Yo'aab Daawitiif Gorsa Kenne
1«Mootichi Daawiti ilma ifii Abiishaalomiif bowaa gaddiisatti jira» jedhanee Yo'aabitti himane.2Guyyaa san, «Mootichi ilma ifiitiif gaddeera» oduu jettu loltooti waan dhageetteef, injifachaan guyyaa sanii loltoota duudii biratti gara gaddaa jijjiirame.3Akka loltooti lola keessaa baqatte, fokkifattee dhokattee galtuu, guyyaa san kolbaan dhokattee gara qacha'aa deebitee galte.4Mootichi fuula ifii hagooggatee, «Aannee ilma kiyya Abisaalom! Aannee Abiishaalom! Ilma kiyya! Ilma kiyya!» jedhee iyyee bowe.5Achiin duuba Yo'aab gara mana mootichaa dhufee, «Ati adha namoota lubbuu teeti, lubbuu ilmaan teetiitii fi durra teetii, lubbuu niitota teetiitii fi gursumeeyyii teetii hamburane mara qaanessiteerta.6Ati worra si jibbu jaalattee, worra si jaalatu jibbita; ajajjooti loltoota teetiitii fi loltooti isaanii si'iif akka woy hin baane ati adha beessitteerta; adha Abiishaalom lubbuu hafee, nuuti marti adoo duunee jiraanne akka ati gammaddu ani adha dhagge.7Amma ka'iitii namoota jajjabeessi; yoo didde, dhugaa Mootii Waan Maraa ka ka jiraataa te'ee, nami tokkolle galgala kana si biratti hin hafu; tunille farra haga ijoollummaa teetiitii jalqabee si irratti te'e mara caalaa rakkinna si irratti hin fida» jedhe.8Maarre mootichi ka'ee karra dura tee'e; namoota maratti, «Mootichi karra dura te'eera» jedhanee yennaa himane, marti isaanii gara isaa dhufane. Daawiti Gara Yerusaalemii Deebi'e Yennaa san Israa'elooti marti gara mana mana ifii baqataneeraniiyyu.9Gosa Israa'elii mara keessatti kolbaan, «Mootichi harka diinota keennaa jalaa nu baaseera; harka Filisxeemotaa jalalle'ee ka nu baase isa; amma ammoo marroo Abiishaalomiitiif biyyaa baqateera.10Abiishaalom ka nuuti akka nu bulchuuf filanne, lola keessatti du'eera; maarre mooticha deebinnee fidiisaaf maaf cadhi jettan ree?» jedhaa wol moromane.11Mootichi Daawiti gara hayyoota Zaadoqii fi Abiyaataarii nama ergee, «Jaarsolee Yihuda'aatiin, ‹Waan Israa'el jettu mara ani adduma jirutti dhage'eera; maarre isin mooticha gara mana mootummaa isaa deebittanee fidiisaaf, dura aaniisaaf adoo maltanuu isin maaf duubatti hattane?12Isin obboleeyyan foonii fi dhiiga kiyyaa ti; mooticha gara mana mootummaa isaa deebittanee fidiisaaf, dura aaniisaaf adoo maltanuu maaf duubatti hattanee ree?› jedha'a.13Amaasaalle'een, ‹Atille foonii fi dhiiga kiyyaa motii ree? Ammaa jalqabee, addee Yo'aabiititti ajajaa loltoota tiyyaa yoo si hin godhin Waaqi na ijjeesuu ti!› jedha'aan» jedhe.14Inni kolbaan Yihuda'aa marti gadhaa tokkochaan gara isaa akka deebitu godhe; isaanille, «Atii fi namooti keeti marti deebi'a'a» jedhanee itti ergane.15Achiin duuba mootichi deebi'ee haga laga Yordaanosii dhufe; kolbaan Yihuda'aalle mooticha fudhatanee laga Yordaanosii gamatti buusanee baasiisaaf haga Giilgalii dhufaneeraniiyyu.16Ilmi Geraa Shime'i nami biyya Beniyaaminii, qachaa Bahuriimii keessaa mooticha Daawiti fudhatiisaaf, namoota Yihuda'aa woliin ariifatee gad bu'e.17Isa woliin kolbaan Beniyaaminii kuma tokko, tajaajilaan mana Saa'olii Ziibaalle ilmaan ifii kudha shanii fi tajaajiltoota ifii diddama woliin isa woliin jiraayyu; isaan ariiti'iin gara laga Yordaanosii addee mootichi jiru geyane.18Isaan maatii mootichaa fidiisaaf, waan inni fedhu mara godhiisaafille karaa malka'aatiin gamatti bu'anee bayane. Ilmi Geraa Shime'i laga Yordaanosii gamatti bu'ee bayee, mooticha duratti fuulaan lafatti gad gombifamee,19mootichaan, «Goottaa kiyya yakkaa tiyya natti hin laakkowin; guyyaa ati mootichi goottaan kiyya Yerusaalem keessaa baate, ani tajaajilaan keeti waan si yakke hin qaabatin; gadhaa keetille'etti hin qabatin.20Ani tajaajilaan keeti cubbuu akka huje beekeera; adha ammoo goottaa kiyya mooticha fudhatiisaaf, sanyii Yoseefii mara keessaa ani dursee dhufeera» jedhe.21Achiin duuba ilmi Zeruyaan deette Abiishaayi, «Shime'i nama Mootiin Waan Maraa muude waan abaareef ijjeefamuu qaba» jedhe.22Daawiti ammoo, «Isin ilmaan Zeruyaan deette, dubbii tiyya keessa maanti isin galche? Guyyaa adhaa isin diina natti teetaneertan. Adha Israa'el keessaa nami du'uu qabaa ree? Amma ani mootii Israa'elii ti» jedhe.23Maarre mootichi Daawiti Shime'iin, «Hin duutu!» jedhee kakateef.24Achiin duuba akaakoon Saa'olii Mefii-Bosheet mooticha fudhatiisaaf dhaqe; guyyaa mootichi ari'ameen jalqabee haga inni nageyaan deebi'ee galeetitti, Mefii-Bodheet miila ifii hin dhiqanne, areeda ifii hin haadanne, woyaa ifiille hin dhiqanneeyyu.25Inni mooticha fudhatiisaaf gara Yerusaalemii yennaa dhufe, mootichi, «Mefii-Bosheet! Ati maaf na woliin deemiisa didde?» jedhee isa gaafate.26Mefii-Bosheet deebisee, «Goottaa kiyya mooticha, ani tajaajilaan keeti naafa waan te'eef, ‹Mooticha woliin akka deemu harree kooraa itti naa fe'i› jedheeraayyu; garuu tajaajilaan kiyya Ziibaan na sobe.27Goottaa kiyya mooticha duralle'etti ana tajaajilaa keeti maqaa balleesseera; ati goottaan kiyya mootichi akka ergamaa Waaqaa waan teeteef, waan feete mara godhi.28Ati silaa sanyii abbaa kiyyaa mara ijjeesuu malee, waan dansaa isaaniif godhu hin qadduuyyuu. Te'uu malee ana tajaajilaa keeti worra qorii teeti keessaa nyaatu woliin tee'ee akka nyaadhu na gooteerta; maarre tana caalaa mooticha gaafatiisaaf mirga maan qaba ree?» jedhe.29Mootichille isaan, «Tana caalaa hin dubbatin; atii fi Ziibaan fichaa mara akka qoodantanuuf ani ajajeera» jedhe.30Mefii-Bosheet mootichaan, «Atummaan mootichi goottaan kiyya baga nageyaan deebite; inni waan maraayyuu fudhatuu ti» jedhe.31Baarzilaayiin Giil'aadichi, ka biyya Rogeeliimiitii dhufe, mooticha geegessiisaaf isa woliin laga Yordaanosii bu'ee gamatti baye.32Baarzilaayi jaarsa woggaa saddeettamaa ti; inni dureessa waan te'eef, yennaa mootichi biyya Mahanaayimii jiru, sagalee isaaf geesseeraayyu.33Mootichille Baarzilaayiin, «Na woliin gamatti bu'ii bayiitii Yerusaalem keessa na woliin le'i; anille waan si'iif barbaachisu mara si'iif hin kenna» jedhe.34Barizilaayi ammoo deebisee, «Ani nama ganna hagam le'utti, mooticha woliin gara Yerusaalemii deema?35Ani amma nama woggaa saddeettamaa ti; waan hama'aa fi dansaa gargar baasee beekuu hin dande'aa ree? Haganaa achi tajaajilaan keeti mi'a'aa fi bushaa waan nyaatuutii fi waan unuu gargar baasee hin beekaa? Qoonqoo sirbaa ta ijoollee dhiiraatii fi durraa dhage'iisa hin dande'aa? Ani tajaajilaan keeti goottaa kiyya mootichatti maaf ba'aa te'a ree?36Ani tajaajilaan keeti mooticha woliin laga Yordaanosii gamatti bu'ee bayee haga diqqaa si hin geegessa; ati ammoo maaf badhaasa akkasii kana naaf kennita ree?37Ani qachuma kiyya keessatti du'ee, addee awwaala abbaa kiyyaatii fi haadha tiyyaa biratti akka awwaalamu, deebi'ee deemuu barbaada; ammoo tajaajilaan keeti Kiimhaam kunoo asi jira; inni si goottaa kiyya mooticha woliin gamatti bu'ee bayuutii, waan si gammachiise isaaf godhi» jedhe.38Mootichille, «Kiimhaam na woliin gamatti bu'ee bayuu ti; anille waan si gammachiise isaaf hin godha; waan ati na irraa barbaaddu mara si'ille'eef hin godha» jedhe.39Maarre kolbaan marti laga Yordaanosii gamatti buutee baate; mootichille gamatti bu'ee baye. Mootichi Daawiti Baarzilaayi sunqatee eebbise; Baarzilaayinille gara mana ifii deebi'e.40Mootichi Daawiti Giilgal gamatti bu'ee yennaa baye, Kiimhaamille isa woliin gamatti bu'ee baye; loltooti Yihuda'aa martii fi loltooti Israa'elii gariin mooticha bookarsanee gamatti buusanee baasane.41Yennuma san namooti Israa'elii marti gara mootichaa dhufanee, «Obboleeyyan teenna namooti Yihuda'aa si mooticha fuudhanee, maatii keetii fi namoota keeti mara woliin dhossa'aan maaf laga Yordaanosii gamatti buusanee baasane?» jedhane.42Namooti Yihuda'aa marti deebisanee namoota Israa'eliitiin, «Mootichi fira keenna waan te'eef nuuti tana goone; isin marroo tanaaf maaf aartan ree? Nuuti mooticha irraa woy nyaanneerraa ree? Yookiin nuuti ifii waan tokkolle fudhanneerraa ree?» jedhane.43Achiin duuba namooti Israa'elii deebisanee namoota Yihuda'aatiin, «Nuuti harka kudhan isin caalla; Daawiti irralle'etti isin caalaa mirga qanna; isin maaf nu tuffattan ree? Mootichi akka nu'uuf deebi'u ka dursinee gaafanne nu'u motii?» jedhane. Namooti Yihuda'aa ammoo namoota Israa'elii caalaa deebii jadduu kennane.