2 Moototaa16gax_twf

Mootii Yihuda'aa Ahaaz

1Ilmi Remaaliya'aa Pheqaan Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa kudhanii torbeesso'ootitti, ilmi Yotaamii Ahaaz mootii Yihuda'aa te'e.2Ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa bulche. Inni akka Daawitii abbaa ifii ka durii Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan sirrii te'e hin hunye.3Inni akkuma moototi Israa'elii hujane huje. Inni akkuma kolbaa biyya adda addaa ta waan battii hujjee, ta Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii hujee, ilma ifiituu ibiddaan gubeeciincaa dhikeesse.4Ahaaz addee waaqonfanna'aa irratti, qaccee koobotaa irratti, muka banqaaqaa mara jalatti ciincaa dhikeessee, hixaanalle aarse.5Mootichi Sooriya'aa Resiinii fi mootichi Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan Yerusaalem loliisaaf duulanee, qachaa san woliin Ahaaz marsane; ammoo isa injifatuu hin dandeenne.6Yennaa san mootichi Sooriya'aa Resiin, Yihudoota ari'ee baasee qachaa Elootii Sooriya'aaf deebise. Namooti Edoomii ka Elootitti galane haga adhaalle achi keessa le'an.7Mootichi Ahaaz, gara mooticha Asoorii Tiiglaat-Phileeseritti namoota ergee, «Ani tajaajilaa keeti; ilma keetille'e. Koyiitii worra na loliisatti jiranu harka mooticha Sooriya'aatii fi Israa'elii jalaa na baasi» jedhe.8Ahaaz meeti'ii fi worqii Galma Mootii Waan Maraa keessaatii fi ta mana mootumma'aa keessaa fuudhee mooticha Asooriitiif erge.9Mootichi Asoorii isaaf dhage'ee, Damaasqo'otti duulee qachaa san qabate. Inni mooticha Resiin ijjeesee, namoota qachaa sanii booji'ee gara addee, «Qiir» jedhantuu geesse.10Achiin duuba mootichi Ahaaz, mootii Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhaggiisaaf gara Damaasqo'oo dhaqe; inni addee ciinca'aa takka Damaasqoo keessatti dhaggee, fakkii addee ciinca'aa san harkaan hujee, karoora ijaarsa isi'ii mara woliin, hayyicha Uriiya'atti erge.11Maarre adoo mootichi Ahaaz hin deebi'in, hayyichi Uriiyaan akka fakkii mootichi Ahaaz Damaasqoo irraa erge saniititti addee ciinca'aa ijaaree fixe.12Mootichi Ahaaz Damaasqoo irraa deebi'ee addee ciinca'aa yennaa dhagge, achi irratti ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe.13Inni addee ciinca'aa san irratti kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii dhikeessee, kennansa daadhii woyni'ii irratti dhangalaasee, kennansa dhiigaa ka tokkumma'aa irratti fiffixe.14Ahaaz addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante, ta addee ciinca'aa haareyaa fi Galma Mootii Waan Maraa wodhakkaa, Mootii Waan Maraa dura jirtu fuudhee, addee ciinca'aa haareya irraa gara kaabaatitti keye.15Achiin duuba mootichi Ahaaz, «Kennansa gubamu ka ganamaa, kennansa midhaanii ka galgalaa, kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii ka mootichi fidu, kennansa gubamu, kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka kolbaan lafa sanii marti fiddu, addee ciinca'aa guddittii haareya irratti ciincessi; dhiiga horii ciinca'aaf dhikaatuu, dhiiga ciincaa dhibi'ii maralle addee ciinca'aa san irratti fiffixi. Addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante ammoo, akka qajeelcha ittiin gaafadhu naa lakkisi» jedhee Uriiyaa hayyicha ajaje.16Hayyichi Uriiyaan waan mootichi Ahaaz isa ajaje mara godhe.17Mootichi Ahaaz waan meya irra keyanu ka korboo qabu san irraa waan baxxittii roga afurii buqqisee, gabataa itti dhiqatanulle irraa fuudhe; Waabaabisaanii ka fakkii korommii sageettuu irraa hujamane irra jiru san irraa gad buusee, hundee dhaka'aa irra keye.18Ahaaz mooticha Asoorii gammachiisiisaaf jedhee, waan akka gaaddisaa ka mootichi guyyaa Sanbataa akka jala tee'uuf, Galma Mootiin Waan Maraa keessatti hujame fuudhee baasee, karra seensuma mootichi gara Galma Mootii Waan Maraa ittiin seenulle cufe.19Wonni dhibiin ta mootichi Ahaaz huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.20Ahaaz du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Hisqiyaas mootii te'e.