Mootii Yihuda'aa Minaasee
1Minaaseen yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziiba'a.2Inni akkuma kolbaa biyya adda addaa ta waan battii hujjeen Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii, aadaa battittii hordofee Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.3Inni addee waaqonfanna'aa, ta abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; akkuma mootiin Israa'elii Ahaab godhe, innille Ba'aaliif addee ciinca'aa ijaaree, fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu huje. Inni urjoota ol-gubba'aatiif sagadee, isaanille waaqonfate.4Inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee Mootiin Waan Maraa, «Ani Yerusaalem keessatti hin waaqonfama» jedhetti, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ijaare.5Badhinna Galma Waaqaa lamaanuu keessatti, urjoota ol-gubba'aa mara waaqonfatiisaaf addee ciinca'aa ijaare.6Inni ilma ifiituu ciincaa dhikeessee,worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu irraa gorsa gaafatee, Mootii Waan Maraa duratti waan akka malee hantu'uu hujee akka Mootiin Waan Maraa aaru godhe.7Inni fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu ka huje san Galma Mootii Waan Maraa, ka Mootiin Waan Maraa Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem addee gosa Israa'elii mara keessaa filadhe keessa, maqaan kiyya haga bara baraa hin jiraata. Kolbaan Israa'elii ajaja kiyyaa fi Seera tajaajilaan kiyya Muuseen isaaniif kenne mara yoo eegatte, lafa ani abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessaa bayanee akka isaan joonjanu deebi'ee hin godhu» jedhe san keessa keye.9Minaaseen isaan dokonkorsee, isaan gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase caalaa, waan hantuu hujane malee Mootii Waan Maraa hin caqanne.10Mootiin Waan Maraa karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin,11«Mootiin Yihuda'aa Minaaseen cubbuu battittii tana hujeera; inni worra Amoorotaa ka isa dursanu caalaa waan hamaa hujee, waaqota dharaa ifiitiin kolbaan Yihuda'aa akka cubbuu hujju godheera.12Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani balaa hamaa ka nami dhage'u marti rifatu, Yerusaalemii fi Yihudaa irratti hin fida.13Akkuma qachaa Samaariya'aatii fi mootii Israa'elii Ahaab sanyii isaa woliin adabe, Yerusaalemille hin adaba. Akkuma nami qorii haxowee gad gombisu, anille Yerusaalem haxowee gad hin gombisa.14Kolbaa tiyya ta badii irraa hatte, harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaan diinota ifii maraan booji'amanee hin saamaman.15Isaan bara abbootiin isaanii ta durii biyya Gibxi'iitii baateen jalqabanee, haga adhaatitti ila tiyya duratti cubbuu hujanee, akka ani aaru waan godhaneef, ani tana isaan irratti hin godha› jedha» jedhe.16Minaaseen kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa duratti cubbuu akka hujju ta godhe caalaa, Yerusaalem qacce'ee haga qacce'eetitti dhiiga worra yakkaa hin qanne heddu'uu dhangalaase.17Wonni Minaaseen huje ta dhibi'ii fi cubbuun inni huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.18Minaaseen du'ee, oorruu mana mootummaa ifii keessatti, addee oorruu Uza'aatitti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Amooni mootii te'e.Mootii Yihuda'aa Amooni
19Amooni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemeeti; isiin intala Haaruzii nama qachaa Yoxbaa ti.20Innille akkuma Minaasee abbaa ifii, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.21Inni karaa abbaa ifii mara hordofee, waaqota dharaa ka abbaan isaa waaqonfate waaqonfatee, isaaniifille sagade.22Inni Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii lakkise; karaa Mootii Waan Maraalle hin hordonne.23Tajaajiltooti Amoonii mala isa irratti dhoottee, mana mootumma'aa keessatti isa ijjeette.24Achiin duuba Kolbaan lafa sanii worra Amoonii mooticha irratti mala dhowe mara ijjeettee, addee isaatitti ilma isaa Yosiyaas mootii goote.25Wonni dhibiin ta Amooni huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.26Amooni addee awwaala ifii oorruu Uza'aa keessatti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yosiyaas mootii te'e.