2 Worra Qorontoosii6gax_twf

1Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina'a jennee isin kadhanna.2Waaqi,«Yennaa na biratti fudhatama qadduttiani si caqase;Guyyaa fayyinna keetii,ani si qarqaare» jedha.Kunoo dhage'a'a yennaan fudhatama qaddu amma; guyyaan fayyinnaalle adha.3Tajaajilli keenna akka hin tuffatanne, eennulle'eef gufuu hin teenu.4Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina.5Akki ifi dhikeessinulle: dikamiisaan, hidhamiisaan, raafamiisaan, huji'iin dadhabiisaan, hirriiba dhabiisaa fi beelaan;6akkasuma qulqullumma'aan, beekkumsaan, ossaan, arjumma'aan, Ayyaana Woyyichaan sooreffamiisaa fi jaalala dhuga'aatiin,7jecha dhuga'aatii fi hunna Waaqaatiin. Hubiisaa fi ifi irraa dhooggatiisaafille, mey keenna ka woraanaa balchumma'a.8Nuuti ulfinnaa fi salphinnalle fudhanneerra; komatamiisaa fi leellifamiisalle fudhanneerra; dhugaameyyii adoo teeneerruu, dharaameyyii jedhanneerra;9ka beekkanne adoo teeneerruu, akka hin beekkamin teene; du'aneeran yoo jedhanu, jiru'uun jiraannee dhagganna; dikannulle hin ijjeefanne;10gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna.11Worra Qorontoos keessa leetanu! Nuuti ifa tolchinee isinitti dubbanneerra; gadhaa keennalle badhinnee isinii banneerra.12Isinumatti gadhaa nu irraa kutate malee, nuuti isin irraa hin kutanne.13Akkuma nuuti gadhaa isinii badhanne, isinille gadhaa nu'uuf badhadha'aa jedhee akka ijoollee tiyyaatitti isinitti dubbadha.

Worra Hin Dhugeeffanne Woliin Hin Xaxamina'a

14Worra hin dhugeeffanne woliin hin xaxamina'a. Balchumma'aa fi cubbuun attam wol qabatuu dande'an? Ifaa fi dukkanti attam woliin jiraatuu dande'an?15Kiristoosii fi Seexanni attam wolii galuu dande'an? Nami dhugeeffatuu fi nami hin dhugeeffanne maan woliin qaba?16Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu,«Mana kiyya kolbaa tiyya oddu'utti hin godha;odduu isaaniille hin le'a;Ani Waaqa isaanii hin te'a,isaanille kolbaa tiyya hin te'an» jedhe,nuuti Galma Waaqa jiraata'aa ti.17Ammalle Goottaan,«Isin odduu isaaniitii fowama'atii baya'a;waan battii te'e hin tuqina'a.Anille isin hin fudhadha;18Ani Abbaa keessan hin te'a,isinille ilmaan tiyya ta dhiiraatii fi durraa hin teetanjedha Goottaan waan mara dande'u» jedheera.