Hushaayi Abiishaalom dokonkorse
1Ahiitofel Abiishaalomiin, «Nama kuma kudhanii lama filadhee, galgaluma adhaa Daawiti ari'a.2Inni dadhabee addii kutatee adoo jiruu, isa lolee bararassa; achiin duuba namooti isa woliin jiranu isa biraa hin baqatan; ani mootichi callaan qofi hafeeruun isa ijjeesee,3kolbaa mara gara keeti hin deebisa; duuti nama tokkoo ka ati barbaadduu, nami marti akka deebi'u hin gooti; kolbaan marti nageyaan hin leeti» jedhe.4Gorsi isaa kun Abiishaalomii fi jaarsolee Israa'elii mara gammachiise.5Abiishaalom ammoo, «Waan Hushaayiin Arkaa'ichi jedhu dhageennaatii, me isa waama'a» jedhe.6Hushaayi gara Abiishaalomii yennaa dhufe, Abiishaalom isaan, «Ahiitofel gorsa kana dhikeesseera; waan inni jedhe kana hin goonaa ree? Waawwo'o yoo jette yaada keeti nutti himi» jedhe.7Hushaayi deebisee Abiishaalomiin, «Gorsi Ahiitofel kenne yennaa kana dansa'aa moti.8Abbaan keetii fi namooti isaa worra lolaan beekkamane; worra akka doobbaa ilmee jalaa fuudhanee nama sodaachisuu akka te'ane hin beetta; abbaan keeti nama lola akka dansaa barateeru; inni loltoota woliin hin bulu.9Inni ammaayyuu goda keessa yookiin addee dhibii dhokateera fa te'a; inni qara lolee, nama keeti keessaa nami yoo du'e, nami tana dhage'e marti, ‹Loltooti Abiishaalomii marti dhumataneeran› jedhanee hin odeessan.10Abbaan keeti nama lolaan jannaa, namooti isa woliin jiranulle worra janna akka te'ane, Israa'elooti marti waan beekanuuf, nami janni lolaan beekkame ka gadhaan isaa akka gadhaa neenqaatuu isa sodaatee hin sheephisa.11Maarre, gorsi ani sitti gorsu ka asii gad jiru kana: Israa'elooti marti ka Daan irraa jalqaddee haga Bersheeba'aa jirtu ka laakkossi isaanii akka maansa abbaaya'aa si biratti wolitti qabamaneeranuun, atuu isaan sooressii isaan woliin duuli.12Achiin duuba nuuti addee inni dhaggamuu maratti isa hin lolla; akkuma fixeensi lafatti bu'u isa irratti hin buuna; innii fi namooti isaalle tokkolle lubbu'uun hin hafanu.13Inni gara qachaa tokkoo yoo baqatelle, Israa'elooti marti wodaroo finnee, dhakaan tokkolle adoo hin hafin qachaa san gad harkinnee dhooqa keessa hin buunna» jedhe.14Abiishaalomii fi Israa'elooti marti, «Gorsa Ahiitofelii caalaa gorsa Hushaayii Arkaa'ichaa woyya!» jedhane. Mootiin Waan Maraa Abiishaalom irratti badii buusiisaaf jedhee gorsi dansaan Ahiitofelii akka hin fudhatanne godhe.15Hushaayi gorsa Ahiitofel Abiishaalomii fi jaarsolee Israa'elii gorsee fi gorsa innille ifiif isaan gorse hayyoota Zaadoqii fi Abiyaataritti hime.16Itti dabalee, «Amma ariiti'iin Daawititti nama erga'aatii, ‹Ariiti'iin laga Yordaanosii bu'ii gamatti bayi malee, malkaa gara goomole'ee geessu hin bulin; yoo akkas hin godhin ati mootichii fi namooti si woliin jiranu marti hin liqinfantan› jedha'aa Daawititti hima'a!» jedhe.17Yonaataanii fi Ahimaaz gara qacha'aa yennaa seenanu nami akka isaan dhaggu waan hin barbaanneef, madda, «En-Rogeel» jedhamu bira turan; intalti tajaajiltuun takka achi dhaqaa waan mara isaanitti yennaa hintu, isaanille dhaqanee tanuma mooticha Daawititti himaniiyyu.18Dargaggeessi tokko ammoo isaan dhaggee, Abiishaalomitti hime; maarre isaan lamaanuu ariiti'iin ka'anee gara qachaa Bahuriimii dhaqanee, mana nama tokkootitti gorane; namichi sun badhinna dalleya ifii keessatti boolla bisaanii waan qabuuf, isaan achi keessa gad bu'ane.19Haati manaa ta namicha sanii afaan boolla sanii gollitee midhaan irratti atte; nami tokkolle marroo waan kanaa hin beenne.20Tajaajiltooti Abiishaalomii gara mana sanii dubartittii bira dhufanee, «Ahimaazii fi Yonaataan eessa jiran?» jedhanee gaafatane. Dubartittiin sunille deebittee isaaniin, «Isaan laga kanaan gama bu'anee bayaneeran» jette; tajaajiltooti sunille isaan barbaadanee waan dhabaneef gara Yerusaalemii deebi'ane.21Namooti sun deemaneen duuba, Ahimaazii fi Yonaataan boolla bisaanii san keessaa bayanee, gara mooticha Daawitii dhaqanee, «Ahiitofel si loliisaaf mala waan dhoweef, ka'iitii ariiti'iin laga kanaan gamatti bu'ii bayi» jedhane.22Maarre Daawitii fi namooti isa woliin jiranu marti ka'anee, laga Yordaanosii gamatti bu'anee bayane; haga latti bariitu nami Yordaanosiin gamatti bu'ee hin bayin hafe tokkolle hin jiru.23Ahiitofel gorsi isaa akka hin fudhatanne yennaa dhagge, harree ifii fe'atee gara qacha'aa ka manni isaa keessa jiruu san deeme; mana ifii sirreesseen duuba, suruurraa ifitti keyatee du'e; maarre inni du'ee addee awwaala abbaa ifii keessatti awwaalame.24Abiishaalomii fi Israa'elooti marti laga Yordaanosii gamatti bu'anee yennaa bayane, Daawiti qachaa Mahanaayaa geyeeraayyu.25Abiishaalom addee Yo'aabiititti, Amaasaa ajajaa loltootaa godhee file; Amaasaan ilma Yeterii Israa'elichaa ti; Yeter intala Naa'ashii Abigaayi fuudheeraayyu; isiin obboleettii Zeruyaa haadha Yo'aabii ti.26Israa'elootii fi Abiishaalom biyya Giil'aadii keessa qubatane.27Daawiti qachaa Mahanaayimii yennaa geye, ilmi Naa'ashii Shob ka qachaa Amoonotaa Raabaa keessaa dhufe, ilmi Amii'elii Maakiir ka qachaa Lodebaariitii dhufee fi Baarzilaayin Giil'aadichi ka qachaa Rogeeliimiitii dhufe isa fudhatane.28Isaan waan irra rafanu, qorii, meya faara irra hujame, qamadii, garbuu, bullaa, akumm'ee, baaqelaa fi misira,29damma, itittuu, hoole'ee fi baaduu Daawitii fi namoota isaatii fidane; isaan, «Kolbaan goomolee keessatti beelotteerti; dadhaddeerti; dheebotteerti» jedhanee waan kana fidane.