2 Moototaa2gax_twf

Eliyaas Gara Ol-gubba'aa Fudhatame

1Yennaan Mootiin Waan Maraa Eliyaas hobonbolatti'iin gara ol-gubba'aa fudhatu geette; Eliyaasii fi Elsaa'i Giilgalii ka'anee,2adoo ideensa irra jiranuu, Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara Bet'elii waan na ergeef, ati asuma turi!» jedhe. Elsaa'i ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu» jedheen. Maarre isaan gara Bet'elii gad dhaqane.3Raagoti Bet'el keessa jiranu, gara Elsaa'ii dhufanee, «Mootiin Waan Maraa, adha goottaa keeti si duraa akka fudhataaru beettaa?» jedhanee gaafatane. Elsaa'i deebisee, «Eeti'i hin beeka; isin ammoo, marroo waan kanaa hin dubbatina'a» jedhe.4Achiin duuba Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara Yeriko'oo waan na ergeef, ati asuma turi» jedhe. Elsaa'ille deebisee «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu!» jedhe. Maarre isaan gara Yeriko'oo dhaqane.5Raagoti Yerikoo keessa jiranu, gara Elsaa'ii dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, adha goottaa keeti si duraa akka fudhataaru beettaa?» jedhanee gaafatane. Elsaa'i deebisee «Eeti'i hin beeka; isin ammoo, marroo waan kanaa hin dubbatina'a!» jedheen.6Achiin duuba Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara laga Yordaanosii waan na ergeef, ati asuma turi» jedhe. Elsaa'i ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu!» jedheen. Maarre isaan lamaanuu itti fufanee woliin ideemane.7Raagota keessalle'ee namooti shantam dhaqanee, addee Eliyaasii fi Elsaa'i dhaabbataneeranu irraa fagaatanee, fuullee laga Yordaanosii dhaabbatane.8Achiin duuba Eliyaas geellaa ifii fuudhee, dachaasee ittiin bisaan dhowe; bisaan sun gargar citee, lafa godduu irra ideemanee gamatti bu'ane.9Isaan yennaa gamatti bu'ane, Eliyaas Elsaa'iin, «Ani adoo si duraa hin fudhatamin, maan akka si'iif godhu natti himadhu» jedhe. Elsaa'i deebisee, «Maganne'e, qooda Ayyaana keetii dachaaakka dhaalu na godhi» jedhe.10Eliyaas deebisee, «Ati waan jadduu gaafatte; te'uu malee yennaa ani si duraa fudhatamu yoo na dhaggite, waan gaafatte kana hin dhaggatta; yoo na dhagguu dhadde ammoo hin dhaggattu» jedheen.11Adoo isaan woliin haasowaa ideemanuu, garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaatii fi fardooleen ibiddaa wodhakkaa isaanii seentee, isaan lamaan gargar baatte. Eliyaasille hobonbolatti'iin gara ol gubba'aa fudhatame.12Elsaa'i tana dhaggee, «Abbaa kiyya! Abbaa kiyya! Ka Israa'eliif garreettaa fardaatii fi abbootii fardaa teete!» jedhee iyye; achiin duuba inni deebi'ee Eliyaas hin dhaggine. Elsaa'i guddoo waan gaddeef, woyaa ifii addee lamatti tarsaase.13Elsaa'i woyaa Eliyaas irraa buute lafaa fuudhee, deebi'ee qarqara laga Yordaanosii dhaabbate.14Inni woyaa Eliyaas irraa buute fuudhee ittiin bisaan dhowee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Eliyaasii meet?» jedhe. Yennaa inni bisaan dhowe, bisaan gargar citee, Elsaa'ille gamatti bu'e.15Raagoti Yerikoo keessa jirtu fago'otti yennaa isa dhaggite, «Ayyaanni Eliyaasii Elsaa'i irratti bu'eera!» jette; isaan isa dhaggiisaaf dhaqanee, isa duratti lafatti gad gombifamanee,16«Kunoo, nuuti tajaajiltooti teeti namoota jajjaba shantama ifii biraa qanna; Ayyaanni Mootii Waan Maraa, goottaa keeti fuudhee gaara irratti yookiin dhooqa keessatti gateera fa'a te'a, dhaqanee isa barbaadanuu ti» jedhane. Elsaa'i deebisee, «Waawwo'o! Isaan hin ergina'a» jedhe.17Isaan ammoo haga inni didiisaaf qaaneffatutti ittuma waan gaafataneef, inni «Erga'a» jedheen; maarre isaan namoota shantama san ergane; isaan ammoo guyyaa sad barbaadanee isa dhabane.18Achiin duuba isaan gara Elsaa'ii qachaa Yeriko'ootitti isaan eegiisatti jiruu deebi'ane; Elsaa'ille, «Ani, ‹Hin deemina'a› jedhee isinitti hin hinnee?» jedhe.

Bilbaasota Qara Elsaa'i Godhe

19Namooti gariin Yeriko'oo gara Elsaa'i dhufanee, «Ee goottaa keennaa akkuma ati dhaggitu, latti tun dansa'a; ammoo bisaan bada'a; lattille midhaan hin kennitu» jedhane.20Elsaa'ille, «Qorii haareya keessa soodda buusa'aatii naa fida'a» jedhee ajaje. Isaanille akkuma inni ajaje qorii itti fidane.21Achiin duuba inni gara madda bisaanii dhaqee, soodda bisaan keessa buusee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ani bisaan kana fayyiseera; haganaa achi bisaan kun sababa du'aa yookiin latti midhaan akka hin kennine hin godhu› jedha» jedhe.22Maarre akkuma Elsaa'i dubbate, bisaan sun haga adhaa fayyaallessa.23Elsaa'i gara Bet'elii ol dhaqe; inni karaa irra deemiisatti jiruun, ijoolleen qachaa keessaa gad yaatee qoonqoo guddo'oon, «Namicha mataa molu'uu asii ol deemi! Namicha mataa molu'uu asii ol deemi!» jedhaa itti murgite.24Elsaa'i garagalee isaan ilaalee, maqaa Mootii Waan Maraatiin isaan abaare; achiin duuba doobbaandhalaan lama baddaa keessaa bayee, ijoollee san keessaa nama afurtamii fi lama kukkute.25Elsaa'i gara gaara Qarmelosii ol baye; achille'een gara qachaa Samaariya'aa deebi'e.