2 Moototaa8gax_twf

Latti Dubartittii Shuneemitti'ii Deebiteef

1Elsaa'i dubartittii qachaa Shuneemii keessa leetu, ta ilma isi'ii du'aa kaaseen, «Mootiin Waan Maraa beelti woggaa torbaa lafa irratti akka buutu waan murteesseef, maatii teeti woliin yenna'aaf addee le'uu dandeettu deemi» jedhe.2Maarre isiin kaatee akkuma nami Waaqaa Elsaa'i isi'iin jedhe goote; maatii ifii woliin gara biyya Filisxeemotaa dhaxxee woggaa torba achi leete.3Dhuma woggaa torbaa irratti, isiin lafa Filisxeemotaatii deebitee, marroo manaa fi fichaa ifii iyyatiisaaf gara mootichaa dhaxxe.4Yennaa san Mootichi, «Bilbaasota Elsaa'i huje duudii natti himi» jedhaa tajaajilaa Elsaa'ii nama Waaqaa Gehaaz woliin dubbatiisatti jiraayyu.5Mucaa du'e Elsaa'i attam akka kaase, Gehaaz mootichatti adoo himiisatti jiruu, dubartittiin Elsaa'i ilma isi'ii du'aa kaase dhuttee, marroo manaa fi fichaa ifii mootichatti iyyatte. Gehaaz, «Goottaa kiyya mooticha! Dubartittiin isii tana; ilmi isi'ii ka Elsaa'i du'aa kaaselle isa kana» jedhee mootichatti hime.6Mootichi marroo dubbii tanaa isii gaafate; isiille isatti hinte. Achiin duuba mootichi marroo haajaa isi'ii kanaaf qondaalticha tokkoon, «Waan isi'ii mara, haga isiin biyya irraa deenteen jalqabee haga ammaa waan fichaa isi'ii irraa dhaggame mara isi'iif deebisiis» jedhe.

Du'a Ben-hadaadii

7Mootichi Sooriya'aa Ben-Hadaad yennaa dhibameeru, Elsaa'i gara Damaasqo'oo dhaqe; «Elsaa'i as dhufeera» jedhanee mootichatti yennaa himane,8mootichi Hazaa'eliin, «Kennansa kana nama Waaqaa Elsaa'iif geessii dhaqiitii ani dhibee tana irraa yoo fayyu te'e, karaa isaatiin Mootii Waan Maraa naaf gaafadhu» jedhe.9Maarre Hazaa'el, waan dadansaa qachaa Damaasqo'oo keessaa mara fe'iisa gaala afurtatamaa Elsaa'iif geesse. Inni dhaqee Elsaa'i dura dhaabbatee, «Tajaajilaankeeti mootichi Sooriya'aa Ben-hadaad, ‹Ani dhibee tana irraa hin fayyaa?› jedhee gara keeti na ergeera» jedhe.10Elsaa'i deebisee, «Dhaqiitii, ‹Ati dhugumaan hin fayyita› jedhiin; Mootiin Waan Maraa ammoo akka inni dhugumaan du'u natti mudhiseera» jedhe.11Nami Waaqaa Elsaa'i haga Hazaa'el fokkifatutti ila irraa adoo hin buqqifatin isa ilaalee, achiin duuba bowe.12Hazaa'el, «Ee goottaa kiyya! Maaf bootta?» jedhee gaafate. Elsaa'ille, «Waan hantuu ati Israa'eloota irratti gootu waan beekuuf bowa; qachaa isaanii ka dalleya dhaka'aatiin marfame ibiddaan hin gudda; dargaggoota isaanii shallaaga'aan hin ijjeetta; ijoollee isaanii lafatti hin dhootta; dubartoota isaanii ta ulfa qaddu gadhaa hin baqassita» jedhe.13Hazaa'el, «Ani tajaajilaan keeti sareen kun, attamiin waan guddoo akkasii godhuu dande'aa?» jedhee gaafate. Elsaa'i deebisee, «Ati mooticha worra Sooriya'aa akka teetu Mootiin Waan Maraa natti mudhiseera» jedhe.14Achiin duuba Hazaa'el, Elsaa'i biraa deemee gara Ben-hadaadii goottaa ifii deebi'e; yennaa san Ben-hadaad, «Elsaa'i maan si jedhe?» jedhee gaafate. Hazaa'el deebisee, «Ati dhugumaan akka fayyitu natti hime» jedhe.15Boruyyaa ammoo Hazaa'el bullukkoo fuudhee bisaan keessa cuuphee, fuula mootichaa irra buusee buqee ijjeese. Achiin duuba Hazaa'el addee Ben-hadaadiititti mootii worra Sooriya'aa te'e.

Yehoraamii Mootii Yihuda'aa

16Ilmi Ahaabii Yoraam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, ilmi Yoshaafaaxii Yehoraam biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e.17Inni yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii lamatti ti; Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche.18Yehoraam intala Ahaabii waan fuudheef, akkuma maatiin Ahaabii goote karaa mootota Israa'elii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.19Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Daawitiif jedhee, isaa fi sanyii isaa keessaa haga bara baraa mootiin akka hin dhabanne waadaa waan galeeruuf, Yihudaa balleessuu hin barbaanne.20Bara mootummaa Yehoraamii Edoom Yihudaa irratti kaatee, mootii ifii mootonfatte.21Maarre Yehoraam garreettaa fardaan harkifamu ka ifii mara fudhatee Saa'iiritti duule. Worri Edoomii isaa fi ajajjoota isaa ka garreettaa fardaan harkifamuu marsane; innii fi ajajjooti isaa ka garreettaa fardaan harkifamuu ammoo, halkaniin ka'anee worra Edoomii lolanee dhoosane bayanee, baqatanee gara mana ifii deebi'ane.22Yennaa sanii jalqaddee biyyi Edoomii bulchiinsa Yihuda'aa irratti kaatee finqilte. Liibnaalle yennuma san finqilte.23Wonni dhibiin ta mootichi Yehoraam huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.24Yehoraam du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame. Ilmi isaa Ahaaziyaan addee isaatitti mootii te'e.

Mootii Yihuda'aa Ahaaziyaa

25Ilmi Ahaabii Yoraam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ilmi Yehoraamii Ahaaziyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e.26Ahaaziyaan mootii yennaa te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa tokko bulche; maqaan haadha isaa Ataaliya'a; isiin intala Ahaabii ilma Omirii mootii Israa'elii ti.27Ahaaziyaan fuudhaa fi heerumaan maatii Ahaabii woliin waan firoomaneef, karaa maatii Ahaabii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.28Ahaaziyaan Yoraamii ilma Ahaabii woliin mooticha Sooriya'aa Hazaa'el Raamoot-Giili'aaditti loliisaaf dhaqe; worri Sooriya'aa Yoraam madeesse.29Mootichi Yoraam madaa ifii ta mooticha Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol loluu Raamootitti madowe san fayyiisaaf gara Yizre'elii deebi'e; ilmi Ahaabii Yoraam waan madoweeruuf, ilmi Yehoraamii Ahaaziyaan mootiin Yihuda'aa isa gaafatiisaaf Yisre'el dhaqe.