2 Saamu'elii14gax_twf

Abiishaalom Gara Yerusaalemii Deebi'e

1Ilmi Zeruyaan deette Yo'aab akka mootichi Daawiti Abiishaalom dharra'eeru beeke.2Maarre Yo'aab gara qachaa Teqo'aa nama ergee, dubartittii qaroo takka akka fidanu godhee, isi'iin, «Akka nama gadda irra jiruu woyaa gaddaa uffadhu; waan tokkolle hin iffatin; akka dubartii yennaa bacaa nama du'eef gadditeertu fakkaadhu.3Achiin duuba gara mootichaa dhaqiitii, dubbii ani sitti himu tana isatti dubbadhu» jedhee waan isiin dubbattu isi'itti hime.4Dubartiin qachaa Teqo'aa sunille gara mootichaa dhaxxee, ulfinna isaatiif lafatti gad gombifantee, «Ee mooticha, maganne'e na gargaar» jette.5Mootichille, «Maan rakkatte?» jedhee isii gaafate. Isiille, «Ani dhugumaan haadha hiyyeessaa ka abbaan manaa irraa du'e.6Ani tajaajiltuun teeti ilmaan dhiiraa lama qabaayyu; isaan lamaanuu diida keessatti wol lolanee nami isaan wol irraa dhooggu waan hin jirreef, tokkochi kaan dhowee ijjeese.7Kunoo amma firri duudiin ana tajaajiltuu teeti irratti ka'ee, ‹Ilma keeti ka obboleessa ifii ijjeese san ijjeennee haluu akka baanuuf nutti dabarsii kenni; achiin duuba atille dhaala malee hatta› naan jedhan; isaan ilma kiyya ka anaaf hafe tokkocha ka akka qaanqee ibiddaa san na jalaa balleessanee, maqaa yookiin sanyii abbaa manaa kiyyaa lafa irraa hin balleessan» jette.8Mootichille isi'iin, «Ani marroo haajaa keetii ajaja hin baasa, ati gara mana keetii deemi!» jedhe.9Dubartiin qachaa Teqo'aa sun ammoo mootichaan, «Ee, goottaa kiyya mooticha, marroo dubbii tanaatiif, anii fi maatiin tiyya itti gaafatannuu ti; atii fi mootummaan teeti itti hin gaafatantanu» jette.10Mootichille isi'iin, «Eennulle waan tokko yoo sitti dubbate, gara kiyya isa fidi; inni deebi'ee si hin rakkisu» jedhe.11Isiille, «Worri haluu bawu ilma kiyya ka hafe ijjeesanee badii badii caalte akka hin hunye, mooticha maganne'e, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiitiin naaf kakadhu» jette. Mootichi deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, mataa mucaa keetii irraa rifeensi tokkolle lafa hin bu'u» jedheen.12Achiin duuba dubartittiin, «Ani tajaajiltuun teeti dubbii tokko si mooticha goottaa kiyyatti dubbadha» jette. Innille deebisee, «Dubbadhu!» jedhe.13Dubartittiille, «Ati ilmi keeti addee baqatee akka deebi'u waan hin godhiniif, ifi irratti muraa kennitee motii ree? Waan akkasii kolbaa Waaqaa irratti maaf yaadatte?14Akkuma bisaan dhangala'ee deebi'ee hin woraabbanne, nuuti martinuu hin duuna; Mootiin Waan Maraa nami baqatee biyyaa baye, akka isa irraa hin fagaanne karaa inni deebi'u qopheessa malee lubbuu isaa hin balleessu.15Ani amma kolbaan waan na sodaachitteef tana goottaa kiyya mootichatti himiisaaf dhufeera; ani tajaajiltuun teeti, ‹Waan ani mootichatti dubbadhu inni naaf hin muummessa fa te'a;16harka worra anaa fi mucaa kiyya dhaala Waaqi nu'uuf kenne irraa nu kaasuu barbaaduu jalaa hin baasa fa te'a› jedhee waan yaadadheef, haajaa kiyya sitti himadheera.17Ani tajaajiltuun teeti ammalle, ‹Goottaan kiyya mootichi hama'aa fi dansaa gargar baasiisaan, akka ergamaa Waaqaa waan te'eef, dubbiin goottaa kiyyaa na jajjabeessituu ti› jedhee hin addadha. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jiraatuu ti» jette.18Achiin duuba mootichi dubartitti'iin, «Waan ani si gaafadhu, atille deebii na hin dhossin» jedhe. Isiille deebittee, «Goottaa kiyya mooticha, waan feete na gaafadhu!» jette.19Mootichille, «Tana mara akka ati dubbattu Yo'aabitti sitti himee?» jedhee isii gaafate. Dubartittiille deebittee, «Dhugaa lubbuu teeti goottaa kiyya mootichaatiin kakadha, waan ati dubbatte irraa nami gara bita'aa yookiin gara middaa deebi'u hin jiru; eeti'i, tana akka ani godhu, dubbii tana maralle ana tajaajiltuu teetitti nami hime, tajaajilaa keeti Yo'aab.20Tajaajilaan keeti Yo'aab haajaa jiru mara jijjiiriisaaf tana godhe; goottaa kiyyaa, ati ammoo qarummaa akka ergamaa Waaqaa waan qadduuf, waan lafa irratti te'u mara hin beetta» jette.21Mootichille Yo'aabiin, «Guddoo dansa'a! Ani waan ati jette hin godha; dhaqiitii Abiishaalomii dargaggeessicha san fidi» jedhe.22Yo'aab ulfinna mootichaatiif lafatti gad gombifamee, mooticha eebbise; Yo'aab ammalle, «Goottaa kiyya, ati kadhaa tajaajilaa keetii waan dhageetteef, ani tajaajilaan keeti si duratti fudhatama akka dhaggadhe adha beeke» jedhe.23Achiin duuba Yo'aab gara biyya Geshuurii dhaqee, Abiishaalom deebisee gara Yerusaalemii fide.24Mootichi ammoo, «Inni gara mana ifii dhaquutii malee ani ila tiyyaan isa hin dhaggin» jedhe; maarre Abiishaalom gara mana ifii deeme malee ila mootichaa hin dhaggine.

Abiishaalom Abbaa Ifii Daawiti Araarfate

25Israa'eloota mara keessatti nami akka Abiishaalomii miidhagu hin jiruuyyu; rifeensa mata'aatii haga faana miilaa komii hin qabu.26Rifeensi mataa isaa yennaa isatti ulfaate wogga'atti yennaa tokko quxataayyu; rifeensi mataa isaa ka quxame yennaa madaalamu gara kiiloogiraama lamaa ol te'a.27Abiishaalom ilmaan sadii fi intala durra takka ta, «Taamaar» jedhantu uumate; isiin intala guddoo miidhaddu.28Abiishaalom ila mootichaa adoo hin dhaggin, woggaa lama Yerusaalem keessa le'e.29Achiin duuba Abiishaalom gara mootichaa isa ergatiisaaf, nama itti ergee Yo'aab waansise; Yo'aab ammoo gara isaa dhufiisa didate; maarre Abiishaalom ammalle nama itti erge; Yo'aab ammalle dhufiisa didate.30Achiin duuba Abiishaalom tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, fichaan Yo'aabii fichaa kiyyatti aanee jira; inni fichaa ifii keessaa garbuu waan qabuuf dhaqa'aatii ibidda itti naqa'a» jedhe; maarre tajaajiltooti Abiishaalomii fichaa Yo'aabiititti ibidda naqane.31Achiin duuba Yo'aab gara mana Abiishaalomii dhaqee, «Tajaajiltooti teeti fichaa kiyyatti maaf ibidda naqane?» jedhee gaafate.32Abiishaalom Yo'aabiin, «Kunoo, ani akka ati mooticha bira naaf dhaxxee, ‹Ani Geshuurii maaf dhufe? Haga ammaa adoo achuma jiraadhee naaf woyya jedheera› jettee akka isatti hintuuf nama sitti ergadhe; ani amma ila mootichaa dhagguu barbaada; yakkaa yoo qabaadhe inni na ijjeesuu ti!» jedhe.33Maarre Yo'aab gara mootichaa dhaqee tanuma isatti hime; achiin duuba mootichi Abiishaalom waansise; innille dhufee mooticha duratti lafatti gad gombifame; mootichille Abiishaalom sunqate.