2 Moototaa19gax_twf

Hisqiyaas Akka Isaayaas Isa Gorsu Gaafate

1Mootichi Hisqiyaas tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; woyaa gaddaalle uffatee gara Galma seene.2Inni itti gaafatamaa mana mootumma'aa Eliyaaqim, barreessaa mana mootumma'aa Shebna'aa fi hayyootaa keessaa worri jaarsolee te'ane, woyaa gaddaa uffatanee, gara Isaayaasii raagicha ilma Amosii akka dhaqanu erge.3Isaan Isaayaasiin, «Mootichi Hisqiyaas, ‹Barri kun bara rakkinnaa, bara adabbi'iitii fi bara salphinnaa ti; akka dubartii deyiisa geettee hunna ittiin ciniinsifattee deettu dhadduu ti.4Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti dubbii ajajaan loltootaa Rabshaaqeen goottaan isaa mootiin Asoorii isa ergee, Waaqa jiraata'atti akka inni murgu godhe tana mara dhage'ee, isa hin adaba fa te'aa, nu worra diqqaa lubbu'uun hanneef daadimadhu› jedha» jedhane.5Tajaajiltooti Hisqiyaasii mootichaa gara Isaayaasii yennaa dhufane,6inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Dubbii tajaajiltooti mootii Asoorii, na faanshessite waan dhageetteef hin sodaatin.7Kunoo, ani ayyaana akka inni oduu dhage'ee, gara biyya ifii deebi'u isa godhu, isaaf hin kenna; achitti shallaaga'aan akka inni du'u hin godha› jedheera, jedha'aatii goottaa keessanitti hima'a» jedhe.

Roorroo Senaaheriibii

8Mootiin Asoorii qachaa Laakiishii lakkisee akka deeme, ajajaan loltoota Asoorii dhage'ee yennaa deebi'e, inni qachaa Liibna'aa loliisatti jiruun dhagge.9Mootiin Gibxi'ii Tiirhaaqaan nami biyya Itoophiya'aaakka isa loliisaaf dhufaaru, Senaaheriib yennaa dhage'e, Hisqiyaasii mooticha Yihuda'aatitti namoota ergee,10«Waaqi ati itti addattu sun, ‹Yerusaalem harka mootii Asooriititti, dabarfantee hin kennantu› jedhee si hin sobin.11Kunoo, ati waan moototi Asoorii biyyoota mara godhane, akka isaan ijjumaa isaan balleessane dhageetteerta; ati hin baata seetaa?12Waaqoti gosa biyya adda addaa, ka abbootiin tiyya ta durii balleessite, waaqoti qachoota Gozaanii, Kaaraaniitii fi Rezeefii, waaqoti kolbaa Edenii ta Tel-Asaar keessa leetuu, isaan baasaneeranii ree?13Moototi qachoota Haamaatii, Arphaadii, Sefarwaayimii, Henaatii fi Iiwaa meet ree?» jedhe.14Mootichi Hisqiyaas worra ergame irraa xalayaa fuudhee dubbise; achiin duuba gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee, xalayaa san Mootii Waan Maraa duratti diriirse.15Inni daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduungubbaa barcumaa mootumma'aa irra teetteertu, Waaqi mootota biyya lafaa maraa si qofa; lafaa fi ol-gubbaa daddeerta.16Ee Mootii Waan Maraa, gurra keeti gara keenna deebifadhuu dhage'i; ila teetille banadhuutii ilaali; jecha Senaaheriib si Waaqa jiraataa arrassiisaaf erge dhage'i.17Ee Mootii Waan Maraa, moototi Asoorii gosa biyya adda addaatii fi lafa isaanii dhugumaan balleessaneeran;18waaqoti isaaniille, dhaka'aa fi muka irraa harka namaatiin bocamanee hujamane malee, waaqota waan hin te'iniif gubanee balleessane.19Ammalle, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, mootummaan lafaa marti, Mootiin Waan Maraa Waaqi si qofa akka te'e akka beekanuuf, harka mootii Asoorii jalaa nu baasi» jedhe.

Waaqi Hisqiyaasiif Deebii Kenne

20Achiin duuba ilmi Amosii Isaayaas ergaa gara Hisqiyaasii ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani waan ati marroo Senaaheriibii mootii Asooriitiif gara kiyya daadimatte dhage'eera jedha.21Mootiin Waan Maraa marroo isaatiif:«‹Ee Senaaheriib, kolbaan Xiyooniisi tuffattee sitti murgiti.Si'ii baqatiisatti jirtuun kolbaan Yerusaalemiisi duubaan sitti kolliti.22Ka ati arrassitee fika ati faanshessite eennu?Ati eennu irratti barooddee ila teeti baache?Ana Waaqa woyyicha Israa'elii irratti motii?› jedha.23Ati karaa ergantoota teetiitiin,Mootii Waan Maraa irratti murgitee,‹Ani garreettaa kiyyaka fardaan harkifamu heddu'uungara qaccee gaarotaatitti,qaccee gaarota Libaanoniititti ol bayeera;qaccee gaarota sanii irraahindheensa dhedheera'aa fibirbirsa dadansaa jijjisseera;gongomaa keessa fagaadheeciggaa seeneera.24Biyya ormaa keessattiboolla bisaanii qotee,bisaan achii uneera;faana miila kiyyaatiinlagoota Gibxi'ii mara gosseera› jette.
25«Mootiin Waan Maraa,Waan amma te'e kana akka ani qopheesse,bara heddu'uun dura karoora akka baase,qachoota dalleya dhaka'aa qabanuakka ati butuchitu,tuulaa kosi'iille akka ati isaan gootu,akka ani godhe ati hin dhageennee?26Kolbaan qachoota san keessa leetuhunna dhaddee,sodaattee qaanotteerti;akka lattuu diida keessaayookiin akka marra bisile'ee,akka marra mana irratti lateeadoo hin guddatinqilleensaan qooree te'aneeran.
27«Ani ammoo ka'aa fi teessoo teeti,bayaa fi gala keeti,aari'iin na irratti ka'iisa keeti beekeera.28Ati aari'iin na irratti waan kaateef,kooriisa keetille waan dhage'eeruuf,ani saganaa kiyya funnaan keetitti,bixaala kiyya afaan keetitti keyee,karuma dhutte si deebisa» jedhe.29Achiin duuba Mootiin Waan Maraa,ee, Mooticha Hisqiyaas,«Tun beessisa si'iif hin teeti:baranaa fi bara dhufumidhaan ifumaan latee guddatu hin nyaatta;woggaa sadeesso'oo ammoomidhaan facaattee hin haammattayookiin muka woyni'ii dhaabbatteemidhaan isi'ii hin nyaatta.30Sanyii Yihuda'aa keessaa worri miliqee hafe,akka muka hidda gad yaafatee midhaan buusuu,ijoollee hedduu hin horan.31Worri Yerusaalem keessaa figaara Xiyoonii irratti hafane hin dhufan;hinaaffaan Mootii Waan Maraaka waan mara dande'uu tana hin gooti.
32«Tanaaf Mootiin Waan Maraa marroo mootii Asooriitiif:«Inni qachaa kana hin seenuyookiin daaya as itti hin darbatu.Wontee qabatee itti hin dhikaatuyookiin yaabbannoo midhaaffatee hin seenu.33Inni karuma dhufe deebi'a malee,qachaa kana hin seenu.
34« ‹Ani ulfinna kiyyaa fiwaadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee,qachaa kana hin eega;hin hamburalle'e› jedheera» jedhe.35Halkanuma san ergamaan Mootii Waan Maraa gara addee quttuma worra Asoorii dhaqee, namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan ijjeese; boruyyaa ganama namooti yennaa ka'anu, nami marti du'eeruun dhaggane.36Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib, addee quttumaa san lakkisee, gara qachaa Nanawwe'ee deebi'ee achi le'e.37Gaafa tokko inni galma waaqa ifii keessa seenee, waaqa ifii ka «Nisroo» jedhamu waaqonfatiisatti adoo jiruu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer shallaaga'aan isa ijjeesanee, gara lafa Araaraatiititti baqatane; addee isaatitti ilmi isaa Esaar-hadon mootii te'e.