Mootii Yihuda'aa Yo'aas
1Yehuun Israa'el irratti mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, Yo'aas mootii Yihuda'aa te'ee, Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama bulche; haati isaa Ziibiyaan nama qachaa Bersheeba'aa ti.2Bara hayyichi Yoyaadaan isa gorsaa ture maratti, Yo'aas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.3Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne.4Yo'aas hayyootaan, «Beesee kennaa addaa ta namooti gara Galma Mootii Waan Maraa fidanu: beesee laakkossa namaa irraa dhaggante, beesee waada'aatii fi beesee nami fedha ifiitiin kennu mara wolitti qaba'a.5Hayyooti tokko tokkonuu, beesee namoota beesee qabatanu irraa fuudhane, addee Galmi Waaqaa caccabee dhaggame deebisanee ittiin haaressanuu ti» jedhe.6Hayyooti ammoo Yo'aas mootii te'ee, haga woggaa diddamii sadeesso'ootitti Galma Waaqaa hin haaressine.7Tanaaf mootichi Yo'aas hayyicha Yoyaada'aa fi hayyoota dhibii waamee, «Galma Waaqaa ka caccabe maaf haaressuu dhaddane? Addee Galmi Waaqaa caccabe ittiin haaressiisaaf dabarsa'aa kenna'a malee, haganaa achi namoota beesee qabatanu irraa beesee hin fuudhina'a» jedhe.8Hayyooti beesee namoota irraa akka hin fuune, Galma Waaqaalle ifiif akka hin haaressine wolii galane.9Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan saanduqa tokko fuudhee qadaaddaa isi'ii irratti urata baasee, karaa nami Galma Mootii Waan Maraa seenu gara middaatiin addee ciinca'aa bira keye. Hayyooti seensuma eeddu, beesee namooti gara Galma Mootii Waan fidane mara fuutee, saanduqa keessa keettiiyyu.10Beeseen saanduqa keessa akka guutte yennaa dhagganne mara, barreessaan mootichaatii fi hayyichi guddaan dhufanee, beesee Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggante san laakkowanee subbatti naqanee hidhaniiyyu.11Beesee san laakkowaneen duuba, namoota itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennan; beesee san Galma Mootii Waan Maraa ijaariisaaf, worra muka bocuuf, worra dhaka'aan mana ijaaruuf,12worra dhakaa bocuuf, worra dhakaa muruuf kaffalan. Akkasuma Galma Mootii Waan Maraa ka caccabe deebisanee haaressiisaaf mukaa fi dhakaa bocame bitiisaaf, Galma Mootii Waan Maraa deebisanee haaressiisaaf waan barbaachisu maraaf kaffalaniiyyu.13Te'uu malee, beesee Galma Mootii Waan Maraatiif kennante tana, gabataa meeti'ii, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii, tultullaa yookiin meya meetii irraa yookiin worqii irraa hujamu hujiisaaf hin balleessine.14Beeseen sun hojjatoota Galma Mootii Waan Maraa deebisanee haaressanuuf kennante.15Namooti itti gaafatantoota huji'ii addatamumma'aan waan hujaneef, beeseen hojjattootaaf akka kaffalanu isaanitti kennante sun harka isaaniititti hin toowatanne.16Beeseen woreega yakka'aatii fi sababa cubbu'uutiif kennantu, ta hayyootaa waan teeteef gara Galma Mootii Waan Maraa hin fidanu.17Yennaa san mootichi Sooriya'aa Hazaa'el qachaa Gaatii lolee qabate; achiin duuba qachaa Yerusaalemii loliisaaf murteeffate.18Mootichi Yihuda'aa Yo'aas ammoo, meya abbootiin isaa ta durii moototi Yihuda'aa Yoshaafaax, Yehoraamii fi Ahaaziyaan Galma Mootii Waan Maraatiif adda baasanee woyyoonsane mara, kennansa inni ifumaafuu adda baase, worqii Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessatti dhaggante mara mooticha Sooriya'aa Hazaa'eliif erge; achiin duuba Hazaa'el Yerusaalem irraa deebi'ee deeme.19Wonni dhibiin ta mootichi Yo'aas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.20Qondaaltoti isaa isa irratti kaatee, karaa gara Siilaa gad bu'u irratti Bet-miilo'otti isa ijjeette.21Qondaaltoti isaa worri isa ijjeese ilma Shime'aatii Yozaabaadii fi ilma Shomerii Yehozaabaad. Yo'aas du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Amaasiyaan addee isaatitti mootii te'e.