratti achumatti du'e.8Mootiin Waan Maraa aaree Uzaa waan ijjeeseef, Daawiti aare; addeen sun haga adhaa, «Pherez-Uzaa» jedhanti.9Daawiti guyyaa san Mootii Waan Maraa waan sodaateef, «Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa attam gara kiyya dhufuu dande'a ree?» jedhe.10Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa san gara qachaa ifii geessiisa waan hin barbaanneef, gara mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii geesse.11Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii keessa ji'a sad ture; Mootiin Waan Maraalle Obed-Edoomii fi maatii isaa mara eebbise.12Mootiin Waan Maraa Obed-Edoomii fi maatii isaa, waan inni qabu maralle sababa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif akka eebbise mooticha Daawititti himane; maarre Daawiti achi dhaqee Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa mana Obed-Edoomiitii gara qachaa ifii gammada gudda'aan fide.13Worri Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'ate tarkaaffii jaa akkuma deemanuun, Daawiti korma tokkoo fi dardara cooma tokko ciincaa dhikeessaayyu.14Daawiti woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee hunna ifii guutu'uun Mootii Waan Maraa duratti firinxiixe.15Akka kanaan Daawitii fi kolbaan Israa'elii marti ilillisaa, tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ol fidane.16Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa qachaa Daawitii yennaa galu intalti Saa'olii Mikaal foddaa manaatiin ilaalte; mootichi Daawiti Mootii Waan Maraa duratti utaalaa firinxiixuun dhaggitee, gadhaa ifii keessatti isa tuffatte.17Namooti Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa fidanee, dunkaanii Daawiti dhaabe keessa addee inni qopheesse keyane; Daawitille kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Mootii Waan maraa duratti dhikeesse.18Daawiti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesseen duuba, maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin kolbaa eebbise.19Daawiti kolbaa Israa'elii dhiiraa fi dubartii duudi'iif tokko tokkoo isaaniitiif, daabboo tokko tokko, foon gumaa tokko tokkoo fi xaltaa midhaan woyni'ii tokko tokko qoode; achiin duuba kolbaan marti gara mana ifii deemane.20Daawiti maatii ifii eebbisiisaaf gara mana ifii yennaa deebi'e, intalti Saa'olii Mikaal isa fudhatiisaaf gad baatee, «Mootiin Israa'elii adha dubartoota tajaajiltoota qondaaltota isaa duratti akka nama bu'aa hin qannee qullaa dhaggamiis ulfinna attamii ti!» jette.21Daawiti deebisee Mikaaliin, «Mootii Waan Maraa ka abbaa keeti yookiin worra mana isaa keessa jiranu caalaa, kolbaa ifii Israa'el irratti na muudee mootii na godhe duratti gammadee firinxiixe. Ammalle ani Mootii Waan Maraa duratti hin firinxiixa.22Ani tana caalaa isa duratti ifi gad hin qaba; ila teeti duratti hin salphadha. Te'uu malee, garboolee ati maqaa dhootte duratti ammoo ulfinna hin dhaggadha» jedhe.23Tanaaf, intalti Saa'olii Mikaal adoo hin deyin duute.