Mootii Israa'elii Yeho'ahaaz
1Ilmi Ahaaziya'aa Yo'aas Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa diddamii sadeesso'ootitti, ilmi Yehu'uu Yeho'ahaaz Israa'el irratti mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee woggaa kudhanii torba bulche.2Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san hordofiisaan, Mootii Waan Maraa duratti hujii hantuu huje; inni hujii hantuu san irraa hin deebine.3Maarre Mootii Waan Maraa Israa'elootatti guddoo aaree, bara heddu'uuf harka mooticha Sooriya'aa Hazaa'eliitii fi ilma isaa Ben-Hadaadiititti dabarsee isaan kenne.4Achiin duuba Yeho'ahaaz gara Mootii Waan Maraa daadimate; Mootiin Waan Maraalle mootichi Sooriya'aa Israa'eloota akka cunqursiisattijiru dhaggee, daadimata Yeho'ahaazii dhage'e.5Tanaaf Mootiin Waan Maraa, nama Israa'eloota worra Sooriya'aa jalaa baasu ergeef; Israa'elootille harka worra Sooriya'aa jalaa bayanee akkuma durii nageyaan le'ane.6Te'uu malee, isaan cubbuu sanyii Yerobi'aamii ta inni akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine; fakkiin waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, qachaa Samaariya'aa keessaa adoo hin diigamin hatte.7Mootichi Sooriya'aa, loltoota Yeho'ahaazii balleessee, akka bukuu yennaa midhaan dhowanu kaatuu waan godheef, abbootii fardaa shantama, garreettaa fardaan harkifamu kudhanii fi loltoota miilaa kuma kudhan malee tokkolle hin hanne.8Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'ahaaz huje duudi'ii fi jannummaan isaa kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.9Yeho'ahaaz du'ee, Samaariyaa keessatti awwaalame; ilmi isaa Yeho'aash addee isaatitti mootii te'e.Yeho'aashii Mootii Israa'el
10Yo'aas Yihudaa irratti mootii te'ee woggaa soddomii torbeesso'ootitti, ilmi Yeho'ahaazii Yeho'aash Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa Israa'el bulche.11Innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine.12Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'aash huje duudi'ii fi jannummaan isaa ta inni mootii Yihuda'aa Amaasiyaa lolelle kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.13Yeho'aash du'ee, qachaa Samaariya'aa keessatti mootota Israa'elii biratti awwaalame; ilmi isaa Yerobi'aam addee isaatitti mootii te'e.Du'a Elsaa'ii
14Raagichi Elsaa'i dhibee isa ijjeette saniin worwaanatuun, mootichi Israa'elii Yeho'aash isa ilaaliisaaf dhaqee, «Abbaa kiyya! Abbaa kiyya! Ka Israa'eliif garreettaa fardaatii fi abbootii fardaa teete» jedhee isaaf bowe.15Elsaa'i mootichaan, «Guube'eefi daaya fudhadhu» jedhe; Yeho'aashille guube'ee fi daaya fudhate.16Achiin duuba Elsaa'i, «Guubee harkatti qabadhu» jedhe. Yennaa inni harkatti qabate, Elsaa'ille harka ifii harka mootichaa irra keye.17Achiin duuba Elsaa'i, «Foddaa ka gara aduun baatuu bani» jedhe; innille bane; Elsaa'i, «Daaya darbadhu!» jedhe; mootichi akkuma daaya darbateen, Elsaa'i, «Tun daaya Mootii Waan Maraa ka injifacha'aa ti; inni ka worri Sooriya'aa ittiin injifatamu; ati worra Sooriya'aa qachaa Afeqi'ii keessatti ijjumaa hin balleessita» jedhe.18Achiin duuba Elsaa'i mootichaan, «Daayota dhibii fuudhiitii lafa tuttumadhu!» jedhe; innille daayota fuudhee yennaa sad lafa tuttumatee lakkise.19Elsaa'i isatti aaree, «Yennaa shan yookiin yennaa jaa adoo lafa tuttumattee jiraatte, worra Sooriya'aa injifattee ijjumaa hin balleessitaayyu; amma ammoo yennaa sad qofa isaan hin injifatta» jedhe.20Elsaa'i du'ee awwaalame. Ji'oota birra'aa mara gareen loltoota Mo'aabii lafa Israa'elii seenan.21Gaafa tokko Israa'elooti nama du'e awwaaliisatti adoo jiranuu, saamtota worra Mo'aabii dhagganee, reeffa namichaa addee awwaala Elsaa'ii keessatti qolaansane. Reeffi namichaa akkuma lafee Elsaa'ii tuqeen, namichi du'aa ka'ee dhaabbate.Israa'elooti Qachoota Sooriya'aa Deebitee Qabate
22Bara mootummaa Yeho'ahaazii mara mootichi Sooriya'aa Hazaa'el Israa'eloota mara cunqurse.23Mootiin Waan Maraa ammoo sababa gondooroo Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob woliin godheetiif, isaaniif nayee, mararee isaan qarqaare. Inni haga adhaa isaan hin balleessine yookiin fuula ifii duraa isaan hin fageessine.24Mootichi Sooriya'aa Hazaa'el du'ee, ilmi isaa Ben-hadaad addee isaatitti mootii te'e.25Achiin duuba ilmi Yeho'aazii Yeho'aash, qachoota Hazaa'el abbaa isaa Yeho'aaz lolee irraa fudhate, ilma Hazaa'elii Ben-hadaad irraa deebifate. Yeho'aash yennaa sad isa injifatee qachoota Israa'elii deebifate.