Waaqi Naataan Gara Daawitii Erge
1Mootiin Waan Maraa raagicha Naataan gara Daawitii erge; Naataan gara Daawitii dhufee, «Namooti lama qachaa tokko keessa le'anu jiraniiyyu; isaan keessaa tokkochi dureessa, kuun ammoo hiyyeessa.2Namichi dureessichi hoole'ee fi hoorii bacaa qaba;3hiyyeessichi ammoo ilmee hoole'ee ta bitate takka malee, waan tokkolle hin qabu; inni isii san kunuunsee ijoollee isaa woliin guddatte; isiin isa woliin nyaataa unaa bobaa isaa jala bultiiyyu; isiin isaaf akkuma intala isaa ti.4Guyyaa tokko keessummaan tokko gara mana namicha dureessichaa dhufe; namichi dureessichi sun keessummaa gara isaa dhufe saniif hoolee yookiin hoorii ifii keessaa tokko qalee nyaachisiisa hin barbaanne; garuu ilmee hoole'ee ta namicha hiyyeessa sanii nama keessummaa mana isaa dhufe saniif qalee sagalee qopheesse» jedhe.5Daawiti namicha sanitti guddoo aaree, Naataaniin, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Namichi akkana godhe sun du'uu qaba!6Inni marartii malee tana waan godheef, addee ilmee hoolee sanii hoolee afur kaffaluu qaba» jedhe.7Achiin duuba Naataan Daawitiin, «Nami sun si'uma! Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani akka ati Israa'el irratti mootii teetuuf si muude, harka Saa'olii jalalle'ee si baase;8mootummaa goottaa keetii si'iif kenneera; niitota goottaa keetille si'iif kenneera; mootii Israa'eliitii fi Yihuda'aa akka teetuufille si godheera; tun adoo si hanqattee jiraatte tana caalaa si'iif hin kennaayyu.9Ati Uriiyaa nama biyya Heetii, shallaagaa Amoonotaatiin ijjeesisiittee, niitii isaa ifii fuutee, waan hantuu akkanaa Mootii Waan Maraa duratti hujiisaan jecha Mootii Waan Maraa maaf tuffatte ree?10Ati na tuffattee niitii Uriiyaa nama biyya Heetii fuutee niitii keeti godhatteerta; tanaaf haga bara baraa shallaagaan sanyii teeti irraa hin fagaatu› jedha.11Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo ani manuma keeti keessaa badii sitti hin fida; ati adoo dhaggituu niitota teeti si jalaa fuudhee nama fira keeti ka aante'eetiif hin kenna; inni guyyumaan niitota teeti woliin hin rafa.12Ati waan akkanaa dhossa'aan goote; ani ammoo waanuma kana guyyumaan Israa'eloota duratti hin godha› jedha» jedhe.13Achiin duuba Daawiti Naataaniin, «Ani Mootii Waan Maraa yakkeera» jedhe. Naataan deebisee, «Mootiin Waan Maraa yakkaa keeti si'iif dhiiseera; ati hin duutu.14Te'uu malee ati tana godhiisaan diinoti Mootii Waan Maraa akka isa tuffatanu waan gooteef, ilmi si'ii dhalate hin du'a» jedhe.15Naataan gara mana ifii deemeen duuba Mootiin Waan Maraa ilma niitiin Uriiyaa Daawitiif deette akka malee akka dhibamu godhe.16Daawiti marroo muca'aatiif laamee Mootii Waan Maraa daadimate; gara kolloo taqee ifii seenee galgala mara lafa rafe.17Jaarsoleen mana isaa keessa jirtu lafaa isa ol kaasiisaaf cinaa isaa dhaabbatte; inni ammoo didate; isaan wolille'een sagalee hin nyaanne.18Guyyaa torbeesso'oo mucaan du'e; tajaajiltooti Daawitii, «Mucaan adoo jiruu waan nuuti isatti hinne Daawiti hin dhageenne; amma mucaan akka du'e attam Daawititti himuu dandeenna ree? Inni ifi miidhuu dande'a» jedhanee mucaan akka du'e Daawititti himuu sodaatane.19Daawiti tajaajiltooti isaa wolitti hasaasaa dubbattuun dhage'e; mucaan akka du'e beekee, «Mucaan du'ee?» jedhee gaafate; Isaanille, «Eeti'i, du'eera» jedhanee deebisane.20Achiin duuba Daawiti lafaa ol ka'ee, dhiqatee, iffatee woyaa jijjiirateen duuba, gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee Mootii Waan Maraatiif sagade. Achiin duuba gara mana ifii dhaqee, sagalee akka isaaf dhikeessanu gaafate; isaan sagalee isaaf dhikeessane; innille nyaate.21Tajaajiltooti isaa, «Mucaan adoo jiruu laantee isaaf bootte; mucaan du'een duuba kaatee sagalee nyaatte; ati maaf akkana goote?» jettee isa gaafatte.22Innille deebisee, «Mucaan adoo jiruu, ‹Eentu beeka? Mootiin Waan Maraa gadhaa naaf laafee mucaa hin hambura fa'a› jedhee laamee daadimadhee bowe.23Amma ammoo mucaan eega du'e maaf laama ree? Ani isa deebisee lubbu'uun akka jiraatu godhuu hin dande'aa? Anattuu gara isaa dhaqa malee inni gara kiyya hin deebi'u» jedhe.Solomoon Dhalate
24Achiin duuba Daawiti haadha manaa ifii Baat-Sheebaa jajjabeesse; gara isi'ii dhaqee isii woliin rafe; isiille ilma deettee, inni maqaa isaa Solomoon baase; Mootiin Waan Maraalle isa jaalate.25Mootiin Waan Maraa isa waan jaalateef maqaan muca'aa, «Yidiidiyaa» akka jedhamu karaa raagicha Naataaniitiin jecha erge.Daawiti Qachaa Raabaa Qabate
26Yennaa san Yo'aab qachaa Amoonotaa Raabaa lolee, kushee mana mootumma'aa qabate.27Achiin duuba Yo'aab gara Daawitii nama ergee, «Ani qachaa Raabaa lolee, addee worri qacha'aa bisaan woraabbatu qabadheera.28Ani qachaa qabadhee maqaa kiyyaan akka hin moggaafanne, ati amma loltoota hafane wolitti qabadhuutii qachaa marsii qabadhu» jedhee itti hime.29Maarre Daawiti loltoota ifii mara wolitti qabatee, gara qachaa Raabaa duulee lolee qabate.30Kallacha mooticha isaanii, ka kiiloogiraama soddomii afur te'e, ka dhakaa gatii guddo'ootiin hujamee seefame, mataa isaa irraa fudhatee mataa ifii irra keyate; qachaa keessalle'ee waan bacaa booji'e.31Inni kolbaa achi keessa jirtu gad baasee magaazi'iin, qotto'oo fi agara'aan hujii hunnaa akka hujanu godhe; biyyee faaraa loobanee xuubii akka hujanu godhe. Inni qachaa Amoonotaa mara keessatti tana huje. Achii duuba Daawitii fi loltooti isaa marti gara Yerusaalemii deebi'ane.