2SA13gax_twf

Amnoonii Fi Taamaar

1Ilmi Daawiti Abiishaalom obboleettii dansittii, «Taamaar» jedhantu qabaayyu; ilmi Daawitii Amnoon isii jaalate.2Isiin durra banti'ii waan teeteef, Amnoon akka te'ee isii bira gewu waan hin qabaatiniif, jaalala obboleettii ifii Taamaariitiin qabamee guddoo dhibame.3Inni jaala, «Yonaadaab» jedhamu tokko qabaayyu; inni ilma Shime'aa obboleessa Daawitii ti; Yonaadaab nama guddoo maltee te'e.4Inni, «Ee, ilma mootichaa, ati guyyuma guyya'aan maaf huqqata? Natti hin hintuu?» jedhee Amnoon gaafate. Amnoon deebisee, «Ani jaalala Taamaarii obboleettii obboleessa kiyya Abiishaalomiitiin, qabamee ti» jedhe.5Yonaadaab isaan, «Ati akka dhibantee, taqee irra irkadhu; abbaan keeti si gaafatiisaaf yennaa dhufe, ‹Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee waan ani nyaadhu naaf kennituu ti; asi na biratti sagalee hujjee qopheessitee harka ifiitiin na nyaachittuu ti› jedhiin» jedhe.6Maarre Amnoon akka dhibamee, taqee ifii irra irkate; mootichi isa gaafatiisaaf yennaa dhufe, inni mootichaan, «Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee, na duratti daabboo bilcheessitee harka ifiitii akka na nyaachittu barbaada» jedhe.7Achiin duuba Daawiti gara mana mootumma'aa Taamaaritti nama ergee, «Gara mana obboleessa keeti Amnoonii dhaqiitii sagalee isaaf qopheessi» jedhe.8Maarre Taamaar gara mana obboleessi isi'ii Amnoon irkateeruu dhaxxe; bullaa diqqoo fuutee bukeesitee isa duratti daabboo bilcheessite.9Achiin duuba daabboo bilcheessite san eelee irraa fuutee isaaf dhikeessite; inni ammoo nyaatiisa didatee, «Nama mara asii gad baasa'a» jedhe; nami martinuu isa biraa gad bayane.10Achiin duuba Amnoon Taamaariin, «Ani harka keeti irraa akka nyaadhuuf sagalee gara kolloo taqee tiyyaa fidi» jedhe; Taamaar daabboo bilcheessite san fuutee gara kolloo taqee obboleessa ifii Amnoonii geessitte.11Yennaa isiin sagalee isaaf dhikeessite ammoo isii qabee, «Obboleettii tiyya koy na woliin irkadhu!» jedhe.12Isiin isaan, «Lakkii obboleessa kiyya, na hin salphisin! Wonni akkasii Israa'el keessatti godhamee hin beeku; waan hantuu tana hin godhin!13Yoo na salphitte, ani maan te'a? Eessa gora? Atille maan teeta? Ati biyya Israa'elii keessatti salphicha hin teeta. Maganne'e mootichatti himadhu; inni akka ani si heerumu hin dhooggu!» jette.14Inni ammoo waan isiin jettu dhage'iisa didee, isii caalaa hunnaamessa waan te'eef, hunnaan isii gurra balleesse.15Achiin duuba Amnoon akka malee isii jibbe; inni haga qara isii jaalate caalaa isii jibbee, «Ka'ii asii gad bayi!» jedhe.16Isiin ammoo, «Lakkii, na manaa baasuun keeti yakkaa na irratti hujje caalaa cubbuu hujja» jette. Inni ammoo waan isiin jettu dhage'iisa didee,17tajaajilaa ifii tokko waamee, «Dubartii tana asii gad baasiitii balbala itti cufi!» jedhe.18Maarre tajaajilaan isaa sun gad isii baasee balbala itti cufe; isiin yennaa san woyaa durri mootichaa ta banti'ii dur uffattu uffatteertiiyyu.19Taamaar daadhaa mataa ifii irratti firfiffattee, woyaa uffatte san tarsaatte; mataa ifii qabattee bowaa deente.20Obboleessi isi'ii Abiishaalom isi'iin, «Obboleessi keeti sun Amnoon si woliin jiraayyuu? Obboleettii tiyya cadhisi, inni obboleessa keeti waan te'eef, dubbii tana gadhaa keeti keessatti hin qabatin» jedhe; Taamaar salphattee nama irraa adda baatee mana Abiishaalomii obboleessa ifii keessa leete.21Mootichi Daawiti oduu tana mara yennaa dhage'e, guddoo aare.22Abiishaalom sababa Amnoon obboleettii isaa Taamaar salphiseef isa jibbee, waan hantu'uu fi dansaa tokkolle isatti hin dubbanne.

Abiishaalom Amnoon Ijjeese

23Woggaa lamaan duuba Abiishaalom qachaa Ba'aal-Hazoorii ka meessaa biyya Efreemii bira jirutti hoolee ifii irraa rifeensa yennaa quxu, ilmaan mootichaa mara achi waame.24Abiishaalomille gara mootichaa dhaqee, «Ani tajaajilaan keeti hoolota tiyya irraa rifeensa waan quxuuf, atii fi qondaaltoti maganne'e kowa'a!» jedhe.25Mootichi Daawiti ammoo Abiishaalomiin, «Lakkii ilma kiyya, nuuti marti hin dhunnu; nuuti marti yoo dhunne, ba'aa si irratti hin teena» jedhe; Abiishaalom isa jabeessee kadhatulle inni dhaqiisa hin barbaanne; garuu isa eebbisee geegesse.26Achiin duuba Abiishaalom, «Ati yoo hin dhaqin, obboleessi kiyya Amnoon nu woliin dhaquu ti!» jedhe. Mootichi Daawiti, «Inni maaf isin woliin dhaqa?» jedhee gaafate.27Abiishaalom ammoo jabeessee isa waan kadhateef, mootichi Daawiti ilma ifii Amnoonii fi ilmaan ifii ta dhibii mara Abiishaalom woliin akka deemanu erge.28Achiin duuba Abiishaalom tajaajiltoota ifiitiin, «Amnoon daadhii woyni'ii unee yennaa machowe, ani isiniin, ‹Isa dhowa'aatii ijjeesa'a!› hin jedha; anattuu isin ajaje hin sodaatina'a! Jabaadha'a» jedhee ajaje.29Maarre tajaajiltooti Abiishaalomii akkuma inni isaan ajaje Amnoon ijjeesane; achiin duuba ilmaan mootichaa marti gaangolee ifii irra teettee baqatte.30Isaan karaa irra adoo jiranuu, Daawiti, «Abiishaalom ilmaan mootichaa mara fixe; nami tokkolle hin hanne» oduu jettu dhage'e.31Mootichi Daawiti ka'ee dhaabbate; gaddee woyaa ifii tarsaasee jige; tajaajiltooti isaalle martinuu gaddanee woyaa ifii tarsaasanee isa bira dhaabbatane.32Obboleessi Daawitii ilmi Shime'aa Yonaadaab ammoo Daawitiin, «Goottaa kiyya, ‹Ilmaan tiyya mara ijjeesaneeran› jettee hin yaadin; haga Amnoon obboleettii Abiishaalomii Taamaar gurra balleesseen jalqabee Abiishaalom kutatee waan ka'eef, nami du'e Amnoon calla'a.33Nami du'e Amnoon callaa waan te'eef, goottaan kiyya oduu, ‹Ilmaan mootichaa mara ijjeesaneeran› jedhanee odeessane hin addatin» jedhe.34Yennuma san Abiishaalomille baqate. Nami qachaa eegu tokko ol yoo ilaalu namooti bacaan karaa gara aduun seentuun cinaa gaaraatii gad bu'anuun dhaggee, «Karaa Horonaayimiitiin namooti bacaan cinaa gaaraatii gad bu'iisatti jiran» jedhee mootichatti hime.35Yonaadaab mooticha Daawitiin, «Akkuma ani tajaajilaan keeti jedhe kunoo, ilmaan keeti dhufaneeran» jedhe.36Adoo inni dubbatee, hin fixin ilmaan mootichaa wiiccifataa bowaa dhufane; mootichii fi tajaajiltooti isaa marti guddoo wiiccifatanee bowane.37Abiishaalom baqatee gara Talmaayii ilma Amiihudii mootii biyya Geshuurii deeme; Daawiti ammoo ilma ifii ka du'e saniif yennaa mara bowa.38Abiishaalom baqatee gara biyya Geshuurii dhaqeen duuba, woggaa sad achi tee'e.39Mootichi Daawiti gadda ilma ifii ka Amnoonii irraa jajjabaateen duuba, Abiishaalom dharra'e.