2 Saamu'elii5gax_twf

Daawiti Mootii Israa'elii Te'e

1Gosi Israa'elii marti Kebroonitti gara Daawitii dhufanee, «Nuuti dhiigaa fi foon keeti;2kanaan qara, yennaa Saa'ol mootii keenna te'eerulle, nami Israa'eloota sooresse si'i; Mootiin Waan Maraalle, si'iin, ‹Kolbaa tiyya Israa'el hin tissita; bulchaa isaanille hin teeta› jedheeraayyu» jedhane.3Maarre jaarsoleen Israa'elii marti Kebroonitti gara Daawitii mootichaa dhufane; mootichi Daawiti Kebroonitti Mootii Waan Maraa duratti isaan woliin gondooroo godhate; isaanille Daawiti muudanee Israa'el irratti mootii godhane.4Daawiti yennaa mootii te'e, nama woggaa soddomaa ti; inni woggaa afurtama bulche.5Inni Kebroon keessa tee'ee woggaa torbaa fi ji'a ja kolbaa Yihuda'aa bulche; Yerusaalem keessalle tee'ee, woggaa soddomii sad kolbaa Israa'elii maraa fi kolbaa Yihuda'aa bulche.

Daawiti Qachaa Yerusaalemii Qabate

6Mootichi Daawitii fi namooti isaa Yibusoota qachaa Yerusaalemii keessa le'anu loliisaaf itti duulane; Yibusooti, «Daawiti asi seenuu hin dande'u» jedhanee waan yaadaneef, Daawitiin, «Worri balla'aa fi naafinuu waan si dhoogganuuf, ati asi hin seentu» jedhane;7te'uu malee Daawiti kushee Xiyoonii qabatee, addeen sun, «qachaa Daawitii» jedhante.8Guyyaa san Daawiti, «Nami Yibusoota worra balla'aa fi naafa, diinota Daawitii injifatiisaaf barbaadu, xurree bisaan yaa'u ta lafa jalaatiin dabaruu ti» jedhe; kanaaf, «Balla'aa fi naafi mana mootumma'aa hin seenanu» jedhamane.9Daawiti kushee Xiyoonii qabate san keessa le'ee, «Qachaa Daawitii» jedhee moggaase; inni kaabii, «Miiloo» jedhantuun kaasee itti naannessee gara keessaatitti kushee qacha'aa jabeessee ijaare.10Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u isa woliin waan jiruuf, Daawiti ittuma jabaataa deeme.11Mootiin Xiiroosii Hiiraam namoota ifii muka hindheensa, worra muka bocuu fi worra dhakaa bocu woliin gara Daawitii erge; isaanille Daawitiif mana mootumma'aa ijaarane.12Daawitille akka Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti mootii isa godhee fi sababa kolbaa ifii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaalle akka guddise beeke.13Daawiti qachaa kebrooniitii ka'ee gara Yerusaalemii deemeen duuba, achitti gursumeeyyi'ii fi niitota dhibii dabalee fuudhee, ilmaanii fi durri dhibiin isaaf dhalatane.14Maqaan ilmaan isaa ka Yerusaalem keessatti isaaf dhalatane: Shaamuwaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,15Yiibhaar, Eliishuwaa, Nefeg, Yaafii'aa,16Eliishaamaa, Eliyaada'aa fi Eliifelex fa'a.

Daawiti Filisxeemota Injifate

17Daawiti muudamee mootii Israa'elii akka te'e, Filisxeemoti yennaa dhageette, marti isaanii isa barbaadiisaaf bayane; Daawiti ammoo tana dhage'ee gara kushee ifii gad bu'e.18Filisxeemotille dhufanee, dhooqa Refaa'iimii keessa bittinnowanee addee qabatane.19Maarre Daawiti, «Worra Filisxeemotaatitti duuluu? Ati harka kiyyatti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Eeti'i, duuli, anille dhugumaan Filisxeemota harka keetitti dabarsee hin kenna» jedhe.20Maarre Daawiti gara Ba'aal-Pheraaziimii dhaqee, achitti Filisxeemota lolee injifate. Inni, «Akkuma lolaan bisaanii jabaan ededa caccassu, Mootiin Waan Maraa diinota kiyya fuula kiyya duratti bittinneesse» jedhee, maqaa addee sanii, «Ba'aal-Pheraaziim» jedhe.21Worri Filisxeemotaa waaqota ifii achitti lakkisanee waan baqataneef, Daawitii fi namooti isaa waaqota isaanii san fudhatane.22Filisxeemoti ammalle dhufanee dhooqa Refaa'iimii keessa bittinnowanee addee qabatane.23Maarre Daawiti Mootii Waan Maraa gaafate; Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Gara duubaatiin marsiitii mukoota harru'uu duratti isaan loli malee, fuula duraan itti hin dhaqin.24Qaccee mukoota harru'uu gubba'atti hirba duulaa yennaa dhageette, ani Mootiin Waan Maraa loltoota Filisxeemotaa loliisaaf si'iin dura waan bayeef, ariiti'iin gara duraa deemi» jedhe.25Maarre Daawiti akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhee, worra Filisxeemotaa Giibe'onii haga Gezerii ari'e.