2 Worra Qorontoosii5gax_twf

1Nafi keenna ka lafa tanaa, ka akka dunkaani'ii keessa leenu yennaa diigame, mana harka namaatiin hin ijaaramin, ka Waaqi ol-gubba'atti ijaare akka qannu hin beenna.2Ammaa tana nuuti nafa ol-gubba'aa uffatiisaaf dharra'iisaan aadiisatti jirra.3Isa san yennaa uffanne qullaa jiraannee hin dhaggannu.4Dunkaana lafa tanaa keessa haga jirru, ba'aan nu'utti ulfaattee aadaarra; wonni nuuti aadaarruuf duuti jiru'uun jijjiirantee, nafa ol-gubba'aa akka uffannuuf malee, nafa keenna ka lafa tanaa irraa adda bayiisa barbaanneetii moti.5Jijjiirama kanaaf ka nu qopheesselle Waaqa; san caalaalle waan nu'uuf kennamu maraaf akka qaddii te'uuf, ayyaana ifii ka nu'uuf kenne isa.6Nafa keenna ka lafa tanaatiin haga jirru, Goottaa irraa ka fagaanne akka teene yoo beennelle, yennaa maraa isatti addanna.7Nuuti ka jiraannulle dhugeeffanna'aan malee, isa dhaggiisaanii moti.8Nuuti nafa akka mana keennaa te'e kana irraa adda baanee, Goottaa woliin jiraatiisaaf hin halchina; tanaaf ifi addi'iin leena.9Nuuti nafa keenna kanaan jiraannulle, jiraatuu dhannulle, yaadi keenna Goottaa gammachiisu'u.10Nami tokko tokkonuu nafa ifiitiin adoo jiruu, waan dansaalle te'e hantuu godheef, akkuma hujii ifiititti gatii dhaggatiisaaf, nuuti martinuu fuula barcumaa mura'aa ka Kiristoosii duratti dhikaatuu qanna.

Kolbaa Waaqaan Araarsuu

11Tanaaf Goottaa sodaatiis maan akka te'e waan beennuuf, worra dhibii hin hubachiinna. Nuuti maan akka teenelle Waaqi hin beeka; isinille gadhaa keessan keessatti nuuti maan akka teene akka beettanu hin addadha.12Worra keessa ifiitiin adoo hin te'in, waan alaan mudhatuun ifi jajanuuf deebii kenniisa akka dandeettanu, nu'uun akka ifi jajjanuuf malee, nuuti ammalle deebinee ifi saadiisaafii moti.13Nuuti maraataa yoo teene Waaqaaf jennee ti; worra qalbii qabu yoo teenelle isiniif jennee ti.14Kiristoos nama duudi'iif akka du'ee fi nami duudiin du'a isaa ka qoodamu akka te'e waan hubanneef, jaalalli isaa nu dirqansiisa.15Worri jiru'uun jiru duudiin, isaaniif jedhee ka du'ee du'aa ka'eef akka le'anuuf malee, haganaa achi akka ifiif hin leene, Kiristoos nama maraaf du'e.16Maarre nuuti ammaa achi eennulle'etti fuula ilaallee hin murru. Tanaan qara Kiristoositti akkana gooneelle yoo jiraanne, haganaa achi akkana hin goonu.17Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.18Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu'uu kenneen teete.19Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu'u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu'ulle'eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne.20Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu'oota Kiristoosii ti; tanaaf, «Waaqa woliin araarama'a» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna.21Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettiiWaaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba'atu godhe.