2 Saamu'elii23gax_twf

Dubbii Daawitii Ta Dhumaa

1Dubbiin Daawitii ta dhuma irratti inni dubbate ta asii gad jirtu: «Ergaan Daawitii ilma Iseyii, ka Ol Aanaa irraa guddinna dhaggatee, ka nama Waaqa Yaaqoobiitiin muudamee, faaruun faarsicha Israa'elii tana:
2«Ayyaanni Mootii Waan Maraakaraa kiyyaan dubbateera;jechi isaa arraba kiyya irra jira.3Waaqi Israa'elii dubbateera;rassaan Israa'elii anaan,‹Nami tokko balchumma'aan yennaa bulchu,Waaqa sodaatiisaan yennaa bulchu,4inni akka ifa ganamaa,ka duumensi adoo hin jiraatinyennaa aduun baatu ifuu ti;akka calalaqa roobaan duubalatti marra akka baattu godhuu ti› jedhe.
5«Dhugumaan manni kiyyaWaaqa duratti akkasii motii ree?Inni gondooroo bara baraana woliin godhateera.Waan mara sirreessee jabeessee hin eega;fayyinna kiyyaa fi fedhii tiyya maraka naaf muummessu isaa motii ree?6Garuu namooti hamooleen martiakka qoreettiinami harkaan wolitti qabuu hin dandeenneehin gataman.7Nami sibiilaa fi someya ebo'ootiinqoreettii wolitti hin qaba;qoreettiin sun achumaan ibiddaan hin gubanti.»

Loltoota Daawitii Gootota.

8Maqaan loltoota Daawitii ta worra goototaa ta asii gad jiru: Yosheb-Baashebetii Takmoonicha sooressaa gootota sadii; inni lola tokko keessatti namoota dhibba saddeeti eboo ifiitiin fixe.9Ka isatti aanu ilma Dodoo Ahohichaa Ele'azaar; Filisxeemota lolaaf wolitti qabamanetti dhaadatanu, loltoota jannoota sad keessaa tokkochi isa. Achiin duuba Israa'elooti baqatane.10Inni ammoo haga irreen isaa irraa buututti, haga harki isaa shallaaga'atti gogutti Filisxeemota lole; guyyaa san Waaqi injifachaa guddaa isaaf kenne. Loltooti gara Ele'azaarii deebi'anee Filisxeemota worra ijjeefame irraa meya lolaa mulqatane.11Ka itti aanu ilma Aagee Haraarichaa Shama'a. Addee, «Lehi» jedhantutti fichaa misiraa keessatti yennaa Filisxeemoti wolitti qabantu, loltooti Israa'elootaa isaan duraa baqatane.12Shamaan garuu fichuma san keessa dhaabbatee, Filisxeemota ijjeesee fichaa irraa deebise; guyyaa san Mootiin Waan Maraa injifachaa guddaa isaaf kenne.13Yennaa midhaan galfatanu loltooti Filisxeemotaa dhooqa Refaa'iimii keessatti addee qabatanee adoo jiranu, loltoota gootota soddoma keessaa sadiin addee Daawiti jiru gara goda «Adulaam» jedhamuu dhufane.14Yennaa san Daawiti kushee keessa jiraayyu; gareen loltoota Filisxeemotaalle Betlihem keessa jiran.15Daawiti dharraa guddo'oon, «Boolla karra Betlihemii bira jirtu keessaa bisaan unu eennutti naaf fida laati?» jedhe.16Maarre loltooti goototi sadiin sun quttuma Filisxeemotaa keessa dabaranee boolla karra Betlihemii bira jirtu keessaa bisaan woraabanee Daawitiif fidane. Daawiti ammoo, bisaan san hin unne. Inni bisaan san kennansa godhee, Mootii Waan Maraatiif dhangalaasee,17«Ee, Mootii Waan Maraa, waan akkasii kana godhiis narraa fagaatu! Kun dhiiga worra lubbuu ifii gurguratee dhaqeetii motii ree?» jedhe; tanaaf Daawiti bisaan isaaf fidane san uniisa hin barbaanne. Jannummaan loltooti goototi sadiin sun godhane tana.18Abiishaayi obboleessi Yo'aabii ka Zeruyaan deette sooressaa worra sadiin kanaa ti. Inni eboo ifiitiin namoota dhibba sad ijjeesee, akka worra sadiin sanii loliisaan gurri isaa ka'e.19Inni worra sadiin san caalaa ulfinna guddaa qabaa motii ree? Akka isaanii beekkamuu dhabulle ajajaa isaanii te'e.20Ilmi Yihoyaada'aa nami biyya Kabzii'elii Benaayaan, lolticha goota nama hujii gugurdoo huje. Inni gootota Mo'aabii lama ijjeese. Gaafa dhakaan roobaa bu'e tokko gara bowwa'aa gad dhaqee, neenqa tokkolle ijjeeseera.21Inni nama biyya Gibxi'ii tokkolle ijjeeseera. Namichi Gibxi'ii sun eboo qabaatulle, Benaayaan ulee ifii qabatee itti dhaqee, eboo isaa harkaa butee fuudhee, ebuma isaatiin namicha Gibxi'ii san ijjeese.22Ilmi Yihoyaada'aa Benaayaan tana godhiisaan, innille akkuma gootota dhiira sadiin sanii gootummaa dhaggate.23Inni loltoota gootota soddoma san caalaa ulfinna dhaggate; te'uu malee inni akka gootota sadiin kaanii ka beekkamee moti. Daawitille worra isa eegu irratti itti gaafatamaa isa godhate.24Worra soddoma keessaa maqaan isaanii ka asii gad jiru: Obboleessa Yo'aabii Asaahel, nama biyya Betlihemii ilma Dodoo Elhaanaa,25nama biyya Harorii Shaamaa, nama biyya Haarodii Eliiqaa,26nama biyya Phaaltii Helez, nama qachaa Teqo'aa ilma Iqeshii Iiraa,27nama qachaa Anaatotii Abii'ezer, nama biyya Hushaatii Mebunaa'i,28nama biyya Ahohii Zaalmon, nama biyya Netofii Maharaay,29ilma Ba'anaa nama biyya Netofii Heled, sanyii Beniyaamin keessaa ilma Rebaayii nama qachaa Giibe'aa Iitaayi,30nama biyya phiiraatonii Benaayaan, nama dhooqa Ga'aashii Hiidaayi,31nama biyya Aarabataahii Abii-Alboon, nama biyya Barhumii Az-maawet,32ilmaan Yaashenii keessaa nama biyya Sha'albonii Eliyaabaa,33ilma Shamaa nama biyya Haraarii Yonaataan, ilma Shaaraarii nama biyya Haraarii Ahii'aam,34ilma Ahasbaayii nama biyya Ma'akaatii Eliifelex, ilma Ahiitofelii nama biyya Giloonii Elii'aam,35nama biyya Qarmelosii Hezro, nama biyya Arbaa'ii Pha'iiraayi,36nama biyya Zobaa ilma Naataanii Iigaal, nama biyya Gaadii Baan,37nama biyya Amoonii Zeleq, nama biyya Berootii Naharaayi ka Zeruyaan deette ka meya lolaa Yo'aabiif ba'atu,38nama biyya Itrii Iiraa, nama biyya Itrii Gaareb,39nama biyya Heetii Uriiyaa fa'a; isaan kun wolumatti nama soddomii torba.