Sheebaan Daawiti Irratti Ka'e
1Yennaa san ilmi Biikrii Sheebaan Beniyaaminichi nami yabaabulaan tokko achi jiraayyu; inni tultullaa afuufee, «Nuuti Daawiti irraa qooda hin qannu; ilma Iseyii woliin tokkummaa hin qannu; ee, kolbaa Israa'elii tokko tokkoon keessan gara dunkaanii teessanii deebi'a'a!» jedhe.2Maarre kolbaan Israa'elii marti Daawiti lakkisanee ilma Biikrii Sheebaa hordofane; kolbaan Yihuda'aa ammoo Yordaanosii jalqabanee haga Yerusaalemii mootii ifii woliin turane.3Daawiti gara mana mootumma'aa ka Yerusaalem keessaatitti yennaa deebi'e, gursumeeyyii kudhan ka mana mootumma'aa akka eeganuuf lakkise san achii fuudhee, mana tokko keessa galchee achitti akka isaan eeganu godhe; inni sagalee isaaniif kenne; te'uu malee isaan bira hin geenne; isaan haga du'aatitti akka haadhotii hiyyeessaa te'anee, qofii ifii adda bayane le'ane.4Achiin duuba mootichi Daawiti Amaasaa'aan, «Kolbaan Yihuda'aa guyyaa sad keessatti gara kiyya akka dhuttu waami! Atille isaan woliin dhaggam!» jedhe.5Amaasaan ammoo kolbaa Yihuda'aa waamiisaaf deeme; garuu guyyaa mootichi murteesse caalaa ture.6Daawitille Abiishaayiin, «Ilmi Biikrii Sheebaan Abiishaalom caalaa nu hin miidha; akka inni qachaa dalleya dhaka'aatiin ijaarame dhaggee nu duraa hin milindhe, namoota goottaa keetii qabadhuutii isa ari'i!» jedhe.7Maarre namooti Yo'aabii, Keretootot, Pheletoototii fi loltooti jajjabi marti Abiishaayi woliin deemane; isaan ilma Biikrii Sheebaa ari'iisaaf Yerusaalem keessaa bayane.8Isaan rassaa guddaa Giibe'on keessa jiru bira adoo jiranuu, Amaasaan isaan bira dhufe; Yo'aab woyaa lolaa uffatee, shallaagaa hidhatti hidhateeraayyu; yennaa inni gara duraa deemiisaaf miila ifii fudhatu shallaagaan isaa gonofaa keessaa bu'e.9Yo'aabille Amaasaa'aan, «Obboleessa kiyya, akkam jirta?» jedhe; achiin duuba Amaasaa waan sunqataaruu fakkaatee harka middaatiin areeda isaa qabe;10Amaasaan ammoo Yo'aab shallaagaa akka qabateeru waan hin beekiniif ifi hin eeganeeyyu; Yo'aab shallaaga'aan gadhaa isaa hordee, madhumaan isaa lafatti gad dhowe; inni adoo itti hin lammeessin Amaasaan achumatti du'e; achiin duuba Yo'aabii fi obboleessi isaa Abiishaayi, ilma Biikrii Sheebaa ari'iisa jalqabane.11Namoota Yo'aabii keessaa tokko reeffa Amaasa'aa bira dhaabbatee, «Nami Yo'aab jaalatu, ka Daawitiille ka te'e marti Yo'aab hordofuu ti!» jedhe.12Reeffi Amaasa'aa dhiigaan badee wodhakkaa kara'aa irkateera; nami karaa san dabaru marti dhaabbatee reeffa Amaasa'aa akka ilaalaaru nami sun yennaa dhagge, reeffa Amaasa'aa karaa irraa gara ficha'aa harkisee woyaa irra buuse.13Reeffi Amaasa'aa karaa irraa ka'een duuba, namooti marti Yo'aab woliin ilma Biikrii Sheebaa ari'iisaaf deemane.14Sheebaan biyya gosa Israa'elii mara keessa dabaree, gara qachaa Abeel Bet-Ma'aka'aa ka biyya gosa Biikrii keessa jiruu dhufe; namooti Biikrii marti wolitti qabamanee isa hordofane.15Loltooti Yo'aab woliin jiranu marti dhufanee, qachaa Abeel Bet-Ma'akaa ka Sheebaan keessa jiru marsanee, gara alaatiin haga qaccee qacha'aatitti, kaabii itti ijaarane; kaabii san diigiisaaf hunnaan yennaa dhowanu,16dubartiin qarittiin takka qoonqoo ifii ol qabattee, «Dhage'a'a! Dhage'a'a! Yo'aabitti waan himu qabaa asi akka dhufu isatti naaf hima'a» jette17Yo'aab gara isi'ii yennaa dhufe, isiin, «Yo'aab si'ii?» jettee gaafatte. Innille deebisee, «Ee, ana» jedhe. Isiille, «Waan ani tajaajiltuun teeti si'iin jedhu dhage'i» jette. Innille, «Ee, hin dhage'a!» jedheen.18Isiin ammalle, «Bara durii namooti, ‹Qachaa Abeelii dhaqa'aatii gorsa gaafadha'a› jedhaniiyyu; akka kanaan haajaan isaan qabanu isaaniif muummowa.19Biyya Israa'elii keessatti worra nageyaa fi addatamummaa qabanu keessaa takkattiin ana; ati qachaa Israa'el keessatti haadha te'e balleessiisaaf wodhaaniisatti jirta; dhaala Mootiin Waan Maraa nu'uuf kenne balleessiisaaf maaf barbaadda?» jette.20Yo'aab deebisee, «Balleessiisi yookiin diigiisi na irraa fagaatu! Ammalle na irraa fagaatuu ti!21Dubbiin akkasii moti; ilmi Biikrii Sheebaan nami biyya koobittii Efreemii mooticha Daawiti irratti ka'eera; isin isuma callaa dabarsa'aa natti kenna'a, ani qachaa kana lakkisee hin deema» jedhe. Dubartittiille Yo'aabiin, «Mataan isaa dalleya dhaka'aa irraa gad si'iif hin darbama» jette.22Achiin duuba dubartittiin gara kolbaa mara dhaxxee gorsa ifii ta qarumma'aa kana dubbatte; isaanille mataa Sheebaa ilma Biikrii muranee Yo'aabiif darbane; maarre Yo'aab tultullaa afuufee namooti isaa marti qachaa keessaa bayanee gara mana ifii deebi'ane; Yo'aabille gara mootichaa gara Yerusaalemii deebi'e.23Yo'aab loltoota Israa'elii mara irratti ajajaa te'e; ilmi Yehoyaada'a Benaayaan Keretootaa fi Pheletoota irratti ajajaa te'e.24Adoniiraam worra hujii hunnaa huju irratti itti gaafatamaa te'e; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax ammoo barreessaa dabarsi'ii te'e.25Shewaan barreessaa, Zaadoqii fi Abiyaataar hayyoota;26Iira nami biyya Yaa'iirii hayyicha Daawitii ti.