1Ana jaarsa biraa, giittittii filatantee fi ijoollee isi'iitiif: Ani dhugumaan isin jaaladha, na calla'aa moti, ammoo worri dhugaa beeku duudiinuu isin jaalata.2Sababille dhugaan nu keessa jirtu tun haga bara baraa nu woliin hin jiraatti.3Badhaadhi, arjumma'aa fi nageenni, Waaqa Abba'aa fi Yesuus Kiristoosii Ilma Abba'aa biraa, dhuga'aa fi jaalalaan nu woliin jiraatuu ti.
Dhuga'aa Fi Jaalala
4Akkuma Abbaan nu ajajetti, ijoollee teeti keessaa gariin dhuga'aan jiraatanuun dhaggiis guddoo na gammachiiseera.5Ammalle giitti'i! Akka wol jaalannuuf, ajaja jalqabaa jalqannee qannu san si yaadachiisiisaaf malee, ajaja haareya si'iif barreessiisaaf moti.6Jaalala jechuun ajaja Waaqaatiif ajajamiisaan le'iisa. Akkuma isin martinuu jalqabaa jalqaddanee dhageettane, ajaji isaa akka jaalalaan leetanu.7Akka Yesuus Kiristoos fooniingara biyya lafaa dhufe worri dhugaa hin baanne, worri nama dokonkorsanu hedduun gara biyya lafaa bayaneeran. Eennulle nami akkasii nama nama dokonkorsuu fi nama Kiristoos mormu.8Gatii guutuu akka dhaggattanu malee, gatii waan hujjanee akka hin dhanne ifi eeggadha'a!9Nami barsiisa Yesuusiitiin hin jiraannee fi irraa goree deemu mara Waaqa hin qabu; nami barsiisa Kiristoosii qabatee ittiin jiraatu mara ammoo Abba'aa fi Ilma qaba.10Barsiisa kana adoo hin qabatin eennulle gara keessan yoo dhufe, mana keessanitti isa hin fudhatina'a! Nageyalle hin fuudhina'a!11Nami nageya isa fuudhu, hujii isaa hantuu san qoodama.
Nageya Dhaamiisa
12Waan isiniif barreessu waan hedduu qaba; te'uu malee woraqataa fi hallu'uun isiniif barreessiisaaf hin barbaadu; ammoo gammadi keenna guutuu akka te'uuf, gara keessan dhufee ilaan wol dhagginee, isin woliin haasowiisaaf addii qaba.13Ijoolleen obboleettii teeti filatantu'uu nageya si'iif dhaanti.