2 Moototaa11gax_twf

Mootittii Yihuda'aa Ataaliyaa

1Ilmi isi'ii Ahaaziyaan akka du'e Ataaliyaan yennaa dhageette, kaatee maatii moototaa mara balleessite.2Intalti Yoraamii mootichaa, obboleettiin Ahaaziya'aa Yoshebaan ammoo, ilma Ahaaziya'aa Yo'aas, ilmaan moototaa ta ijjeefamu'uuf jiranu keessaa dhossitee baattee, akka inni hin ijjeefanneef, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti Ataaliyaa jalaa dhossite.3Woggaa jaaf haga Ataaliyaan mootittii teete, inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti ta isa guddittu woliin dhokatee hafe.4Woggaa torbeesso'ootitti ammoo hayyichi Yoyaadaan, ajajjoota dhibbaa ta eeddota mooti'iitii fi ta eeddota mana mootumma'aa maratti ergee, gara Galma Mootii Waan Maraa isaan waansise; achitti isaan woliin gondooroo gondooratee, isaan kakachiiseen duuba, ilma mootichaa isaanitti mudhise.5Inni, isaan ajajee, «Wonni isin gootanu: isin worri guyyaa Sanbataa eeddo'oof baatanu, harka sad keessaa harki tokko mana mootumma'aa eeguu ti.6Harka sad keessaa harki tokko karra Suurii eeguu ti; harka sad keessaa harki tokko karra eeddoti tuun eedduun duuba jirtu eeguu ti.7Isin worri guyyaa Sanbataa badoo eeddoo teessanii fixatane, Galma Mootii Waan Maraa ka mootichi keessa jiru eega'a.8Tokko tokkoon keessan meya lolaa keessan qabadha'aatii, adaala mootichaa dhaabbadha'a; eennulle yoo isinitti dhikaate ijjeesa'a; gara mootichi deemu mara isa woliin deema'a» jedhe.9Ajajjooti dhibbaa akkuma hayyichi Yoyaadaan isaan ajaje godhane; tokko tokkoon isaaniille worra guyyaa Sanbataatiin eegiisaaf dhaquu fi worra eeddoo fixatee galu fudhatanee, gara hayyichaa dhufane.10Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan, ebo'oo fi wontee mooticha Daawitii ka Galma Mootii Waan Maraa keessaa san ajajjoota dhibbaatiif kenne.11Eeddoti tokko tokkoon isaanii meya lolaa qabatanee, Galma Mootii Waan Maraa irraa gara kibbaatii haga kaabaa, addee ciinca'aatii fi Galma Mootii Waan Maraa marsanee, mooticha eegiisaaf dhaabbatane.12Achiin duuba Yoyaadaan, ilma mootichaa gad baasee kallacha mataa isaa irra keyee, barreeffama Mootiin Waan Maraa marroo moototaatiif waadaa gale dhugaa bayu isaaf kennee, isa muudee mootii te'iisa isaa beessise. Kolbaan harka dhoottee qoonqoo ol qabattee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti!» jette.13Mootittiin Ataaliyaan hogaa eeddotaatii fi kolba'aa yennaa dhageette, gara Galma Mootii Waan Maraa addee kolbaan wolitti qabanteertu dhaxxe.14Akkuma baratame mootichi utubaa bira dhaabbatee, qondaaltoti loltootaatii fi worri tultullaa afuufu isa bira dhaabbateeruun dhaggite; kolbaan lafa sanii marti gammadee tultullaa afuufiisatti jirtiiyyu. Achiin duuba Ataaliyaan gadditee woyaa ifii tarsaattee, «Tun maltumma'a! Tun maltumma'a!» jettee iyyite.15Hayyichi Yoyaadaan, Ataaliyaan Galma Mootii Waan Maraa keessatti akka ijjeefantu waan hin barbaanneef, ajajjoota dhibbaatiin, «Tarree teessan oddu'uu gad isii baasa'a; nama isii gula dhufu mara shallaaga'aan ijjeesa'a» jedhe.16Maarre isaan isii qabanee addee fardooleen gara mana mootumma'aa seentu geessanee, achitti isii ijjeesane.

Jijjiirama Yoyaadaan Godhe

17Hayyichi Yoyaadaan akka isaan kolbaa Mootii Waan Maraa te'anu, Mootii Waan Maraatii fi mooticha wodhakka'atti, mootichaa fi kolbaa wodhakkaalle'etti gondooroo gondoore.18Achiin duuba kolbaan lafa Yihuda'aa marti gara galma Ba'aalii dhaxxee, galma san diiddee, addee ciinca'aatii fi fakkii waaqota dharaa caccassite; hayyicha Ba'aalii Maataanille addee ciinca'aa duratti ijjeette. Hayyichi Yoyaadaan Galma Mootii Waan Maraa akka eeganuuf eeddota itti godhe.19Inni ajajjoota dhibbaa, eeddota mooti'ii, eeddotaa fi kolbaa biyya sanii mara fuudhee, isaan woliin mooticha Galma Mootii Waan Maraa keessaa gad baasee, karaa karra eeddotaatiin gara mana mootumma'aa seensisane. Achiin duuba mootichille barcumaa mootumma'aa irra tee'e.20Maarre Ataaliyaan mana mootumma'aa keessatti shallaaga'aan waan ijjeefanteef, kolbaan duudiin gammadde; qachaan sunille nageya dhaggate.21Yo'aas yennaa mootii te'e mucaa woggaa torba ti.