1Ani deebi'ee isin gaddisiisu'uuf gara keessan akka hin dhunne murteeffadheera.2Ani yoo isin gaddisiiselle, isinuma worra ani gaddisiise malee, eentu na gammachiisa ree?3Ani gara keessan yennaa dhufu, worri na gammachiisu'uu male akka na hin gaddisiinneef jedhee, akka san isiniif barreesse. Sababille gammadi kiyya gammada keessan maraa akka te'e hin addadha.4Gadda gudda'aan, gadhaa laalatee fi imimmaan hedduu buusee wonni isiniif barreesse, akka ani guddoo isin jaaladhu akka beettanuuf malee, isin gaddisiisiisaafii moti.
Nama Yakkeef Araaramuu
5Nami nama gaddisiise yoo jiraate inni ka gaddisiise anaa moti; yakkaa itti o'isiisa hin te'in malee, gara tokkoon inni isin duudii gaddisiise.6Nama akkasii kana, adabbiin isin hedduun adaddane hin geetti.7Namichi kun guddoo gaddiisa irraa ka ka'e addii akka hin kutanne, isaaf araarantanee jajjabeessuu qaddan.8Maarre isa jaalatuu keessan akka mirkaneessitanu isin kadhadha.9Ani haga isin ilaalee, waan maraan ka ajajantanu te'iisa keessan beekiisaaf isiniif barreesse.10Nama isin araarantanuuf, anille hin araaramaaf. Wonni ani namaaf araaramu'uu male yoo jiraatte, sababa keessaniif jedhee fuula Kiristoosii duratti araarameera.11Hujii hantuu seexanaa waan beennuuf, akka inni nu hin gowwoonsineef jedhee tana godhaara.Yaaddoo Phawuloos Qachaa Xiro'aasii Keessatti Yaade
12Oduu Gammadaa ta Kiristoosii lallabiisaaf, yennaa ani gara qachaa Xiro'aasii dhaqe, Goottaan balbala tajaajilaa naaf baneeraayyu.13Ammoo obboleessa kiyya Tiitoos achitti waan dhagguu dhabeef, yaadi kiyya hin foorfanne. Maarre worra achi jirutti nageya dhaamee gara Maqedooniya'aa tare.14Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkumsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddowaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te'uu ti.15Nuuti worra fayyuufille te'e, worra baduuf akka dakkarafoolee dansaa qadduu teenee, Kiristoosiin worra Waaqaaf dhikaateeru.16Nuuti, worra baduuf foolee gara du'aa geessitu; worra fayyuuf ammoo foolee gara jiru'uu geessitu. Yoona hujii akkasii tanaaf ka dandeettii qabu eennu?17Nuuti akka worra Waaqaan ergameetitti tajaajiltoota Kiristoosii teenee, fuula Waaqaa duratti gadhaa qullu'uun dubbanna malee, akka namoota hedduu Jecha Waaqaa bu'a'aaf daldalanuutii moti.